"Sababa harma kootiif baayyeen qaaneffadha"- Harmi guddaan fayyaa miidhaa?

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

"Yeroon deemu dugdikoo golbataa ture. Harmikoo guddaa ta'uun akka hin beekamneef qolee koorraa gadi jedheen deema ture. Harmikoo guddaan kuni nasaalfachiisa ture," jetti Raaqeel.

Lammii biyya Arjantiinaa kan taate Raaqeel, harmashee xiqqeesisuuf waldhaansa baqaqsanii hodhuun yaalamteetti. Raaqeel amma umrinshii waggaa 52. "Bilisummaan ammaan dura hin qabnen argadhe," jechuun ibsiti.

Kutaalee addunyaa hedduu keessatti harma guddaa qabaachuun akka mallattoo miidhaginaatti ilaalama. Garuu fayyaa fi haala jireenyaa dubartootaa irratti dhiibbaa qaba.

Harma guddaa waliin rakkoon ni dhufu jedhaman dhukkubbii dugdaa cimaa, mataa bowwoo, dhaabbii sirrii hin taanee fi hirriiba dhabuun isaan ijoodha.

Dhaabbanni idil addunyaa baqaqsanii yaaluu hordofu akka jedhetti, bara 2024tti qofa dubartoonni 652,676 harma isaanii xiqqeesifachuuf baqaqsanii yaaluu raawwataniiru.

Baqaqsanii yaaluun harma xiqqeessu kuni lakkoofsi hedduun kan galmaa'e Biraaziil keessatti yoo ta'u, dubartootni 115,647 yaalamaniiru.

Ameerikaatti dubartoonni 67,478, Faransaayitti dubartoonni 38,780 Jarmanitti 32,068, Turkitti dubartoonni 25,334 fi Hinditti dubartoonni 22,400 baqaqsanii yaaluu kana hojjetataniiru.

Arjantiinaa keessatti harmi guddaan akka mallattoo miidhaginaatti ilaalama.

"Namoonni baayyeen ati carra qabeettiidha naan jedhu ture. Garuu ani carra qabeettii hin turre. Baayyeen rakkadhe. Yeroon dardara tures ergan dahees baayyee rakkadheera," jetti.

Harmashee kana dhoksuuf qoleesheerraa gadi jettee deemaa waan turteef hanga ammaattuu dugdashee dhukkuba.

Raaqeel Yoogaa fi sochii qaamaa ni jaalatti. Harmishee guddaa ta'uun garuu qaamashee akka barbaaddeetti sochoosuuf danqaa itti ta'e.

Pirezedaantiin waldaa baqaqsanii yaaluu Biyya Ingilaand Dr. Nooraa Nugent akka jedhanitti, dubartoonni baqaqsanii yaaluun harmasaanii xiqqeessuun barbaachisu warra akka fedhanitti qaama isaanii sochoosuuf rakkatani jedhu.

"Harmi guddaan ni ulfaata. Kanaaf, qaama gara duraatti harkisa. Dugdaa fi morma irratti dhukkubbii kan fidus kanaafi.

Yeroo sochii qaamaa godhanis mijataa miti. Qabduu harmaa harma utubee qabu argachuunis rakkoo biraati," jedhan.

Raaqeel harmashee utubdee olqabuuf qabduu harmaa lama yookan sadii fayyadamuu qabdi.

Kana malees, hanga guddina harmasheetiin qabduu harmaa argattee bituun gatiinsaas salphaa akka hin taane himti.

Akka Dr, Nugent jedhanitti, dubartoonni harma isaanii xiqqeessuuf baqaqsanii yaalun godhamuuf harma isaanii keessaa qaama ulfaatina giraama 500 hanga 800 keessaa baafamaaf.

"Ulfaatina qaamaa waliigalaa keessaa hangi bahu kuni guddaa kan jedhamu ta'uu baatulleen, kutaa qaamaa tokko qofarratti yoo kuufame garuu guddadaha"jedhu.

Raaqeel ulfaatina harmashee keessaa Kiiloogiraama 2.5 kan ta'u baqaqsanii yaluun ofirraa dhabamsiiste.

