Masiriin awwaala mootii Fara'oon Tuutaankaamuun guutummaan akka daawwatamuuf banaa goote

Bobboca Tuutaakaamuun warqeerraa hojjatame

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Muusiyeemiin haaraan Masirii hambaalee seenaa awwaala mootii Fara'oon Tuutankamuun keessaa argaman daawwannaaf banaa godhe

Qaroomina addunyaa ajaa'ibsiisoo keessaa tokko kan ta'e Piraamiidii Guddicha Kuufuu kan Masirii, Giizaatti argamu yoo ta'u, Masiriin muuziyeemii arkiyoolojii guddaa addunyaa kan jedhame, Muuziyeemii Guddicha Masrii banaa gootetti.

Muuziyeemii kana keessatti bobbociwwan hambaa seenaafi qaroomina durii agarsiisan 100,000 ta'an walitti qabamanii agarsiisaf taa'aniiru.

Hambaaleen seenaa kunneen qaroomina Masirii bara durii kaasee hanga bara Empaayera Roomatti kan jiruudha.

Muuziyeemii Guddicha Masirii kana keessatti daawwannaf yeroo jalqabaaf banaa kan ta'e awwaala mootii Fara'oon Tuutaankaamuun jedhamuun beekamuudha.

Tuutaankaamuun dargaggeessa ta'ee mootii Fara'oon nama tureedhe jedhama. Awwalli Tuutaankaamuun erga qorataa arkiyoolojistii beekamaa Howaard Kaaratar jedhamuun bara 1922tti argamee as yeroo jalqabaaf guutummaan daawwannaaf banaa ta'uusaati.

Awwaala Tuutaankaamuunin alatti maaskii fuulaasaa warqeerraa hojjatame, teessoofi konkolaataa fardaa illee agarsiisaaf banaa ta'aniiru.

Namoota Muuziyeemii Guddicha Masirii keessa deemuun daawwatan

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Muuziyeemiin haaraa ijaarane siidaa Mootii Raamses II dabalatee hambaalee seenaa 100,000 kan ta'u of keessatti qabateera.

Muuziyeemiin dolaara biliyeena 1.2 ta'uun ijaarame kun waggaatti turistoota miliyeena 8 ta'an ni hawwata jedhamee eegama.

Awwaala Tuutankaamuunifi hambaalee kumaatamaan lakkaa'amaniin alatti bidiruun Kuufuu kan waggaa 4,500 lakkoofsises muuziyeemii kana keessatti daawwannaaf dhiyaatera.

Namoota muuziyeemii Masirii keessatti hambaalee seenaa Qaroomina Masirii Durii daattaa jiran

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa,

Muuziyeemiin masirii haaraa ijaarte kun bal'inni isaa iskuweer meetirii 500,000 ta'a jedhame.

Alli isaa barreeffamoota herogiliifiksiifi bobboca garaa garaan kan faayameedha. Siidaan Mootii Fara'oon isa cimaa jedhamee beekamuu Raamses II dhaabatee jira.

Muuziyeemii hambaalee arkiyoolojii guddaa addunyaa kan jedhame Muuziyeemin Gidaan Masirii kun bara bulchiinsa Hoosnii Mubaarak keessa ture yaadi ijaarsa isaa kan ka'e.

Ijaarsi muuziyeemichaa bara 2005 kan eegale yoo ta'u amma daawwattootaf banaa ta'ee jira.