Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Jaakob Zumaa: Maanguddoo waggaa 82 paartii keessaa dhorkamaniin michummaf barbaadamaa jiran
Bara 2018 keessa Afriikaa Kibbaatti aangoodhaaf wal dhabdee cimaatu ture. Kana hordofuunis Siiril Raamaafoosaan pirezidantii Kongirasii Biyyaaleessa Afriikaa (ANC) fi kan biyyattii ta’udhaan Jaakoob Zuumaa bakka bu’an.
Waggaa jaha boodeetti yoo deebiinus, maanguddoon wagga 82 Jaakoob Zumaan aangoorraa wayita ka’an kan jireenyi siyaasaa isaanii xumurame fakkaatee ture.
Haata’u malee, wanti hin eegamne mudachuun bayyanatanii fulduratti bahan. Kanaafis ‘‘Sunaamii Zuumaa’’ jedhameera.
Zuumaafi mormiin garuu adda bahuu hin dandeenye.
Baayyee biratti jaalatamaa kan ta’aniifi biyyattii keessatti dhiibbaa olaanaa qabaachun kan himamu, dhalataan Indiifi walitti dhifeenyi maatii sooreessoota Guuptaa waliin walitti dhufeenyi malaamaltummaa qaban dhimmoota falmiirraa bilisa akka hin taane taasisan keessaayi.
Filannoo waliigalaa torban darbe keessa Afriikaa Kibbaatti gaggeeffamee, paartiisaanii dhiheenya hundeessan uMkhonto weSizwe (MK) sagalee parsantaa 14 ol argachuu danda’unsaa, gahee siyaasa biyyattii keessatti qaban kan hin dhumne ta’uu agarsiisa.
Paartiinsaanis namoota filatan miiliyoona 16.2 keessaa sagalee miiliyoona 2.3 argateera. Paartiin biyya bulchu ANC fi Gamtaan Dimokiraasii (DA)n ammoo itti aanuun sadarkaa sadaffaarratti argamu.
Namoonni baayyeenis kufaatiifi ka’umsa Zumaa kan Donaald Tiraamp waliin wal fakkeessu. Tiraamp pirezidantii Ameerikaa yakkamaa jedhame kan jalqabaa ta’era.
Zumaan wagga sadiin dura wayita aangoorra turanitti yakka malaamaltummaatiin qorannoo irratti dhiyaateen mana murtiitti dhiyaachuun ragaa dhiyeeffachuu waan hin dandeenyeef yakkamaa jedhamanii hidhaman.
Afriikaan Kibbaa erga gara dimokiraasiitti ceetee kaasee, hokkarri lubbuu namoota 300 galaafatee kan ka’e Hagayya 2021 wayita Zumaan hidhaman ture.
Dandeettiin dhiibbaa uumuusaa kan hin hir’annee, Zumaa
Filannoon torbanoota muraasaan dura, Zumaan yakkamaa jedhamuun waan itti murtaa’eef miseensummaa paarlaamaaf akka hin dorgomne manni murtii dhorke. Kunis ammoo mallattoo kufaatiisaanii gara biraa taasifamee ilaalame.
Haata’u malee, murteen kun paartiinsaanii sagalee olaanaa argachuurraa hin dhorkine. Murteen Zumaan filannoorraa dhorkamuu filattoonni paartiisaaniif sagalee kennuu hin dhorkine. Bu’aa paartiinsaanii argateen walqabatees Zumaan deebi’anii ka’uu eegalan.
Zumaan jala bulti sagaleen filannoo itti labsamuutti, ‘‘Namni kamuu bu’aa labsuu hin qabaatu. Nu hin dheekkamsiisiinaa. Rakkina hin dhaliinaa’’ jechuun ergaa akeekkachiisaa dabarsan.
Paartiinsaanii bakka jireenyaa Zumaa kan taate Kiwaazuluu keessatti sagalee olaanaa argatan. Sadarkaa biyyaatti ammoo sadaffaa ta’uun xumuran. Kanaan kan hin gammannee kan fakkaatu paartiinsaaniis, filannichi bilisa hin turre, amanummaan ni hanqata jedhan.
Komishiniin filannoo garuu himannaawwan kanneen hin fudhanne.
Zumaan osoo bu’aan filannoo ifa hin ta'iin dura, halakn Sambataa osoo hin eegiiniifi haala ajaa'iba ta’een Wiirtuu Filannoo Johaansibarg qaqabuunsaanii, haala naannichaa tokkichaan jijjire. Akka waan aartiistiin muuziqaa beekamaan tokko waltajjiitti ol baheetti gammachuun naannicha guute.
"Jaakoob Zumaa nama siyaasa Afriikaa Kibbaa keessatti maqaa olaanaa qabanidha…Gadi xiqqeessinee hin ilaallu‘‘ jechuun ture barreessaa Olaanaan ANC, Fiikiilee Moobaalulaan waa’ee sagalee gadaanaa argachuu paartiisaanii kan dubbatan.
