Abuuna Amaanu'el osoo kallattiin barsiisaa jiranii waraanamuun ''gocha shororkeessaati'' - Poolisii

Madda suuraa, Tiwiter
Poolisiin Awustiraaliyaa haleellaan mana sagadaa Sidinii keessatti argamuurratti Wixata halkan raawwatame “gocha shororkeessummaa” amantaati jedhe.
Dureen amantaa Abuuna Maar Maarii Amaanu'el fi miseensonni kaan osoo Awustiraaliyaa Siidiniitti kallattiidhaan barnoota amantaa barsiisaa jiranii meeshaa qara qabuun waraanamaniiru.
Kun kan ta’e Bataskaana Awustiraaliyaa Christ The Good Shepperd jedhamuufi Waakeeleetti argamu keessatti akka biyyaatti Wiixata gara galgalaa osoo barsiisaa jiraniiti.
Namoota meeshaa qara qabuun waraanaman keessaa Abuuna Maar Maarii Amaanu'el kan waltajjiiwwan miidiyaa hawaasaa adda addaa irratti barnoota Afaan Ingiliiziin dhiyeessanii hordoftoota hedduu biratti beekkaman ni argamu.
Mana Sagadaa Christ The Good Shepperd keessa kan hojjetan Abuunii, lubaafi hordoftootarratti erga haleellaan raawwatamee booda ol adeemaan umuriin isaa wagga 16 ta’e tokko to’annoo jala oolfameera.
Yoo xiqqaate namoonni afur miidhaan “lubbuu isaanii yaaddoof saaxile” irra gaheera kan jedhe poolisiin, namni miidhaa kana qaqqabsiise miidhamuu beeksiseera.
Gochaan magaala Sidinii bakka Waakkellee jedhamutti raawwatame kun kallattiidhaan kan tamsa’e yoo ta’u, bakki sun akka boora’u ta’eera.
Qorannoon kan hin xumuramiin jiru ta‘ullee, haleellaan raawwatame kun, mankaraaressummaa amantaa hordofeeti jedha poolisiin.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Aanga’oonni kunneen ol adeemaan haleellaa kana raawwate amantaan isaa maal akka ta’e ibsuurraa of qusataniiru.
Yeroo gurbaan ol adeemaa kun Abuunii kanarratti miidhaa geessisu viidiyoon agarsiisu miidiyaa hawaasaarra baayyinaan naanna’aa kan jiru yoo ta’u, namoonni dhibbaan lakkaa’aman viidiyoo kana ilaalan gara mana sagadaa kanatti dacha’aniiru.
Manni sagadaa kun wiirtuu magaalaarraa kiiloomeetira 35 faggaattee argamti.
Miidhaa kana hordofuunis namoonni baayyeen meeshaa qara qabuun waraanamiiru gabaasa jedhu kan isa qaqqabe poolisiin biyyattii bakkichatti bobba’uun haalicha qorataa kan jiru yoo ta’u, balaan lubbuu namootaa balaarra buusuu hin qaqqabne jedhameera.
Poolisiin akka ibseetti, namni tokko to’annaa jala oolfamuun bakka adda hin baaneetti geeffameera.
Miidhaa raawwatameen booda namoonni baay'een kan walitti qabaman yoo ta’u, waraabbiiwwan viidiyoo BBC'n hin mirkanneeffanne akka mul’isaniitti namoonni tokko tokko gamoofi konkolaataa hojjattoota yeroo balaa tasaarratti miidhaa qaqqabsiisaniiru.
Naannichi haala cimaadhaan eegamaa jiraachuu kan hime poolisiin, namoonni gara sana akka hin deemneef akeekkachiiseera.
Poolisiin naannichaa miidhaan kan irra qaqqabe Abuuna Maar Maarii Amaanu'el ta’u beeksiseera.
Bataskaana Ortodoksii Bahaatiis gabaasa poolisitiin booda eenyummaa abbaa amantaa kanaa ifa taasisaniiru.
Ibsa bataskaanittiin kenniteen, lubni Abbaa Isaak jedhaman miidhaan akka irra gahe beeksise. Abbootiin amantaa kamaanuu wal'aansaaf gara hospitaalaa geeffamaniiru.
‘‘Amma kadhannaa keessan barbaadna’’ jedha ibsi bataskaanni balaa kanaan booda baafteen.
Ibsichi itti dabaludhaanis, ‘‘namoonni naannoo bataskaanatti argamtan nagaadhaan akka achii deemtan isin gaafanna’’ jedhe.
Kantiibaan naannichaa Firaank Kaarbon ummanni akka tasgabbaa’uf gaafataniiru.
‘‘Ummanni naannoo keenyaa waan mudateen akka nahe nan beeka. Garuu amma dhimmi guddaan Abbunichi gara mana yaalaa geeffamuu fi fayyinnisaanii nagaa ta’uudhaa’’ jechuun miidiyaa biyyattiitti dubbatan.

Madda suuraa, Reuters
AFP'n gamasaatiin akka gabaasetti, naannichi bakka jireenyaa miseensota Kiristiyaana Asiiriiyaa Sidiinii lakkoofsaan xiqqaa ta’an keessa jiraataniidha.
Irra jiraan isaanis kan Iraaqiifi Sooriyaarraa baqatanii garas dhaqanidha.
Tamsaasa kallattiidhaan darbaa tureerratti namni uffata gurraacha uffate tokko itti dhiyaachuun yoo Abuunichaarratti miidhaa qaqqabsiisu ni mul’ata.
Namoonni hedduun miidhaa nama kanaa dhaabsisuuf yoo yaalan kan mul’atan yoo ta’u, miseensonni hafan iyyaa turan.
‘‘Namoonni miidhaan irra qaqqabees kan lubbusaaniif yaaddeessu miti. Ogeessonni wal'aansa ambulaansii kunuunsa taasisaafii jiru’’ jedhe poolisiin ibsa baaseen.
Kanneen miidhaan irra qaqqabees dhiirota umuriinsaanii waggaa 20-70 jidduutti argaman jedhameera. Namni kunis maaliif akka miidhaa kana raawwate kan beekame hin jiru.
Guyyaa jahaan duras namni tokko Siidiniitti lafa gabaa seenuun meeshaa qara qabuun namoonni jaha du’uun ni yaadatama.
Namni miidhaa sana qaqqabsiisees poolisiin ajjeeffamee ture. Miidhaa amma raawwatame waliin hidhata qabaachu isaatiif ragaan homtuu hin jiru.












