NATO'n Raashiyaaf deebii kennuuf dameesaa baha jiru cimsuu eegale

Roobii darbe dirooniiwwan Raashiyaa hedduun daangaa qilleensaa Poolaand weeraruu hordofee biyyoonni miseensa Nato loltoota fi jeettiiwwan waraanaa gara bahaatti sochoosuu eegalan.

Denmaark, Faransaay fi Jarmaniin biyyoota damee bahaa jabeessuuf sochii eegalan keessaati.

Biyyoonni miseensa Nato kaanis boodarra itti dabalamuuf akka jiran ibsameera.

Erga Poolaand biyyashee cabsitee seenuudhaan Raashiyaa himachuu eegaltee kaasee Awurooppaa keessatti muddamni cimaan dhalateera.

Dirooniiwwan 19 daangaa Poolaand seenan 19 keessaa gariin rukutamuun buufamaniiru.

Kaansaanii dirreerratti, kaan ammoo manneen jireenyaa baha Poolaand irra bu'an.

Poolaand cabsanii seenuun kun Raashiyaadhaan itti yaadamee akka raawwatame himatte.

Raashiyaan garuu Poolaand keessaa qabeenya barbadeessuuf ''kaayyoo tokkollee hin qabu, irrattis hin xiyyeeffanne,'' jechuun dhimma kanaaf bakka akka hin kennine ibsite.

Diroonii fi misaa'eliin biyyoota Yukireen marsanii jiran keessa seenuun waan haaraa miti. Poolaandis kana keessaa tokko.

Kun erga Guraandhala bara 2022 as baayyee hammaateera.

Ministirri Muummee Poolaand Doonaald Taask ''erga Waraana Addunyaa Lammaffaa as yeroon itti waraana banuutti dhihaannu kan ammaa kana kan caalu hin jiru,'' jedhan.

Deenmaark xiyyaara waraanaa F-16 fi dooniiwwan waraanaa Poolaandiif akka gumaachitu ministira ittisaa biyyattii ibseera.

Ministirri Muummee Deenmaark Mette Fireediriksan ''laaftuu ta'uu hin qabnu. Putiin nurraa dhaabbataa hin jiru. Nu qoraa jira. Kanaafuu yeroon kun murteessaadha. Deenmaark kanaaf gumaachuu eegalte,'' jedhan.

Faransaay xiyyaarota waraanaa sadi akka gumaachitu dursitee himteetti, Jarmaniin ammoo xiyyaarota Eurofighters jedhaman afur waadaa seente.

Ministirri Dhimma Alaa UK oppireeshinii karaa bahaa jabeessuuf ''kutannoo'' qabaachuu ibseera.

Jimaata kaleessaa Manni Maree Nageenyaa UN dhimma kanarratti wayita mari'atu biyyoonni Awurooppaa fi Ameerikaan Poolaand cina dhaabbatan.

UNtti Ambaasaaddarri US Doroozii Shiyaa ''US michuuwwan Nato hunda cina ni dhaabbatti. Daangaa biyyoota Nato dabarsinee hin kenninu,'' jedhan.

Erga Puutin fi Tiraamp ji'a dura Alaaskaatti mari'atanii as Raashiyaan Yukireen haleeluu cimsitee itti fufte jechuunis himatan.

Michuuwwan Awurooppaa hundi Puutin waraana kana xumuruuf fedhii akka hin qabnee fi inumaa erga sochii marii dhukaasa dhaabuu eegalamee haleellaa cimseera jechuun himatan.

Dubbi himaan Raashiyaa Dimitirii Peskov Jimaata kaleessaa ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin adeemsi marii nagaa yeroof adda citeera jedhan.

Kanaafis biyyoota Awurooppaa michuuwwan Yukireen ta'antu gufachiisan jechuun himatan.

Yeroo dheeraaf nagaa buusuurratti xiyyeeffatanii ifaajaa akka turan kan himan Pirezidant Tiraamp Raashiyaarra qoqqobbii kaa'uurraas of qusataa turaniiru.

Ammoo obsa fixachaa akka jiran ibsaniiru.

''Baayyee nama ajaayiba, wayita Puutin tole jedhu Zeleniskiitu dida, wayita Zeleniskiin tole jedhu Puutintu dida. Amma Zeleniskiin tole jennaan Puutin gaaffii kaasise, kanarratti ciminaan deemuu qabna,'' jedhan Tiraamp gaaffii fi deebii Fox News waliin taasisan keessatti.