"Baqaqsanii yaaluudhaan booda mi'a lafaa fuudhuuf yoon gadi jedhu hammam akka natti sulphate sitti himuu hin danda'u. Baayyee bilisummaan natti dhagahame," jetti.

Ogeessi Baayoomekaaniksii Piroofeesar Jo'aanaa Wakfiildskaar, dubartoonni harma isaanii dhukkubbiin itti dhagahamee yeroo buufata yaalaa dhufan qabduu harmaa hamma harma isaanii waliin mijataa ta'e akka fayyadaman gorsiti.

"Yeroon qabduu harmaa barbaadu wantin baradhe yoo jiraate, faayidaa fi akkamiin akka nu tajaajilu akka nuti sirritti hin beeknedha" jetti.

Qabduun harmaa faayidaa inni dubartootaaf kennu caalaa akka faaya bareedinaatti ilaalutu jira. Kanaaf, "faayidaan isaa akka gaariitti beekamuu dhabuun nama gaddisiisa," jedhan.

Yunvarsiitiin Portimaawuuz kan Yunaaytid Kingidam keessatti argamu waldaa fayyummaa harmaa irratti hojjetu hundeesseera.

Qabduun harmaa harma akka gaariitti hin utubne midhaawwan gurgudoo akka fidus akeekan.

Inni tokko, dhukkubbii gogaadha hanga miira keessaatti dhagahamu. Qabdoon harmaa mijataa hin taane sirna hargansuus miidha.

Yeroo dhahannaa onnee gidduu jiru irratti dhiibbaa fuduun alattis sochii qaamaa waliigalaa irrattis dhiibbaa qaba.

"Dubartoonni harma guddaa qaban harmi isaanii yeroo olii fi gadi jedhu sirna hargansuu isaanii nijeeqa. Akkaataa itti qilleensa fudhatan jeequun alatti yeroo tarkaanfatanis dhiibbaa qaba" jedhan.

Waldaan kuni qorannoo waggootaaf taasiseen booda akkaataa sochii harmaas adda baasaniiru.

Dhukkubbi harmaa xiqqeessuuf furmaanni saffisa sochii qaamaa xiqqeessuudha malee waliigala sochii qaamaa xiqqeessuu akka hin taanes akeeku.

Gareen qorannoo kuni garee kubbaa miilaa dubartootaa UK fi taphattoota dubartootaa garee golfii nigorsa. Qabduu harmaa taphattoota dubartootaaf mijataa ta'e uumuufis qorannoo taasisa.

"Dhaabbiilee Ispoortii akka FA fi Raagbii ni gorsina. Atileetonni dubartootaa qabdoo harmaa mijataa ta'e akka argataniif sochiin kan eegalame waggoota shanan darbe kana. Jijjiirama argaa jiraachuun keenya onnachiisaadha" jedhu Piroofeesar Jo'aanaan.

Raaqeel guddina harmashee xiqqeessuuf baqaqsanii yaaluu hojjetachuu isheetiin baayyoni akka ishee qeeqan himti.

"namoonni Baqaqsanii yaaluu kanan hojjetadhe Sababa dhukkubbiitin osoo hin taane, miidhaginaaf jecha akka hojjetadhetti tilmaamu" jetti.

Yeroo baqaqsanii yaaluu harmaa kana hojjetattetti dubartiin tokko 'Baqaqsanii yaaluu garaas hojjetadhu' akka jetteenii turtes yaadatti.

Raaqeel namootni isheen qeeqanilleen baqaqsanii yaaluudhaan harmashee xiqqeeffachuusheetti gaabbii hin qabdu.

"Amma haalan keessa jiru Kanaan osoon akka duraa harmikoo guddaa ta'ee maalan ta'aayyu? Qaamakoo waliin wal'aansoo walqabuu hin barbaadu" jetti.

Pirezedaantiin waldaa baqaqsanii yaaluu bareedinaa UK Dr. Nooraan akka jedhanitti, dubartoonni harmasaanii xiqqeessachuuf baqaqsanii yaaluu raawwatan baayyinisaanii dabalaa deemuun xiyyeeffannaa fayyaa isaaniitiif kennaa jiran agarsiisa.

"Baqaqsanii yaaluun kuni qaama sirreessuu osoo hin taane, waan fayyummaatti jechuun ibsan.