'Bakka Obbo Maammaan hin jirretti akka waan gaaddisa dhabneeti' - Miseensa Hawaasa Oromoo Siyaatil

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Hedduun Abbaa Hawaasa Oromoo Ameerikaa jedhuun. Hawaasa Oromoo baqaan Ameerikaa qubatan hammachuun gargaaruu fi ijaarun yaadatamu.

Jireenya hawaasummaa, waltajjiiwwan uummataa isaan irraa dhabaman hin jiru.

Hawaasa Oromoo Qubee Afaan Oromoo, seenaa Oromoo fi aadaa Oromoo barsiisuun maqaa horatanii jiru.

Waldaa Hawaasa Oromoo Siyaatil, Federeeshinii Kubbaa Miilaa Oromoo Kaaba Ameerikaa (OSFNA) warra hundeessan keessaa nama hangafaati jedhu warri itti dhiyeenyaan isaan beekan.

Namni Oromoo kaaba Ameerikaa akka ijaatti lakkaawu Obbo Maammaa Argoo tibbana boqotanii jiru.

Obbo Maammaa Argoo maaliin yaadatamu?

BBC'n maatii fi hiriyoota isaanii dubbiseera.

Obbo Maammaa Argoo eenyu?

Maammaa Argoo bara 1946 Shaashamanneetti abbaa isaanii Argoo Dhikkoo, haadha isaanii Ukulaa Hiiloo irraa dhalatan.

Barnoota isaanii sadarkaa duraa fi lammaffaa lafuma dhaloota isaaniitti hordofan. Dargaggummaa isaaniitti sosochii barnoota bu'uuraa naannawa Arsiitti ture keessatti qooda fudhatanii jiru.

Digrii jalqabaa isaanii bara 1969 Nursiingiidhaan Kolleejjii Hospitaala Yaadannoo Zawdituu irraa eebbifaman.

Waggoota lamaaf ogummaa kanaan Kolleejjii Fayyaa Gondar keessatti barsiisanii jiru.

Daseetti Daarektara gargaaraa Hospitaala Asfaaw Wasan ta'anii waggoota lamaaf hojjetanii jiru.

Magaalaa Bulbulaatti mana qorichaa dhuunfaa banachuunis tajaajila kennuu seenaan isaanii ni agarsiisa.

Bara 1970moota keessa Hospitaala Waliigalaa Shaashamanneetti ammoo Itti gaafatamaa Narsii ta'uun hojjetanii jiru.

Boodarras 1980 - 1989tti Hospitaala Adaamaa [duraan Hospitaala Haylamaariyaam jedhamutti] hoggansa ta'uun tajaajilanii jiru.

Obbo Maammaa Argoo bara 1989 irraa eegalanii waggoota kurnan afran darban kan jiraatan Ameerikaadha.

Waggoota sadi jalqabaa Waashingatan DC kan jiraatan yoo ta'u, bara 1992 kaasee hanga boqotanitti Siyaatil jiraachaa akka turan seenaan jireenyaa isaanii ni mul'isa.

'Nama Hawaasa keenya ijaaredha'

Yeroo ammaa Ameerikaa Siyaatil kan jiraatan Obbo Isaa Bashir, Siyaatilitti Obbo Maammaa waliin waggoota 30 caalaniif wal beeku.

Waggoota dheeraafis waldaa hawaasaa keessatti waliin hojjechuu himu.

Obbo Maammaan nama hawaasa keenya ijaare jedhu gumaacha isaan hawaasaf godhan yoo yaadatan.

"Tokko lafa isaan keessa jiraatan (magaalaa Siyaatil tana keessatti) warra hawaasa Oromoo gadi dhaabe nama duraanii keessaa nama tokko.

Hawaasa kana haga ijaaramee as tajaajilaa turani sadarkaa garaagaraatti.

Barreessaa turan, miseensa turan, pireezdaantii turani, nama sabqunnamtii ta'anii hojjetani, erga gadi dhiisaniis nama hawaasa irraa fagaatuu miti, hawaasa kana jala deemu. Hawaasni kun akka gadi dhaabbatu nama tattaaffii gudddaa godhani," jechuun ibsu.

Obbo Maammaan hawaasa eenyummaa, aadaa isaa barsiisuu, kan wal lole araarsuun nama beekaman hayyuu jabaa turani jedhu.

Obbo Maammaan nama aadaati, nama afaan, aadaa sirriitti hubatee beeku akka ta''e kan himan, maatiifi hiriyyoonni isaa, ijoollee Qubee Afaan Oromoo barsiisu, seenaa Oromoo barsiisu, aadaa Oromoo barsiisuu keessatti addatti yaadatamu jedhu.

Nama wal dhabe immoo nama araarsu. akka ta'eefi jaarsa biyyaa nama wal dhabe araasuufi tokko gochuun beekamanidha.

