Barattoota maallaqa Baankii Daldalaa baafatanii deebiisuuf rakkataa jiran

ATM Baankii daldalaa Itoophiyaa

Baankiin Daldala Itoophiyaa rakkoo sirna (system) isaa mudatee tureen walqabatee birriin miiliyoonota hedduun lakkaa’amu jalaa baafame ture. Kana keessattis maqaan barattootaa dhaabbilee barnoota olaanoo irra deddebiin ka’aa ture.

Maamiltoonni maallaqa kan isanii hin taane fudhatan akka deebisaniif waamicha baankiichi taasise hordofuunis birrii miiliyoona 800 fudhatame keessaa irra caalaa deebisiisuun danda’amu baankichi ibseera.

Torban darbe ammoo maqaafi suuraalee maamiltootaa maallaqa fudhatan deebisuuf hayyamamoo hin taaneedha jedheen marsariitiifi dameewwan isaarratti ifa taasisaa ture.

Barattoonni Yunivastiiwwan kanneen maallaqa baasanii dhimma garaagaraatiif oolchaniifi kanneen baankiiwwan gara biraatti dabarsan rakkoo keessa seenuu BBCtti himan,

Muraasni isaanis barnootaaf daree seenuu dhaabburraa kaasee yunivarsitiiwwan isaanii irraa kan baqatan akka jiran yoo dubbatan, kaan isaanii ammoo sababiidhuma kanaatiin gara maatiitti deebi’un isaan yaaddeesseera.

Barattoonni maal jedhu?

Salamooniifi Ahimad dhaabbiilee barnoota olaanoo mootummaa adda addaa keessatti baratu. (maqaansaanii akka hin dhahamne waan gaafataniif jijjirreerra. Waan isaan adda baasiisuu dandeessisuus hambifneera.)

Salamooniifi Ahimad Jimaata Bitooteessa 15, 2024 bakka yunivarsitii itti barataniitti haala garaagaraa keessa ta’anii ture kan maallaqa qabaniin ala baafachuun akka danda’amu dhagahan.

Oduun kunis bilbila barataa yunivarsitii gara biraarraa bilbilameen ta’u akka hin oolle lamaanu ni tilmaamu.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Barattoonni yeroo biraa waa’ee barnootaafi kubbaa miilaa mari’achuun beekaman guyyaa san oduunsaanii hundi waa’ee maallaqaa ta’e akka ture dubbatu.

Isaanis wanti dhagahan dhugaa ta’u wayita yaalaniitti hojjateef. ‘‘Achinis kallattiin gara hojiitti seenne. Hiriyoota keenya waliin birrii waliif erguu eegalle’’ jedhan Salamoon.

Kan hiriyaasaa waliin waliif erge dabalatee gara birrii kuma dhibba lamaatii hanga kuma dhibba sadii ‘'hojjadheera’’ jedha Ahimad. (Barattoonni kunneenis haalaa sana ‘hojii’ jechuun ibsu.)

Maashiina maallaqni ittiin kanfalamu (ATM)n baasuun kan danda’amu daanga’aadha. Barattoonni garuu maashina yunivaristoota keessa jiran irra naanna’uun maallaqa baasaa bulan.

‘‘Barataa ta’e kaardii ATM kan hin qabne hin jiru. Kan hin qabnes wal harkaa fudhuun baafataa turan‘‘ jedha Ahimad.

Salamoon birrii kuma 15 ta’u maashinicha keessaa baase. Kaan ammoo gara baankii gara biraatti dabarfate.

‘‘Akkaawuntii kiyyaan gara akkaawuntii hiriyaakoo gale.’‘ Haala akkasitiinis Salamonii fi hiriyaansaa birrii kuma dhibba tokkoo olii waliin baafataniiru.

Hiriyaansaa birrii kuma kudhan callaan baafateen bilbila bitate. Salamoon ammoo birrii baafate kuma 15 waan hin balleessineef gara damee baankii daldalaa deemuun deebiiseera.

Ahimad maallaqicha hiriyaasaa waliin kan baafatan yoo ta’u, hiriyaansaa Baankii Daldalaatti akkaawuntii waan hin qabneef Ahimad baasaa gara kan hiriyaasaatti ergaa ture.

Muraasas callaan baafateera. Isa callaan baafatan keessaa irra caalaa balleessaniiru. Meeshaan hin bitatiiniifi gosti nyaataa hin soratiin hin turre. “Maallaqichi akkumaan dhufe waan ta’e waanuma hin taaneetti badee‘‘ jedha Ahimad.

Yeroo Baankiin Daldala Itoophyaa ibsa baasetti Solamoon “baayyeen nahe ture. Hidhamu keenya jennee sodaanne. Yeroon qormaataa gahe ture. Daree keessa teenyee barachu hin dandeenye ture‘‘ jedha.

Ibsi bahee borumtaasaa maallaqa harkaa qaban deebiisu dubbata. Garuu sirnicharratti birrii baayyeetu hafe jedha.

Maallaqni akkaawuntiisaanii baankii daldalaarra ture hundi fudhatameera. Maallaqa baankii gara biraatti dabarsanis akka fudhatamu wayita callaa harksaaniirra ture deebiisaniitti itti himamee ture.

Garuu baankiin daldala itoophiyaa maallaqa gara baankilee biraatti dabarfame hin deebiisiifne. Kanadha Salamoon kan sistamarratti baayyeetu hafe‘‘ jedhu.

Maallaqa calla kan deebise Salamoon, kan hafe akka hin deebiisneef ammoo akkaawuntiiwwan baankii hundaa jalaa dhorkameera.

