Proojeektii misooma Haroo Wanciifi Dandii eebbifame

Proojeektii misooma Haroo Wanciifi Dandii har'a Amajjii 13 eebbifamuu miidyaaleen biyya keessaa gabaasan.

Pirojektiin Ikoo Turizimii Haroo Wanciifi Dandii waggoota lama dura MM Abiy Ahmad ijaarsaa eegalsiisan.

MM Abiy Ahmad fuula miidiyaasaanirratti Ikoo Turizimiin Haroo Wancii badhaasa uumaati jechuun barreessan.

"Wanciin yeroo hunda kennaa uumamaa qulqulluu taatee turteetti. Eebba dinqii [uumamni kenne] fudhatanii kunuunsufi gabbisanii itti fayyadamuun gochaa nurraa eegamuudha," jedhan.

Ijaarsa pirojektii misooma mandara Ikoo Turizimii Wancii-Dandii kana keessatti namoota kuma kudhanii oliif carraan hojii akka banames ibsan.

Hojiiwwan misoomaa heddu kanneen akka daandii, sarara ibsaa, mana baruumsaa fa'aa hojjatamuus ibsan MM Abiy.

Pireezidaantin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisas eebba Mandara Ikoo Turizimii Wancii-Dandiitti gammaduusaanii fuula miidiyaa hawaasaasaanii irratti barreessun ibsatan.

"Har'a [Amajjii 13] Mandara Ikoo Turizimii Wancii-Dandii eebbisuu keenyan gammachuu guddaatu natti dhagahama," jechuun mandarichi karra turizimii qofa osoo hin taane carraa hojiifi diinagdee heddu akka uumu ibsan.

Kanneen mandara turizimii kana milkeessan jedhan galateeffachuun addumatti ammoo MM Abiy Ahmad galateeffatan.

Pirojektiin misooma Haroo Wanciifi Dandii kun sagantaa 'Maaddii Biyyaaf' jedhuun MM Abiy Ahmad waggaa lama dura jalqabsiisaniidha.

Pirokektiin misooma Haroo Wanciifi Dandii kun pirokectoota 'Maaddii Biyyaa' MM Abiy ijaarsisan isa sadaffaa akka ta'etu himama.

Wancii hawwata tuurizimii teessuma lafaa ajaa'ibaa qabu, sochiiwwan akka tulluu koruu (hiking) fi bishkileetii oofuufi kaaniif mijataa ta'e, akkasumas bareedina qalbii nama hawwatu qaba.

Hawaasni naannoo haroo Wancii jiraatu eegumsa naannoo irratti, aadaa isaanii eeggachuufi hariiroo hawaasummaa jabaa qabaachutu himama.

Gama biroon ammoo Wanci 'ganda tuurizimii filatamtuu' addunyaa kan bara 2021 ta'uun Dhaabbata Tuurizimii UN (UNWTO)n filatamtee turte.

UNWTO yaa'ii waggaa Ispeen magaalaa Maadiriiditti taa'en gandooti tuurizimii 174 kan biyyoota 75 irraa kaadhimaman keessaati gandooti 44 biyyoota 35 irraa kan filatamanii tura.

Afrikaarraa mandaroota turizimii filatamoo 3 kan filamanii turan yoo ta'u Wanciin mandara turizimii filatamtuu bara 2021 taatee turte.

Mandara turizimii filatamtuu addunyaa kan bara 2023 ta'ee kan filatame ammoo godina Arsii Lixaa, aanaalee Arsii-Nagalleefi Qoree gidduutti kan argamtu Mandara Leephisi.