Injifannoo Ruuben Amooriimiif aara galfii laatteen booda leenjisichi maal jedhe?

Altaay Baayidir taphoota afur Maan Yuunaayitid darban irratti hirmaateera

Madda suuraa, Getty Images

Raafama Maanchister Yuunaayitid keessa tureen booda Ruuben Amoorim injifannoo isaanii jalqabaa bara kanaa argatan.

Kun miira aara galfii guddaa isaaniif kenneera.

Garuu galchii injifannoo Buruunoo Fernaandes lakkoofsise ol jedhee hin ilaalle. Yeroo deeggartoonni galchuu isaa arguun gammadan waliin gammachuu isaa ibsachuu barbaade.

Dhiphina guddaa keessas ture. Buruunoon torban darbe osoo rukuttaa peenaaliitii Fuulham irratti argatan lakkoofsisee jiraate Yuunaayitid dhiibbaa haga gahu keessatti hin kufu ture.

''Si'a lammaffaaf walitti aansee dhaba jedhee hin yaadne. Baay'een itti amana'' jedhe Amoorim.

Biriyaan Embuumoon galchii Piriimer Liigii jalqabaa isaa Yuunaayitidiif lakkoofsiseera.

''Injifannoon kun leenjisaa keenyaaf qofa miti. Garee keenya guutuuf baay'ee barbaachisaadha. Taphoota hedduu mo'achuuf taphanna,'' jedhe.

Torban darbe yeroo Yuunaayitid Girimzbiin mo'amu, ''al takka takkaa taphattootakoo waliin tahuun jaaladha, al takka takka ammoo na jibbisiisu. Al takka takka hojii kana yoon dhiisee deemehoon jedha. Al takka takka waggaa 20 as turuun barbaada,'' jedhe Amoorim.

Amoorim leenjisaa yaada isaatti cichuufi akkan ani jedhetti qofa taphachuu qabdu jedhudha. Karoora tokkoffaa fi lammaffaa hin qabu. Falaasama ani hordofutti baruu qabdu jechuun taphattoota isaa irratti hojjeta.

Warra hin barbaanne garee isaa keessaa hir'isuuf ija hin laafu. Ammayuu wantoota furuu qabu hedduutu jira.

Rakkoo karra eegaa

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Amoorim injifannoo argatan duubatti dhiisuun waa'ee rakkoo qabanii ibse. Amoorim rakkoo kilebichi qabu ibsuuf duubatti hin jedhu.

''Haala gareen kamiyyuu kubba qabatee naannoo karra keenyaa gahee kubba dhahee lakkoofsisuu keessa jirra. Xiqquma nutti dhiyaannaan galchii lakkoofsisuu isaaniiti'' jedhan.

Kubbi yaalame hedduun isaa galchii taha.

Haala akkasii keessa galuun baay'ee rakkisaadha. Karra eegdonni Maan Yuunaayitid yeroo taphatan hunda dodgogora hojjetu.

Tapha jalqabaa irratti Alataay Baayidir balleessaa hojjeteen Arsenaal galchii 1-0'n injifatee bahe. Amorim gave the game away as he explained the difficulties his side were having in the opening weeks of the new campaign.

Yeroo Giriimzbii waliin taphatan ammoo galchii lameenuu kan lakkaa'aman balleessaa Andiree Onaanaa hojjeteeni.

Tapha Barnilee waliin taphatan irrattis Baayindir kubba qabuu ykn naannoo isaarraa fageessuu dadhabetu galchii lammaffaa akak lakkaa'amuuf sababa tahe.

''Amma karra eegaa maanchister Yuunaayitid tahuun baay'ee ulfaata. Haala ulfaataa keessa jirra,'' jedhan Amoorim.

''Isaanis dhala namaati. Maanchister Yuunaayitid keessatti waan hunduu miiidiyaa irra baha. Namni hunduu waa'ee karra eegaa odeessa. Yoon jijjiiree nama biraa tphachiisus waanuma wal fakkaatutu mudata. Haala akkasii keessa jirra.''

''Taphattoonni waan kilebicha keessa jiruun xiqqoo qormaata keessa jiru. Kun waan gaarii miti. Karra eegdota qofa miti. Taphattoonni hunduu of fooyyessuu qabu.''

