Baankiin Daldalaa eenyummaa maamiltootasaa ifoomsuu fi gaaffilee seeraa ka'an

Tarreeffama maqaa Yunivarsiitii Dillaatti
Ibsa waa'ee suuraa, Beeksisni Yunivarsiitii Dillaatti maxxanfame kun kanneen "Birrii 10,000 ol seeraan ala fudhachuun hin deebisnedha" jedha

Baankiin Daldalaa Itoophiyaa Bitootessa 15, 2024 rakkoo siistamaa isa mudateen, Birriin miiliyoona 800 ol baasii godhamuu tibbana himeera.

Maamiltoonni hanga maallaqaa herrega isaaniirra jiruun ol baasuu ykn daddabarsuun jalaa fudhatame kana keessaa, birrii miiliyoona 620 ol deebisiisuu ifoomseera.

Baankichi maamiltoonni karaa "sirrii hin taaneen" maallaqa fudhatan akka deebisan yaalii akka akkaa taasisaa tureera. Kanneen deebisuuf fedhii hin qaban jedhe 565 maqaasaanii, lakkoofsa herregaa fi damee akkaawuntii itti banatan ifa godheera.

Kanneen maallaqa kan isaanii hin taane baasan ‘‘carraan dhumaa’’ kennameefii kan ture ogguu tahu, guyyaan kun dabarraan maamiltoota hin deebisne suuraasaanii wajjin ifoomsaa jira.

Ragaa dhuunfaa fi suuraa maamiltootaa ummatatti ifa gochuun hangam seera-qabeessa kan jedhu dubbii ijoo ta'eera.

Seera biyyattiin suuraa namootaa baasuufi maxxansuun dhorkaa ta'uu gorsaan seeraa fi abukaatoon Obboo Taammiraat Kidaana Maariyaam himu.

Dabaluunis "seerri akkuma abbaan hiiketti" jechuun, haalli addaa bakki itti heeyyamamu jira jechuunis BBCtti himan.

"Poolisii fi dhaabbileen walfakkaatan, suuraa nama barbaadamuu maxxansuu danda'u. Murtee seeraaf ykn haqaaf jecha, heeyyamni nama sanaa odoo hin gaafatamin ifa gochuun ni danda'ama," jedhu.

Nama hamminaan 'beekamaa ta'e' yoo ta'emmoo, haalli ittin maxxanfamu jiraachuu kaasuun; hiikni 'nama beekamaa ta'e' jedhu kun bal'achuufi dhiphachuus danda'a jedhu.

Hiika seeraa

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Sirni baankichaa waan heeyyameef qofa, maamiltoonni waliigaltee seenan alatti maallaqa olkaa'an ol fudhachuun, gochaa hin malle raawwatan jechuun Baankichi irra deddeebiin himata.

"Suuraa nama amala hammeenyaan beekamu kamuu baasuun [namoota maallaqa baasan] dabalata yoo jenne, murtee baankichi maxxansuu danda'a jedhutti nu geessuu danda'a," jedhu ogeessi seeraa kun.

Hiikni kun namoota hojii hamminaan uummata biratti beekaman kan ilaallatu malee, daddabarsa maallaqaa kanaan kan hirmaatan hin ilaallatu yoo jenne ammoo, murtee maxxansuu hin danda'u jedhutti nu geessa.

Kanaafidha abukaatoo Taammiraat "seerri akkuma abbaan hiikkatetti," kan jedhaniif. Qaawwi jiru tokkos kan ka'u dhimma kanarradha.

Baankii fi maamila jidduu waliigalteen jira. Namni maamila tahe waliigalteen simatee itti seenu jira. Kunis mirgaafi dirqama baankichaa fi maamilaa kan qabatudha.

Dhimmi falmisiisaan biraa kanarratti ka'a.

Bu'uura waliigaltichaan baankichi maallaqni sirnaan alaa gara herrega maamiltootaa akka hin seenne eegumsa gochuu qaba.

Waliigalteen 'garaa qulqulluun taasifamuu qaba', maammiltoonnis akkaawuntii isaanii keessa maallaqi kansaanii hin taane gaafa galu beeksisuu qabu. Hanga qaban oliis baasuu hin qaban.

"Rakkoon baankicha mudate, rakkoo kompitaraa humnaan ol taheen ta'uu mala," jedhu Obboo Taammiraat.

"Maamiltoonni maallaqa qabaniin ol baasu taanaan, waliigaltee cabsuudha. Waliigalteen kan cabu ta'e jedhamees akkuma jirutti, herrega keessa meeqa akka qaban beekuu dhabuunis tahuu danda'a.

"Waliigalaan qaamolee lamaaniin waliigaltee cabsuu ta'a... [maallaqichi] deebi'uun irra jiraata."

suuraa namoota maxxanfamee
Ibsa waa'ee suuraa, Marsariitii baankichaarra suuraa fi maqaan maamiltootaa maxxanfameera

Dhugaa akka falmiitti

"Sistamni kompiitaraa maal godhe? Herrega namootaa keessa maallaqa hin malle galchemoo, hanga qabaniin ol ennaa gaafatan daddabarsarra kan mudatedha? kan jedhu ilaalamuu qaba," jedhu ogeessi seeraa kun.