‘‘Maallaqa baankii dhunfaarra jiru deebifachu waan dadhabeef natti fakkaata hunduu kan dhorkamee kaa’ame,‘‘ kan jedhu Ahimad, maqaafii suuraan isaanis gara baankii biraatti maallaqa dabarsuun akka ta’e dubbata.

Salamonis maallaqa isaan irratti hafe deebisuuf maallaqa gahaa qabaatanilleen baankiin waan maallaqicha dhorkeef sochoosuu dadhabu dubbata.

Salamoon akkaawuntii baankii kan banate magaalaa itti dhalatee guddateefi amma maatiinsaa keessa jiraataniitti ture kann saaqqate. Qe’eedhumasaatti suuraansaa adabaabaayiitti maxxanfame.

Ahimad maallaqa balleesse maatiifi kaan irraa walitti qabuun deebiisuu danda’eera.

Maallaqni baankii daldalaarra ture deebii taasifameera. Maallaqni gara akkaawuntii baankii biraatti erge waan hin deebiineef garuu maqaafi suuraansaa kanneen birrii kuma 70-80 hin deebiisiin waliin ifatti baafameera.

Salamoon suuraansaa akka maxxanfamu eegee kan ture damee Yunvarsitiitti ture. Garuu bakka itti dhalatetti hiriyootasaatu suuraafi maqaasaa argee bilbiluufii hima. Sababii kanaatinis dhiphina keessa seenuu dubbata.

‘‘Daree keessatti barnootakoo hordofu hin dandeenye. Barsiisaan tokkoo sirumaayyuu barachu yoo dadhabde bahii naan jechaa jira‘‘ jedha.

Ahimad gamasaatiin, maqaansaafi suuraansaa marsariitii irratti bahus garuu damee itti akkuntii baaseetti hin maxxanfamne. Hanga ammaattis gama yunivarsiitii isaanitiin kan jedhame hin jiru.

Salamoon fa’i eenyummansaanii akka hinbaaneef baankii dhiheenyasaaniitti argamu dubbisanii “eeggadhaa‘‘ jedhamuun deebiin kennameef.

Ahimad maallaqa baankii dhuunfaatti dabarse akka deebiisuuf hayyamamuuf gaafatulleen, liiqeeffadhuutii deebiisitii herreegni yoo gadi sii dhiifame deebitee kanfalu dandeessa jedhame.

Amma barattoonni yunvarsitii fi hiriyoonni akkasumas maatiin muraasni baankii daldalaarraa maalaqa baafachu isaa hubataniiru. Maallaqni hafee baankii gara biraa keessa jiraachu itti himnaan tasgabbaa’an.

Ahimad amma birriin gara kuma 30 akka irratti hafe dubbata. “Dhiphina qaba. Qormaataaf cimaadha. Baankiin akkawuuntii itti bane irraa bilbiluun kana booda seeratti isin geessina nu jedhu turan. Kanaafan dhiphadha,‘‘ jedha.

Ahimad maallaqicha sochoosuu dadhabulleen maallaqa akkawuntii isaa keessa jiru waan arguuf idaan isaa dabalaa jiraachu baru danda’eera.

‘‘Dhalaa jira fakkaata hanguma turu dabalaa adeema. Birrii 500 fi 400 dhalaa jira. Osoo birrii jiru fudhatanii idaa narra jiru dhaaban. Ta’u baannaan birriichi dabalaatuma adeemaa jira’’ jedha.

Barnoonni xumurame yeroon barattoonni maatiitti dacha'an gahaa jira. Salamoon gara maatiisaa deebii’u hin barbaadu.

‘‘Yoon deemee suuraankoo adabaabaayiirra jira. Waan gaariin natti dhagaahamu hin danda’u. Hiriiyoonniifi maatiinis jiru. Suuraafi maqaakoo maxxanfame guyyaa guyyaan yoon argu miirri gaariin waan natti hin dhagahamneef deemuu hin barbaadu’’ jedha.

Ahimad dhiphan akka Salamoon hin qabu. Bakki jiraatuufi akkaawuntii itti baafate gargar waan ta’ef gara maatiisaa ni deebii’a.

Jalqabarratti maallaqa balleesse hanga maatiidhaan guutamuufiitti yaaddoo keessa galus, amma maallaqni baankii dhuunfaa keessa jiru idaasaa waan baasuufii danda’uuf tasgabbaa’eera.

Ahimadiin caalaa kan yaaddeessaa jiru erga barnotasaa xumureen boda dhiibbaa haalli kun qabaatudha. Suuraafi maqaansaa ifa taasifamuun hojii argachuuf danqaa akka itti hintaaneef yaaddoo itti umeera.

Birricha deebisuun dirqama keenya kan jedhu Salamoon, maqaafi suuraasaanii maxxansuun attamiin sirrii ta’a jedhee gaafata.

Barattoonni hedduun sababii rakkina baankii daldalaarratti mudateen wal qabatee akkaawuntiinsaanii waan cufameef, birri argachu waan hin dandenyeef baayyee rakkataa jiraachu dubbatu.

Salamoon suuraansaa erga maxxanfame bubbuleera. Yunivarsitiin itti baratu garuu hanga ammaatti waan jedheen hin qabu. Bakka dhooltasaatti garuu ijoo dubbii ta’eera. Kanaafuu, ‘‘osoo birricha kanfalee kanarraa bilisa ta’e nan gammada ture’’ jedha.

BBCn barattoonni maallaqa gara baankiiwwan biraatti dabarsan haala itti deebisuu danda’aniifi dhimmoota kaan irratti yaada argachuuf yaaliin Baankii Daldala Itoophiyaa dubbisuuf taasisee hin milkoofneef.