Hidhata Zumaafi ANC adda hin cinne
Zumaan Afriikaa Kibbaa sirna Appaartaayidiirraa bilisa gochuudhaaf kan qabsaa’e Paartii ANC keessaa kan dhorkaman ta’anilleen, miseensummaa keessaa garuu gonkumaa hin ari’atamne.
Zumaan paartiisaanii haaraa MK wayita baatii Muddee keessa ifa taasisanitti, yeroo kamuu miseensa ANC akka ta’an beeksiisanii ture. Yeroo walfakkaatutti ammoo, deeggartoonni ANC paartisaaniirraa akka fagaatan gaafatanii ture.
Beekkamtiin Zumaa ANC irriba akka dhorku waan shakkamu miti. Walitti dhufeenyi Zuumaa fi ANC jidduu kan eegalu, paartiichi yeroo seeraan ala turee kaaseeti. Barnoota idilee kamuu kan hin hordofne Zumaan, yero sochii farra- Appaartayidiitti, Odoola Roobiin irratti Neelsan Maandeellaa waliin waggoota kudhaniif hidhamanii ture.
Bara 1990tti dhorkaan ANC irra kaa’amee ture Appaartaayidiin kaafame. Zumaanis baqannaarraa deebi’uudhaan paarticha keessatti ol ka’u eegalan. Isaan boodas bara 1999tti Ittaanaa Pirezidantii biyyattii ta’udhaan filataman.
Bara 2005tti garuu barri aangoosaanii akka tasaa xumurame. Taaboo Imbeekiin haala daldala meeshaa waraanaatiin walqabateen malaamaltummaa keessatti hirmaataniiru jedhamuu hordofee aangoorraa kaafaman.
Gorsaan faayinaansii duraanii, Shaabiir Sheek maqaasaaniitiin dhaabbata meeshaa waraanaa Faransaay tokkorraa matta'aa gaafachuun yakkamaa jedhaman.
Baruma sanatti Zumaarrattis himanni malaamaltummaa dhiyaate. Himannichi kufaa kan taasifame ta’ulleen, Zumaan himannichi siyaasa jechuun qeeqan.
Bara 2005tti ammoo Zumaan mucaa miseensa paartiisaanii gudeedan jedhamuun himannaan irratti dhiyaatee ture. Yeroo sanatti dubartiin umuriinshee wagga 31 taateefi haadhashee deeggartoota Zumaatiin doorsiifni erga irra qaqqabeen booda eenyummaasaanii dhokfachuuf dirqaman.
Yeroo Zumaarratti himannaan dirqisiisuun gudeeduu irratti dhiyaatetti, deeggartoonni kumaatamaan lakkaa’aman mana murtiitti fulduratti walitti qabamanii ture.
Dubartii HIV/AIDS qabdu waliin quunnamtii saalaa of eeggannoon hin qabne raawwachuu amananilleen, waliigalteedhaan kan raawwatame ta’uu dubbatan. Bara itti aanuutti ammoo himannaa hunda irraa bilisa jedhaman.
Zumaan walitti dhufeenyi hawaasa hiyyeeyyii biyyattii fi saboota loogeefffaman waliin qaban kan namoota siyaasaa kaanitiin addadha. Himannaa dirqiidhaan gudeeduu irraa bilisa erga jedhamanii booda ANC keessatti fedhiin aangoo argamee hin beekamne cimaa dhufe ture.
Himannaan malaamaltummaafi waliin dhahuu bara 2005tti Zumaarratti dhiyaate, hirmaannaa pirezidantii duraanii Taaboo Imbeekii ykn deeggartoota siyaasaasaa akka qabu ragaan argameera jechuun ture manni murtii kan murtee dabarse.
Yeroo gabaabaan booda ammoo ANCn Imbeekiin aangoorraa akka ka’an gaafate. Paartiicha keessa jaalatamaa kan ta'an Zumaan filannoo paartii bara 2007tti gaggeeffameen pirezidantii ANC ta’uun filataman.
Bara 2009tti ammoo Zuuman pirezidantii Afriikaa Kibbaa ta’uun filataman. Bara 2018tti ammoo dhiibbaa olaanaa paartii isaanitiin irratti raawwatameen pirezidantummaa irraa ka’an.
Haata’u malee, Zumaan aangorraa akka ka’an taasifamanilleen, ANCn teessuuma caalamaa waan hin arganneef osoo mootummaa hundeessuu dadhabee paartii Zumaa AK waliin qindoomina umuuf filmaata isaatiin ala hin taasiifne.
‘‘Kanneen nu waliin mootummaa hundeessuuf fedhii qaban hunda waliin dubbataa jirra’’ jedhan barreessaa olaanaan ANC Fiikiilee Mbaalulaa.
Paartiin Zumaa, MKnis ANC waliin mootummaa hundeessuudhaaf qophiidha jedheera. Haata’u malee, haal-duree, 'Siiril Raamaafosaan aangoorraa haa ka’an' jedhu kaa’eera.
ANCn ammoo fedhiin kun gaaffii keessa hin galu jedheera. Haata’u malee, Zumaan kan paartii ANCtiin taphataa Chelsii fakkeeffamaa turan amma deebi’anii fuula paartiisaanii ta’aniiru.