Feestivaala Ispoortii OSFNA waggaa 25ffaa suuraaleen

Feestivaalli Federeeshinii Ispoortii Oromoo Ameerikaa Kaabaa (OSFNA) waggaa 25ffaa Ameerikaa, Minisootaa magaalaa Mepil Giroov keessatti kabajamee ture.

Yeroon festivaalaa kun mana maree bulchiinsa Minisootaan ''orban Oromoo" jedhamuunis labsameera.

Nutis feesitvaal ispoortii kana irraa suuraalee muraasa isin biraan gahuuf akkasiin qindeessineera.

Federeeshiniin Ispoortii Oromoo Ameerikaa Kaabaa (OSFNA), dhaabbata miti mootummaa, Ameerikaa Kaabaa keessatti Oromummaa kabajuuf qophiii/ feestivaala torban tokkoof turu qopheessuun waggoota 25 darbaniif dhalatootta Oromoo walitti fidaa kan turedha.

Festivaala kana irratti dorgommiin kubbaa miilaa dhirootaa fi dubaraa, fiigicha Kilomeetire tokkoo, qophii faashinii, konsartii fi qophilee adda addaatu dhiyaata.

Uffataalee aadaa fi ammayyaa, faayaaleen fi meeshaalee Oromummaa ibsan biroo festivaala kana irrattii gurgurtaaf dhiyaataniiru.

Dhaltoonni Oromoo Ameerikaa kutaalee gara garaa keessa jiraatanis festivaala kana irratti hiriyyoota, maatii fi ijoollee isaanii waliin ta'uun argamu.

Feestivaala ispoortii Adoolessa 16 hanga 23’tti ture kana irratti dhalattoonni Oromoo kumaatamaan lakka’aman kutaalee US fi Kaanadaa adda addaa irraa bakka tokkotti walitti qabamuun hirmaatanii turan. 

Artistoota babbeekamoo kan akka Taaddalaa Gamachuu fi Mustaar Usmaan konsartii feestivaala kanaa irratti argamaniiru.

Dorgomaa kongirasii Biruuklan Paark kan ta'an Obbo Tashitee Waaqoonis feestivala kana irratti hirmaataniiru.