Abbaan amantaa tibbana osoo barsiisaa jiranii waraanaman nama isaan miidheef "dhiifama godheera" jedhan

Luuba Maar Maarii Amaanu'el

Madda suuraa, SM

Phaaphaasiin mana Amantaa Ortodoksii Wiixata darbe Awustiraaliyaa magaalaa Siidiniitti osoo kallattiidhaan barsiisaa jiranii meeshaa qara qabuun haleellaan irratti raawwatamee ture Abuuna Maar Maarii Amaanu’el nama miidhaa isaanirraan geessiseef dhiifama gochuu dubbatan.

Abuunichi miidhaa irra gahe irraas bayyanachaa akka jiran himaniiru.

Lubni kun ergaa karaa waraabbii viidiyootiin dabarsaniin ummanni akka tasgabbaa’uuf waamicha dhiyeessaniiru.

Haleellaa jalqaba torban kanaarratti raawwatameen namoota afur irra miidhaan kan qaqqabe yoo ta’u, poolisiinis gochaa shororkeessummaa ka’umsa amantaa taasifatedha jedhan.

Taatee mudateen booda naannawa bataskaana Luubichi itti tajaajilaniitti okkorri umamee ture.

Miidhaa meeshaa qara qabuun qaqqabsiisuu kan shakkame dargaggoon umuriinsaa wagga 16 fi ofiisaas kan miidhaan irra qaqqabe to’annaa kan jala oolfame yoo ta’u, hanaga ammaatti himannaan irratti hin banamne.

Aanga’oonni waa’ee amantaa dargaggoo kanarratti yaada kennurraa of qusateera.

Dargaggoon sunis Afaan Arabaatiin yoo iyyuufi lubicha waraanuun dura dubbataa ture kan jedhame yoo ta’u, dhaabbani tika biyyattii viidiyichaa qorataa akka jiru ibseera.

Waraabbii viidiyoo daqiidaa afur dheeratuufi miidiyaa hawaasaa batasikaaniittiirratti qoodame irratti, lubichi ‘‘abbaa fedhes haata’u’’ nama kana raawwateef dhiifama godheeraaf yoo jedhan dhagahamu.

‘‘Nutis waa’ee keessan yeroo hunda kadhata ni taasifna. Kana akka raawwattaniif kan isin erge eenyuyyu haata’u garuu maqaa Yesuus Guddichaatiin dhiifama taasiseeraaf’’ jedhan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dhumarrattis haala fayyaa gaariirratti akka argamaniifi namoonni dhiphachuu akka hin qabaanne dubbataniiru.

Poolisiinis dureen amantii kun miidhaa kanarraa hafunsaanii nama caroomanidha jedhe.

Erga viidiyoon miidhaa irra qaqqabee agarsiisu kun miidiyaalee hawaasaarratti qoodamanii booda namoonni baayyeen gara bataasikaanittiitti yaa’anii turan.

Haala tasgabbii dhabiinsa umameenis miseensonni poolisii lama kan miidhaman yoo ta’u, konkolaattota poolisii 10 irras miidhaan qaqqabeera.

Hojjattoonni fayyaa yeroo balaa tasa wayita nageenyasaaniitiif sodaatan ni mul’atu.

Poolisiinis namoota hokkara sana keessatti hirmaatan hordofuun seeratti akka dhiyeessu dhaadateera.

Taatee sana waliin wal qabatee Roobii kaleessaa dargaggoon umuriin wagga 19 tokko yeroo jalqabaatiif to’annoo jala oolfameera.

Magaalatitti yaaddoo olaanaan kan mudate yoo ta’u, aanga’oonniifi lammiileen miidhaa wal fakkaataan ni mudata jechuun yaaddoo keessa seenuun himameera.

Dureen amantaa kun ergaa dabarsan kanaan ummanni poolisii waliin akka ta’aniif waamicha dabarsaniiru.

‘‘Gochaa Kiristoos akka raawwattanan barbaada. Gooftaan keenya Kiristoos Iyyasuus akka wal dhabnuuf gonkumaa nu hin barsiifne. Gochaa hamaa akka raawwannuuf nu hin barsiifne,’’ jedhan.