Maamiltoota maqaafi suuraan isaanii maxxanfamaa jiru ilaalchisee "dhugumatti kan baasanidhamoo, otoo hin baasin kan maxxanfamanidha kan jedhus ilaalamuu qaba."

"Nama tokko maallaqa dabalataa otoo hin baasiin dogoggoraan; dogoggora maqaa ykn dogoggora barreeffamaan, maqaa ykn suuraansaa yoo bahe, dogoggora guddaadha. Seeraanis gaafachiisa," jedhu ogeessi seeraa dubbisne kun.

Namoonni maqaafi suuraan isaanii maxxanfame, akkuma baankichi jedhu dhugumatti qarshii fudhataniiru taanaan, baankichi maqa-balleessiin carraan itti himatamu hinjiru.

"[Namni tokko] dhugumaan qarshii baaseera taanaan, bu'uura seeraan dhugaan ittisa isaati. Namni kun qarshii qabu caalaa baaseera yoo jedhameefi dhugaa yoo tahe, maqaansaa yoo bade, dhimmichi dhugaa taanaan maqaan bade hin jedhamu. Sababnisaa dhugaan ittisa ta'uu danda'a."

Dhugaas taanaan, haalli baankichi ittiin himatamu jira.

Innis dhugaa sana kan dubbate, miidhuuf jedhee yoo tahe qofadha. Hammeenyaan kaka'ee taanaan, qaamni ragaa dhuunfaa baase himatamuu danda'a.

Ragaa dhuunfaa ifa baasuu

Maamiltoonni suurasaanii baankiif kan kennan waliigaltee galan irratti hundaa'aniiti. Baankichi iccitii eeguu, hamma qarshii qaban, teessoosaanii fa'i dabarsee kennuu dhabuu dirqama seeraa qaba.

Gama baankichaan, ragaa haala kanaan argate itti fayyadameera. Eenyummaa namoota maallaqa jalaa fudhatanii ibsuuf, suurasaaniitti fayyadameera.

Maamiltoonnis haala waliigalteen alatti, maallaqa isaan hin ilaallane baasaniiru.

"Beekaas tahe adoo hin beekiin, 'Waaqarraa naa kenname' jedhanis tahu qarshii baasaniiru. Kuni ammoo waliigalteen aladha," jedhu abukaatoon dubbisne kun.

Bu'uura waliigaltee qaamolee lamaanii kanaan, maamilli tokko maallaqa qabu ol yoo baase, baankichaaf beeksisuu fi mirkaneeffamuu qaba.

Yoo hangaan ol tahe baankichaaf deebisuun irraa eegama. Gama kanaan maamiltoonni maallaqa isaan hin ilaallane baasaniiru taanaan, waliigaltee cabsaniiru jechuudha.

Sababa kanaatiin, suuraa maamiltootaa baasuu dhimmi jedhu "falmisiisaa" taha.

Hakiima, abukaatoo fi ogummaa walfakkaatoon biroon iccitii maamiltoota isaanii eeguun dirqama qabaatanis, dhimmichi carraan seera yakkaan ilaalamuu malus ni jira.

Maqa-balleessiin walqabatee adeemsi baankichi itti deemes tilmaama keessa seena.

"Ragaan kun kan ba'e namoonni arganii kan hin deebisne akka deebisaniifi? Moo mala kanneen didan ittin dirqamsisanidha? kan jedhu ragaan ilaalamuu qaba," jedhu Obbo Taammiraat.

"[Gochaan baankichaa] lamaansaayyuu fakkaata. Tokko beeksisuuf, gama kaaniin ammoo namoota didanirratti dhiibbaa gochuus fakkaata."

Gama kaaniin, baankichi seera fayyadamuu otoo qabuu, seera harka ofii keessa galchuu danda'aa? kan jedhus ni ilaalama.

Akka Obbo Taammiraat jedhanitti, "suuraafi maqaa maxxanse malee... poolisii ergee ykn aangoo ofiin herregasaanii keessa galee fudhateera kan jedhu hin dhageenye. Akkas taanaan ammoo [ragaa dhuunfaa] maxxansuu danda'a."

Haalli biraan itti ilaalamu haala seeraan ofirraa qolachuutiin (self defense) raawwatee kan jedhun ta'a.

Namni tokko haleellaan ogguu irratti raawwatu seeraan alas yoo tahe, haleellaa irra gahe faccisuuf, haleellaa walgitu ykn walfakkaatu raawwachuun mirgasaa kabachiisuu danda'a.

Seeraan ofirraa qolachuun kan raawwatu, haleellaa raawwachuun dura ykn ennaa dhiyaatudha. Yookaan battaluma raawwate sana tahuu qaba.

"Haleellaan sirratti raawwatamee turtee tarkaanfiin qolachuu fudhattu, seeraan ofirraa faccisuu keessa hin hammatamu. Gama tokko, jarri qarshii fudhachuu isaaniin dura taanaan, kana gochuun ni danda'ama. Erga fudhatanii booda garuu, ofirraa qolachuudha kan jedhu falmisiisaa tahuu mala."

Waliigalaan, dhimmi baankichaa fi maamiltootasaa seerota akka akkaatiin ilaalamuu qaba kan jedhan Obboo Taammiraat, "walumaagala kana jechuun hin danda'amu. Gama hedduun ilaalamuu danda'a," jedhu. Sababa kanaafi "seerri akkuma abbaan hiikeetti" kan jedhaniif.