Dorgommi biyyoonni gurguddoon misaa'ela saffisa olaanaa hidhachuuf taasisaa jiran

Akka lilmootti fiixeen isaa qara kan ta'ee, dheerina meetira 11 kan qabuuf toonii 15 kan ulfaatudha. Barreeffamni 'DF-15 ' jedhu tokkoon tokkoon isaanii iratti maxxanfamee argama.

Misaa'eloonni kunneen agarsiisa Raayyaa bilisummaa Chaayinaa, Beejingitti gaggeeffame irratti fe'amanii mul'atan.

Chaayinaan misaa'eloota Hayipersoonikii 'Dongfeng' jedhaman addunyaatti kan mul'iste hiriira biyyaalessaa ji'a Onkololeessaa, bara 2019 gaggeesite irratti.

Ameerikaan misaa'eloonni kunneen hojjetamaa jiraachuu durumaa kan beektu yoo ta'u, eegasii Chaayinaan misaa'eloota kana daran fooyyessuun duratti deemaa jirti.

Saffisa sagalee irra dachaa shaniin caaluun kan furga'uufi erga dhukaafameen booda kallattii isaa sirreeffamuu kan danda'u misaa'eloonni kunneen, meeshaa waraanaa daran hamaa ta'edha.

Kallattii waraana adeemsifamaa jiruulleen kan jijjiiranidha. Dorgommiin misaa'eloota kana hidhachuuf taasifamu dabalaa kan dhufes kanarraa ka'uun.

Qorataan nageenya biyyaalessaa Tink Tank kan 'Kawunsilii ji'oo Istiraateejikii' jedhamuu Wiliyaam Firirii, "Taateen amma mul'atu kun erga waraana ololaatii asitti kan hin turre, taatota mootummaa ta'an gidduutti kan taasifamu dorgommii Ji'oopolotikaati" jedhan.

Dorgommii Idil-Addunyaa Raashiyaa, Chaayinaafi Ameerikaa

Agarsiisa Beejingitti taasifame irratti Chaayinaan Teeknolojii Hayipersoonikiitiin guddinni agarsiisaa jirtu yaaddoon uumu dabalaa jira kan jedhutu jira.

Ammatti Chaayinaan gama Misaa'eloota haypersoonikiitiin tarree jalqabaa qabatteerti. Raashiyaan itti aanti. Ameerikaan garuu bakka kana gahuuf dhama'aa jirti. UK ammoo ammatti gama Kanaan homaan qabdu.

Fiririin, sababni ittiin Raashiyaa fi Chaayinaan dursanii deeman beekamaadha jedha. Sababni isaas "Waggoota muraasaan dura sagantaalee kanarratti maallaqa guddaa ramaduu isaaniti" .

Raashiyaa fi Chaayinaan alattis biyyootni biroo gama Kanaan duratti tarkaanfachaa jiru. Israa'eel misaa'ela "Arrow 3' jedhamu qabdi.

Misaa'eloota Hayipersoonikii hidhachuu kan himtu Iraan, lola guyyoota 12 ji'a waxabajjii keessa adeemsifame irratti misaa'eloota Hayipersoonikii dhukaasuu ibsiteetti.

Meeshaan waraanaa kuni saffisaan furguga'aa kan ture yoo ta'u, dhugumatti Hayipersoonikiidha jechuuf garuu qilleensarratti akka barbaadetti kallattii jijijjiirrachaa hin turre.

Kooriyaan Kaabaa Gamasheetiin bara 2021 irraa eegaluudhaan karaa bu'a qabeessa ta'een meeshaalee kana hojjetachaan jira jette.

Ameerikaa, UK, Faransaayii fi Jaappaan dabalatee biyyootni kaanis misaa'eloota Hayipersoonikii kana hidhachuuf maallaqa guddaa baasaa jiru.

Humna ittisaa ishee cimsaa kan jirtu Ameerikaan,misaa'ela Hayipersoonikii 'Dark Eagle' jechuun moggaaste ifoomsiteetti.

Humni ittisaa Ameerikaa, Dark Eagle "Kutannoo fi humna raayyaa ittisaa biyya keenyaa kan hubachiisu' jedhe.