Nama hunda amantaan, lagaan kan hin qoonne, xinnaaf guddaaf ulfina kan qaban namni kun ija hawaasaa turuu dubbatan Obbo Isaan.

Namni biraa jaarmiyaa hawaasaa (Kominitii ) keessatti waggootaaf waliin hojjetan Obbo Sheekkoo Nagawoo, "Siyaatil keessatti kan nu ijaare isaani" jedhan.

Hundeeffama Federeeshinii Kubbaa Miilaa Oromoo Kaaba Ameerikaa keessatti namni bu'uura kaaye isaan ta'uus himan Obbo Sheekkoon.

"Obbo Maammaan nama federeeshinii ispoortii kubbaa miilaa (OSFNA) magaalaa tanatti gad dhaaban keessaa nama tokko.

Akkan yaadutti garee jahaan jalqabanii OSFNA kunoo amata 30 guute. Warri gad dhaabee gara garee 36 kaaba Ameerikaa keessatti warri qubachiisee akka itti hirmaatan godhe Obbo Maammaadha.

Kana yoo ilaaltu Obbo Maammaan waan hawaasni keenya [Siyaatil] barbaadun gamattuu nama waan hawaasni keenya Kaaba Ameerikaa barbaadu nama godhe jechuu dandeessa."

"Dhaaba Ispoortii kana gad dhaabna yoo jedhan dhaaba kana maatii isaanii hunda itti hirmaachisanii, ijoolleen amma Siyaatil tapha yoo dhufan namni mana hin qabne mana isaanii bula. Wannumti isaan keessaa hirmaannaa hin qabne hin jiru, " jedhu.

Obbo Maammaa dhabuun Hawaasa Oromoo Siyaatil jiruuf akka 'gaaddisa dhabuuti' jechuun ibsan Obbo Sheekkoon.

"Bakka Obbo Maammaan hin jirretti akka waan gaaddisa dhabneeti. Gaaddisa guddaa jala teenyu kana kan irratti waliin mari'annee irratti aara baafannu, kan yaada keenya, sodaa keenyas sodaa itti baanu, kan dadhabbii keenyas dadhabbii itti baanu, Obbo Maammaan nama akkasii san turan.

Kanaaf, isaan boqochuun isaanii baay'ee nu miidha. Nama abbaan irraa du'e akkas nutti fakkaate.

Siyaatil Waashingtan Minisootaatti aanuun Isteetota Ameerikaa dhalattoonni Oromoo hedduun keessa jiraatanidha.

Ilmi isaanii Dr Bariisaa Argoo abbaa isaa yoo ibsu, nama saba isaatiif waldhaansoo godhu, nama hawaasa ijaaru jedha.

Nama waldhabdee hawaasaa furuun beekamu jedha. Maatii jidduullee waldhabdeen yoo jiraate nama araarsuun Ameerikaa Siyaatil keessatti mootummaadhanuu beekamu jedha ilmi isaanii kun.

Waashintan Siyaatilittis ogummaa isaatiin hawaasni baqataan sababa afaan, fi aadaa isaan tajaajila fayyaa quubsaa akka hin dhabne, akkamiin tajaajilli fayyaa aadaa hawaasa baqataa giddugaleessa godhamuun dhiyaachuu qaburratti 'EthnoMed' barruu jettu Yunivarsiitii Waashingtan faana ta'uun barreessee gumaachuu BBC'tti hime.

Uummata ofii gargaaruun akka bu'aa qabu jireenya isaarraa heddu baradhe jedha Dr Bariisaan. Gaafa boqotu kabajni uummanni isaaf agarsiise kana na barsiise.

"Nuti Siyaatil hin jiraannu irra guddaa. Keessattuu ijoolleen dhiiraa biyya Poortlaand Oriigan jiraanna.

Garuu inni uummata Siyaatil dhiisee hin deemu jedhe. Kun gaaffii natti ta'aa ture. Manallee gurguruuf yaadaa turre.

Kun kan naa gale ennaa inni du'e 'Abbaan keessan abbaa keenya' jedhanii 'boo'allee nurraa hin fudhattan, asiiyillee hin sochootan' jedhanii guyyaa sadiif achi boo'a teenye.

Jaalala inni dur isaaniif kenne deebisanii kennaa jirani. Ennaa gadda keenyaa nu waliin dhaabbataa jirani, Ameerikaa kaasee hanga biyyaa" jedha Dr Bariisaan.

Obbo Maammaa Argoo nama bultii qabanii fi abbaa ilmaan shaniiti.

Obbo Maammaa Argoo dhalatanii waggaa 80'tti boqotan.

Ilmaan ofii horatan malees biyya keessaa fi alatti ijoollee hedduu guddisanii jiru.

Sirni Awwaalchaa isaanii lafa dhaloota isaanii Arsii Lixaatti akka raawwatamu maatiin BBC'tti himanii jiru.