Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Manni maatii atileetii Iraan rifeensatti osoo hin haguuggatiin dorgomte diigame
Manni maatii Elnaaz Rekaabii – atleetii keenyaan koruu/yaabuu (climber) kan biyya alaatti haguuggaa rifeensaa malee dorgomte - diigamuun isaa gabaafame.
Elnaaz, ganna 33, seera uffannaa dirqamaa Iraan cabsuun dorgommi Kooriyaa Kibbaa dorgomame irratti hirmaateetti. Ta’us garuu boodarra haguuggaan rifeensa ishee tasa irraa akka bu’e himte.
Dhiifama kan gaafatte dirqisiifamte akka ta’e BBC’n odeeffateera.
Haguuggaa rifeensa dirqiisifame mormuun Iraan keessa hiriirri mormii yeroo jabaatetti, atleetiin kun akka gootaatti ilaalamteetti.
Torban kana viidiyoon mana maatishee diddiigamee, meedaliyaawwan lafatti kukkufanii jiran agarsiisu hedduu qoodamaa tureera.
Viidiyoo kana irratti obboleessi Elnaaz, Davood - innis atleetii kan ta’e - yeroo boo’uu ni mul’ata.
Viidiyoon kun yoom akka waraabame ifa ta’uu baatus, rogeessonni mootummaa morman kun gocha Elnaaz irratti haaloo ba’udha jechuun balaaleeffataniiru.
Amma, miidiyaan gariin kan mootummaa ta’e Tasniim manni maatii ishee diigamuu mirkaneesseera, ta’us garuu sababa maatiin kun ijaarsaaf eeyyama hin qabaanneef diigamuu isaa gabaaseera.
Manni kun kan diigame utuu Onkololeessa keessa Elnaaz haguuggaa rifeensaa ishee hin baasiin dura akka ta’es himeera.
Iraan keessatti dubartoonni rifeensa isaanii haguuggaa ykn hijaabaan akkasumas harkaa fi miila isaaniis uffataa bal’aan haguuguun seeraan dirqamadha.
Atileetonni dubaraas yeroo Iraan bakka bu’uun biyya alaatti dorgoman seera uffataa kana hordofuu qabu.
Elnaaz yeroo Kooriyaa Kibbaa irraa Iraanitti deebitu, buufata xiyyaaraa Tehraanitti namootni hedduun ‘gootitti’ jechaa ishee simataniiru.
Yeroo buufata xiyyaaraa geessu, uffata shurraabii fi koofiyyaan rifeensa ishee haguugdee geesse.
Guyyaa itti aanuus uffata wal fakkaataan ministeera ispoortii Iraan waliin kan wal agarte yoo ta’u, kun ammo hanga sanatti manatti hin deebine shakkii jedhu kaaseera.
Maddeen akka jedhanitti Elnaaz hanga ministeericha waliin wal agartutti gamoo Koree Olompikii Biyyaalessaa Iraan keessatti qondaltoota uffata sivilii uffataniin kutaa tokko keessatti to’annoo jala olfamtee akka turte himu.
Iraanitti deebi’uu ishee guyyaa tokko dura, Elnaaz fuula Inistagiramii irratti “nama hunda yaaddessuu” isheef dhiifama gaafatteetti.
“Sababa yeroo hin mijanneefi tasa akkan dorgommii keenyan yaabuu irratti hirmaadhuuf waamameen, haguuggaan rifeensakootii tasa narraa kufe,” jechuun barreessiteetti.
Ta’us garuu maddeen akka himanitti, akkas jette hin barreessitu taanaan qabeenya maatii ishee fudhachuuf anga’oonni ishee doorsisaniiru.
Haaluma wal fakkaataan, taatoo beekamtuun Iraan, Mirtaa Hajjaar, angawoota Iraan hiriira mormii mootummaa gaggeeffamu dhaabsisuuf yaalaniin to’annoo jala oolfamtee mirga wabiin gadhiifamteetti.
Waggooti dheeraaf mootummaa kan qeeqa kan turte Mirtaan, murtee du’aa roggeessa Rubollaah Zaam irratti raawwatee balaaleffattee turte.
Rubollaah hiriira mormii 2019 intarneeta irratti galmeessee ol kaa’aa ture.