Karra eegdonni keenya haaluma amma jiruun dogogora uumuu kan itti fufan yoo tahe garee keenya irratti dhiibbaa hamaa qaba.

Kanumaafidha Maan Yuunaayitid karra eegaa Royaal Antiwerp Seenee Laamens mallatteesisuuf kan gaaffii dhiyeessan.

Karra eegaa kana Galatasaareenis gaafateera. tarii karra eegaa Yuunaayitid keessaa Galatasaareen tokkoo isaanii kan mallatteesisu yoo tahe Yuunaayitid Laamensiin mallatteessisa.

Amoorim miidhamni Maatiyaas Kuunaa fi Masen Maawont irra gahe hagam akka tahe hin barre jedhan.

Kuunaan ariifatee akka itti fufee taphachuu hin dandeenye ibse. Masan Maawonti ammoo boqonnaa booda deebi'ee hin taphanne.

Amoorim gaafatamanii Maawonti daqiiqota 30 tahaniif miidhama wayii waliin taphataa ture, ''kun baay'ee na yaadessa'' jedhan.

Kun ammoo Jooshoyaa Zirkizee fi Koobii maayinuuf carraa kenne. Maayinuun gahumsa akakmii qabu tapha kana irratti agarsiiseera.

Maayinuun Maanchister Yuunaayitid keessaa dhaabbiidhaan bahuu hin barbaadu. Garuu yeroo taphaa gahaa argachuuf ergisa kileba biraatti na ergaa jedhee gaafateera.

Yuunaayitid garuu tasuma taphataa kana kileba biraatti erguu hin barbaadu. Taphatichattis himeera.

Alehaandiroo Gaanachoo Cheelsii galeera. Rasmas Hooyilaandi gara Naappoolii deemuuf waliigaleera.

Beenjaamiin Sheeskoo

Madda suuraa, Getty Images

Dubbii ijoo tahuun kan ture gidduu kana Beenjaamin Sheeshkoo rukuttaa peenaaliitii Girizmbii irratti kudhanaffaa rukutuu isaati.

Isa booda Onaanaa qofatu isa booda hin rukunne. Sheeskoon guyyaa sana dhukkubbii garaa akka qabu ibsameera.

Amoorim tapha Barnileen booda yoo gaafataman akak isa dhukkubee ture mirkaneessan.

''Tapha Girizmbii irratti Sheeskoon osoo isa dhukkubuu taphatee xumure. Fayyaa isaaf of eeggachuuf jecha akka rukittaa peenaaliitii jalqaba hin rukunne yaallee ture.''

Tapha Barnilee irrattis kanumaan wal qabatee taa'umsa jijjiirraa irra akka taa'e himameera.

''Yeroo gannaa daqiiqaa 90 tapha taphate hin qabu. Kanaaf gaafa Roobii daqiiqaa 90 taphachiisnet,'' jedhan Amoorim.

Kuunaanis sababa tapha gaafa roobiin miidhame tahee hin barre kan jedhan Amoorim taphattoota kaan miidhamaan dhabuurraa of eeggachuuf jecha Sheeskoos akka boqaciishan himan.

Tapha kana injifachuun jalqabbii yeroo gaarii Maanchister Yuunaayitid tahaa jedhamanii Amoorim deebisuu hin barbaanne.

Rakkoon isaa Amoorim walitti aansee tapha mo'ate hin qabu. Taphoonni itti aanaan ammoo Maanchister Siitii waliin Itihaad irratti, Cheelsii waliin ammoo Ooldi Tiraafoordi irratti taphatu. Sanaan boodas Bireentifoordi keessummeessu.

Bara dorgommii darbe taphoota sadan irraa qabxii tokko qofa argatan.

Si'a lama ammoo galchii afur irratti lakkaa'ameera.

''Waa'ee guyyaa gaarii yaanne sana jalqabuu amma deebisuu hin barbaadu. Yeroo kudhanii ol waa'ee kanaa isinitti himeera. Amma guyya guyyaan waan hojjechuu qabnu guddaatu nurra jira. Garuu har'a gara gahumsa gaarii fakkaatuutti deebineerra,'' jedhe Amoorim.