Gama misaa'eloota Hayipersoonikii Kanaan dursaa kan jiran garuu Raashiyaa fi Chaayinaadha. Ogeessonni garuu haalli kuni yaaddessaadha jedhu.

Hayiperfaasti fi Hayipersoonik

Humna ittisaa ishee cimsaa kan jirtu Ameerikaan,misaa'ela Hayipersoonikii 'Dark Eagle' jechuun moggaaste ifoomsiteetti.

Humni ittisaa Ameerikaa, Dark Eagle "Kutannoo fi humna raayyaa ittisaa biyya keenyaa kan hubachiisu' jedhe.

Gama misaa'eloota Hayipersoonikii Kanaan dursaa kan jiran garuu Raashiyaa fi Chaayinaadha. Ogeessonni garuu haalli kuni yaaddessaadha jedhu.

Hayiperfaasti fi Hayipersoonik

Hayipersoonik jechuun Saffisa sagalee irra dachaa shaniin kan arreedu akkasumas sa'aatii tokko keessatti 6,210 KM kan saffisaan imaluu danda'u jechuudha.

Ulaagaan kuni misaa'eloota saffisa sagaleetiin fiigan ramaddii biraa keessa kan galchudha.

Sababni Misaa'eloonni Hayipersonikii yaaddoo itti uuman tokko saffisa isanii kanaafi.

Hanga ammaatti misaa'elli saffisaan kan Raashiyaa 'Avangard' jedhamudha.

Avangard sa'aatii tokkotti kiiloomeetira kuma 33 akka furga'u kan himame yoo ta'u, yeroo hedduu garuu sa'aatitti kiiloomeetira kuma 15 akka furga'utu himama.

Misaa'eloonni Hayipersonikii maalif yaaddoo ta'an?

Akka qorataa Fiririin jedhanitti, miidhaa geessisaniin yoo ilaalamu misaa'eloota supersoonikii fi sabsoonikii irraa garagarummaa guddaa hin qaban.

"Baayyee adda kan isaan godhu, adda baasuuf, hordofuu fi butuuf rakkisoo ta'uu isaaniti" jedhu.

Misaa'eloonni Hayipersoonikii baayinaan gosa lamatu jira. Akka Chaayinaan ifoomsitetti 'DF-17' kan jedhaman Rokeetota Misaa'elaa irratti kan godhaman yoo ta'u, yeroo tokko tokko qilleensa naannoo lafaatii ol jirurra balali'uu danda'u.

Achiis saffisa guddaadhaan gara dachiitti gadi furgugga'anii kan irratti qiyyeeffatan daaraa botoroo godhu.

Misa'elootni Hayipersonikii misaa'eloota balastik irraa adda kan godhu adeemsa tilmaamamuu hin dandeenyeen furga'uun, bakka ilaamaa isaanii yeroo gahan kallattii isaanii sirreeffachuu danda'uudha.

Kanaan alattis Raadaariidhaan akka adda hin baafamne Misaa'eloonni Haypersoonikii Kiruuz kan dachiitti gadi siqanii furgugifaman jiru.

Misaa'elootni Hayipersoonikii kuni hamoodha kan isaan jechisiisu saffisa isaanii qofa miti.

Ibsama Waraanaatiin "Meeshaan Waraanaa tokko yeroo sakatta'amu Hayipersonikiidha jedhamuuf kan kallattii isaa jijjiiru ta'uu qabaata."

Qaamni misaa'ela kana furgugse yeroo misaa'elichi saffisa guddaadhaan gara iddoo ilaamaa isaatti furga'a jirutti tasaa fi osoo hin yaadne kallattii isaa jijjiiruu danda'uu qabaata.

Dandeettiin isaanii kunimmoo butuudhaaf rakkisoo isaan taasisa. Raadaaronni lafarratti dhaabaman irra hedduun Misaa'elli Hayipersonikii balali'ee bakka ilaamaa isaa osoo hin geenye adda baasuu kan jedhuun baayyee itti hin amanamu.

Humna Galaanarraa Royal,UKtti ajajaan duraanii fi ogeessi farra waraana qilleensarraa Toom Sharp, Misaa'eloonni Hayipersonikii saffisa sagalee irra dachaa shanii fi isaa oliin kan fiigan ta'ulleen. Tarkaanfiiwwan isaan ittiin dhaabuun danda'amu garuu jira jedhu.

