Tiraamp sibiilotaa fi aluminiyeemii biyya alaatii galfaman irratti gibira 50% kaa'an

Madda suuraa, Getty Images
Prezidaant Doonaald Tiraamp Ameerikaan sibiilotaa fi aluminiyeemii biyya alaatii galfaman irratti gibira dhibbeentaa 25 hanga 50 akka kaahan beeksisaniiru.
Haasaa Pensilvaaniyaa keessatti taasisaniin gibirri kun torbee dhufu irraa eegalee hojiirra akka oolu dubbataniiru.
Gibirri kun oomisha Chaayinaa irraa galfamu irratti hirkannaa jiru hambisuu fi oomisha biyya keessaa guddisuuf akka ta'es ibsaniiru.
Dhaabbanni sibiilaa Ameerikaa US Steel jedhamu dhaabbata Jaappaan Nippon Steel waliin walitti makamuuf doolaara biiliyoona 14 akka invast godhu Tiraamp dubbataniiru.
Tiraamp erga aangoo qabatanii as gibira falmisiisaa kaa'aa turan.
"Oomishaaleen biyya biraatti omishaman kana booda biyya alaatii hin galfaman. Oomishtoonni sibiilaa Ameerikaa bonasii doolaara kuma 5 kan isaaniif malu ni argatu," jedhan pirezidaantichi.
US fi Jaappaan erga waliin hojjechuuf murteessan booda Jappaan akkamiin mirga hojjettootaashee eegdi? kan jedhu gaaffii oomishtoota sibiilaa Ameerikaati.
Tiraamp damee sibiilaa Ameerikaa 'baraaraniiru' jechuun dinqisiifannaan hjarak walitti dhahaniiruuf.
"Gibira dhibbeentaa 50n namni daangaa keenya hin qaxxaamuru. Pensilvaaniyaan lafee dugdaa Ameerikaa ta'uutti ni deebi'a," jedhan Tiraamp.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Waggoota muraasa darban keessa indaastiriin sibiilaa Ameerikaa saffisa isaa kan hir'ise yoo ta'u, Chaayinaa, Hindii fi Jaappaan daldala addunyaatiin damee kana dursaa jiru.
Sibiila gara Ameerikaatti galfamu keessaa harki tokko arfaffaan biyyoota alaa irraa bitama. Meeksikoo fi Kaanaadaa irraas sibiila ni galchiti.
Tiraamp gibira sibiilaa fi aluminiyeemii irratti kaa'amu kana kan labsan erga gibira biyyoota irratti fe'aa jiran tokko tokko mana murtiitti mormamanii booda.
Manni Murtii Daldala Idil-addunyaa gibira kana akka addaan citu erga murteessee booda, manni murtii ol'iyyannoo Tiraamp ilaale gibira kana kaa'uu akka danda'an murteesse.
Himannaan kun gibira sibiilaa fi aluminiyeemii irratti kaffalamu hin dabalanne.
''Oomishtoota sibiilaaf guyyaa guddaadha,'' jedhan miseensi Waldaa Oomishtoota Sibiilaa Ameerikaa Jojo Bargees.
Dhaloonni haaraan oomishtoota sibiilaa damee kana akka seenu abdii qabanis ibsaniiru. Deeggaraa Tiraamp ta'uu baatus, "waan oomishtoota Ameerikaa fayyadu lakki hin jedhu" jechuun yaada kennaniiru.
Hanga ammaatti gibirri Tiraamp daldala idil-addunyaa irratti akka rakkoo uumuutti ilaalama ture.












