Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Affaaritti jiraattoonni sababa kirkira lafaatiin qe'eerraa buqqa'an maal keessa jiru?
Kirkira lafaa Naannoo Affaarii fi gaara Fantaalleetti mudatee fi hammeentaa fi irra deddeebiin isaa dabalaa dhufuun qabenyaarra miidhaa geessisuun gabaafamaa ture.
Keessumaa naannoo Affaar Godina Gabi Raasuu aanaa Dullachaa jedhamuun beekamutti taateen kirikira lafaa kun dabaluudhaan lafti dhoohee manneen jiraattotaa fi bu'uuraalee misoomaa hawaasaa irrattis miidhaa geessisse.
Kirkira lafaa kana hordofuun bishaan danfaan lafa keessaa burqus yeroodhaa gara yerootti dabalaa waan deemeef lammiilee kumaatamaan lakkaa'aman qe'ee irraa akka buqqa'aniif sababa ta'eera.
Aanaa Dullachaa ganda Sageentoo jedhamurraa buqqa'uun maatiisaa waliin aanaa Ollaa Amibaaraa jedhamu qubatanii jiraachuu kan himan Obbo Mohaammaad Se'id, erga qe'ee isaaniirraa buqqa'anii amma torbee tokkotti dhihaachuu himu.
"Ani ijoollee kiyya lamaa fi haadha warraa kiyya waliin nama afur taaneeti kan qe'eedhaa buqqaanee dahoo qubannaa keessa jirru. Muddee 28, sababa kirkira lafaa Kanaan kan bakka qubannaa kan dhufne," jedhu.
Kirkirri lafaa ture haalan sodaachisaa akka ture kan himan jiraataan kun, qaamoleen mootummaa fi raayyaan ittisa biyyaa miidhaan namarra osoo hin geenye tumsi nuuf taasisan gaarii ture jedhu.
"Haaalli ture baayyee baayyee ulfaataa ture. Manneen jijjigaa turan. lafti baayyee dhodhohaa ture. Amma dahoo qubannaa yeroo keessatti sharaa diriirfannee buufannee jirra. Amma haala gaarirra jirra," jedhu.
Bakka amma isaan buufatanii jiran kana namoonni kuma lakkaa'an jiraachuu fi dhiheessiin hanga ammaa hanqina qabaatus gaariidha jechuun danda'ama jedhan.
"Mootummaan haala gaaridhaan nugargaaraa jira. Waan nuuf barbaachisu nuuf dhiheessaa jiru. Hanqinni tokko tokko jiraatus innis fooyya'aa deema jennee abdanna. Waliigala garuu hanga ammaa rakkoon adda ta'e hin jiru," jedhan.
Hoggansa ganda Sagentoo kan turanii fi amma maatii isaanii waliin dahoo qubannaa keessa buufatanii jiraachuu kan himan jiraataan biraa Obbo Sulxaan Kaamil, waan Rabbirraa dhufe Ameen jennee fudhanneerra jedhu.
"Balaan kun waan Rabbirraa dhuftedha waan ta'eef Ahamdullillah jennee fudhachuu qofa. Bakka amma jirru kanatti mootummaan deeggarsa nuuf gochaa jira. Wanti hir'atu inuma jira. Karaa nyaataa garuu ammatti rakkoon hin jiru," jedhu.
Dargaggoon Hojjetaa Warshaa Sukkaara Kasam ta'ee fi sababa kirkir lafaa kanaan warshichi erga hojii dhaabee buufata buqaatotaa naannoo Awaash Arbaa jedhamuun beekamu keessa jiruu fi maqaa isaa akka hin ibsamne nu gaafates, warshicha irraa tumsa raayyaa ittisaatiin bahu hima.
Kirkirri lafaa kun nannichatti ji'a Adoolessaa darbe irraa eegaluu fi yeroo dhihoo asitti ammoo cimuun warshichis hojii dhaabee bakka qubannaa buufachuuf dirqamuu dubbata.
Bakka amma buufatanii jiran kanattis gama nyaataatiin gargaarsi dhihaachaa jiraatulleen gama bakka bultii fi uffannaatiin hanqinni jiraachuu hima.
"Erga buqqaanee naannoo mazooraa jedhamu qubannee jirra. Gargaarsi nuuf ta'aa jira. Garuu gahaa miti. Dirree keessa kan jirru. Uummanni bal'aanis akka nu gargaaru gaafanna," jedha.
Buqqaatonni kunneen mootummaan dhimma kirkira lafaa kana qorannoo taasisuun yoo rakkinichi kan itti fufee miidhaa hin geessisu jedhee amane qe'eetti akka deebisu yookan ammoo bakka dhaabbiidhaan jiraachuu danda'an akka isaan qubsiisus fedhii qabaachuu himu.
Dhimma buqqaatotaa fi hanqina dhiheessii gargaarsaa buqqaatonni kaasan kanarratti gaafachuuf angaa'ota naannichaa qunnamuuf yaaliin goone ammaan hin milkoofne.
Jiraattota naannoo kirkirri lafaa itti hammaate fi hojjettoota warshaa sukkaara Kasamiin alatti hawaasa naannoo hidha Kasam jiraatus gara naannoo biraa qubachiisuun hojjetamaa jiraachuus mootummaan ibseera.
Hidhi Kasam kun bishaan Meetiriik Kuubii miliyoona 500 kan qabatuu fi olka'iinsa meetira 94 kan qabu akkasumas lafa hektaara kuma 20 ta'u jallisiidhaan misoomsuu kan dandeessisu akka ta'e miidiyaaleen biyya keessaa gabaasaniiru.