Toftaawwan kunneen keessaa kan murtaa'an ammoo milkaa'odha jechuun falmu.

Filannoon duraa Ilaamaa misaa'eloota kanaa hordofuu fi adda baasuu daran rakkisaa gochuudha. Gama Kanaan Dooniiwwan humna guddaa qabu jechuun ibsu.

"Suuraawwan saatalaayitoota daldalaa irraa argamanii fi sirritti hin mul'anne illeen ilaamaa ta'uudhaan faayidaarra akka hin oolle suuraaleen kuni kan gabaaf dhihaatan daqiiqawwan muraasa tursiifamanii ta'uu qaba" jechuun ibsu.

Suuraawwan saatalaayitii ilaamaa murteeffachuuf gargaaranii fi ammuma kaafaman rakkisaa fi gatiin isaanii qaalii akka ta'anis himu.

Haata'u malee, hubannoon Namtolchee (AI) amma dhufee fi Teeknolojiiwwan haaraa bahaa jiran haala kana jijjiiruu akka danda'an eeru.

Meeshaalee Wraanaa Misaa'eloota Hayipersonikii Kanaan Raashiyaa fi Chaayinaan duratti fiigaa jiraatanilleen gabbisni Hayipersonikii Chaayinaa kan ajaa'ibaa fi yaaddessaadha jedha Firirin.

Garuu "Gama Raashiyaatti yeroo dhufnu, waan isaan jedhan irraa ofeeggannoo guddaa kan barbaadu ta'uu hubanna" jedha.

Ji'a Sadaasaa bara 2024 Raashiyaan yaaliif misaa'ela Balastikii Yukireen irratti bakka Dinpro jedhamutti dhukaaste.

Misaa'elli yaalii dhukaafame kunii fi kan Yukireen hayipersonikiidha jettee himatte kuni moggaasa 'Oreshnik' jedhamu qaba.

Puutiin misaa'elichi saffisa olaanadhaan furgugga'uu himan. Gaggeessaan Raashiyaa kuni meeshaaleen kuni baay'inaan gabbifamaa jiraachuu fi dandeettii ilaamaa isaanii daaraa gochuu qabaachuu himan.

Raashiyaan misaa'eloota Kanaan alattis misa'eloota biroo kan saffisa Hayipersonikiitin furga'an qabdi.

Putin misaa'eloonni Kinzal jedhaman saffisa olaanaan kan furga'an waan ta'eef butuuf kan hin mijannedha jedhu. Ergasiis misaa'eloota kana hedduu gara Yukireenitti dhukaasan.

Dhugaan isa booda barame garuu misaa'eloonni kuni hayipersoniikii akka hin taanee fi hedduun isaanii rukutamanii kufan.

Chaayinaan erga bara 2014ti hidhannoo Hayipersonikii olaanaa qabdi. Dhiheenya kanas misaa'ela Hayipersonikii hojjetan konkolaataa GDF-600 jedhamuun fe'uun agarsiisaf dhiheessan.

Misaa'elli hayipersonikii isaan agarsiisaf dhiheessna kuni ulfaatina toonii 1,200 kan qabudha.

Fiigicha UK dorgommii kana qaqabuuf taasisaa jirtu

UK' dorgommii hidhannoo misaa'eloota hayipersonikii biyyoonnii taasisaa jiran kana keessaa duubatti hafteetti. Keessumaa akka miseensa dhaabbii mana maree nageenyaa shanan keessaa tooko taatee fi hidhannoo nukilaraa qabaniitti.

Amma garuu yoo xiqqaate dorgommii kanatti makamuu achiis dorgommicha dhaqabachuuf tattaaffiitti jirti.

Ji'a Caamsaa darbe ministirri ittisaa fi teeknolojii saayinsii Ittisaa biyyattii saayintistoonni UK erga yaalii milkaa'aa ta'e adeemsisaniin booda 'bu'uura gaarirra' jira jechuun ibsan.

Ta'ulleen meeshaa kana yaalii omishaa xumuranii hidhannoo waraanaatiif geessisuun waggoota itti fudhata.