‘Bilinkan daawwannaa isaa Itoophiyaatiin waa’ee haqaarratti xiyyeeffachuu qaba’- HRW

Hatsixa HRW

Madda suuraa, Getty Images

Mariin Ministira Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii Bilikan MM Itoophiyaa Abiy Ahimad waliin taasisan, kan sarbama mirgoota namoomaa qaamoolee waraana keessatti hirmaatan hundaan raawwatame jidduu gala taasifate ta’uu qaba jedhuun dhaabbanni mirga namaaf falmu Humaan Raayiti Wach (HRW) gaafate.

Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii Bilinkan boru Bitooteessaa 15, 2023 dowwannaaf gara Itoophiyaatti taasisaniin qondaaltoota mootummaa Itoophiyaa olaanoo waliin ni mari'atu jedhamee eegama.

Bilinkan tibba dowwannaa isaanii kanatti marii MM Itoophiyaa Abiy Ahimad waliin qabaataniin sarbama mirga namoomaa tibba waraanaa Kaaba Itoophiyaatti raawwatame irratti akka xiyyeefataniif waamicha kan taasise dhaabbanni kun.

Dhaabbanni mirga namoomaaf falmu kun ibsa Wiixata har’aa baaseen, Biliikan tarkaanfiiwwan walitti dhufeenyi Ameerikaa fi Itoophiyaa jidduu itti fooyya’u irratti marii ni taasisuu jedhamee eegamas jedhe.

Bulchiinsi Baayidan walitti dhufeenyi biyyoota lamaanii fooyya’uu mirkanneessuuf mirgi namaa fi deeggarsi namoomaa haala gahaa ta’een xiyyeeffannaa ragachuu akka qabu gaafata.

‘‘Ajjeecha fi sarbama Tigraay fi Itoophiyaa keessatti bakkeewwan adda addaatti waggoota lamaan darban keessa miidhaa olaanaa qaqqabsiisee Ameerikaan quba qabdi.

''Daawwannaan Bilibkan kunis qaamoleen hundumtuu yakka isaanitiif itti gaafatamoo akka ta’aniif Ameerikaan dhiibbaa akka taasiftu akeekkachisa kennuuf kun caalaa murteessaadha’’ jedhan Waashingtaniitti Daarektarri Humaan Raayitis Wach, Saaraah Yaagar.

Itti dabaluunis, Itoophiyaa guutuutti namoonni hedduufi hawaasni erga bara 2020 kaasee ammalleen sababii waraanaa fi yakka ilmaan namaarratti raawwatamanitiin rakkataa jiru kan jedhan Saaraah, ‘‘miidhamtoonnis badii qaqabeef beenyaafi haqi akka argamuuf michuu Itoophiyaa kan akka Ameerikaa dhiibbaa akka taasisaniif eeggataa jirus’’ jedhan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Hooggantuun itti dabaluunis, Bilkan hirmaannaan Ameerikaa guutuun Itoophiyaa waliin qabdu itti gaafatamummaa daba hin qabne irratti kan hundaa’u ta’u MM Abiyiitti ifa taasifamuu qabaata jedhan.

‘‘Haqni argamu malee geengoon hokkooraafi wallaba of gochuun yaaliiwwan mirga namoommaa ummattoota itoophiyaa cimsuuf taasifamu irratti dhiibbaa taasisu’’ jedhan Daarektariitiin.

Waraanaa Tigraayiitti waggoota lamaaf gaggeeffameen qaamoolee waraanicha keessatti hirmaataniin ajjeechaafi badiin mirga namoomaa cimaa akka raawwatame irra dedeebiin dhaabbilee mirgaaf falmanii himamaa ture.

Keessattuu hundeeffama komishinii mirga namoommaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniin hundeeffama irratti komii qabaachuu mootummaan Itoophiyaa irra dedeebiin kaasaa turunsaa ni yaadatama.

Sarbama mirga namoomaa kanaan alattis sababa waraana kanaatiin deeggarsa diinagdeefi nageenyaa Ameerikaa irraa Itoophiyaan argataa turte hir'achuun ni yaatama.

Waliigaltee nagaa mootummaa Itoophiyaafi TPLF jidduutti taasifameen booda booda dhimmoota Itoophiyaafi biyyoota lixaa walitti buusuu malan keessaa tokko waa’ee sarbama mirga namoomaa yeroo waraanaa dhaqqabanidha.

Mootummaan Itoophiyaa badiiwwan raawwataman ‘haqa yeroo ce’umsaan’ furmaata akka argatan fedha.

Gareen ekispartoota UN’n hundaa’e garuu biyya keessa seenuun qoratee itti-gaafatamni akka jiraatu barbaada, dhiibbaas gochaa jira.

Biliinkan MM Abiy Ahimad waliin marii taasisan irratti dhimma mirga namoomaafi itti gaafatama yakkaa irratti akka xiyyeeffatan Aminastii Intarnaashinaal gaafateera.

Qaamoleen waraana keessa qooda fudhatan marti badii garagaraan akka himataman qorannoon kana dura taasifame ibsuun isa ani yaadatama.