Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Raashiyaan yeroo jalqabaaf gamoo kaabinee ministeerota Yukireen haleelte
Erga waraanni eegale yeroo jalqabaaf gamoon mootummaa Yukireen magaalaa Kiiv keessatti argamu Raashiyaan haleelamuu ministirri muummee Yukireen himan.
''Haleellaa diinaan'' baaxiin gamoo moottummaa akkasumas lafoon isaa manca'u Yuliyaa Siviriidenkoo dubbataniiru.
Haleellaa kanaan daa'imni waggaa hin gunneefi dubartiin tokko dabalatee yoo xiqqaate namoonni lama ajjeefamuu dubbataniiiru.
Kantiibaan magaalaa Kiiv, Vitaalii Kilichiskoo, lubbuu baraartonni reeffa nama sadaffaa barbaadaa jiru jedhan.
Gamoon mootummaa Yukireen kuni gamoo kaabinee ministeerota Yukireen jedhamuunis beekama.
Waajjirri ministeerota ijoo Yukireen keessatti argama.
Gaafa Dilbata ganama gaazexeessituun BBC Saaraa Rensiford fi gareen ishee waliin aarri guddaa samiitti yoo ol ka'u arganiiiru.
Achii misaa'eloonni kiruuzii Raashiyaa lama saffisa guddaan yoo qilleensarra furguggifaman argan, dho'insi biraas dhagahame.
Humni qilleensaa Yukireen dirooniifi misaa'elli lakkoofsaan kana dura hin mul'anne mul'achuu gabaaseera.
Walumaagala 800'tu dhukaafame jedhe.
Akka humni qilleensaa Yukireen jedhetti, misaa'eloonni sagal fi dirooniin 56 bakkeewwan 37 haleelaniiru, caccabaan haleellaa fashalaa'e immoo bakkee saddeetitti bu'e.
Ministirri Muummee Yukireen Raashiyaarratti qoqqobbiin cimaa akka taa'uufi meeshaan waraanaa dafee akka isaaniif ergamu waamicha taasisaniiru.
Raashiyaan bakkee pirezidantiin Yukireen Volodimiir Zeleniskii keessattii dhalatan, Kryvyi Rih, illee haleelteetti. Achitti bu'uraalee sadiitu rukutame.
Akka qondaalonni Kiiv jedhanitti, gamoowwan gurguddoo lixa Kiivitti argaman hamma tokko manca'aniiru, akkasumas gubataa jiru.
Raashiyaan hanga yoonaa haleellaa diroonii Yukireen irratti dhaqqabeerratti ammatti deebii kennite hin qabdu.
Ministirri Ittisaa Raashiyaa ibsa baaseen humni ittisa haleellaa qilleensaa biyyattii bakkeewwan Raashiyaa keessatti diroonii Yukireen 69 lafaan dhahuu yookiin qolachuu beeksise.
Jalqaba torban kana Pirezidantiin Raashiyaa Vilaadimir Putiin yaada biyyoonni lixaa humni isaanii Yukireen akka qubatu gaafatu didaniiru.
"Loltoonni ta'an achi keessatti argamnaan, keessumaa yeroo lolli gaggeeffamaa jiru kanatti, kun irratti xiyyeeffannoo barbadeessuuf akka ka'umsaatti waan nu gargaaruuf achumarraa kaana," jedhan.
Pirezidantiin Faransaay Imaanu'el Maakroon erga lolli dhaabate booda biyyoonni 26 loltoota ''lafoo, galaanarraafi qilleensarraan'' gara Yukireen bobbaasuuf waliigaluu dubbatanii turan.
Raashiyaan bara 2022 Yukireen kan weerarte yoo ta'u yeroo ammaa dachee Yukireen keessaa 20% to'atteetti.