Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Sinodoosiin Ortodoksii dubbii MM Abiy Ahimad mormuun hiriira waamuf dhaadatte
Qulqulluun Sinodoosii Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa mootummaan yoo seera hin kabachiifneef ta’e hiriira nagaa bahuudhaan mirga mana amantichaa akka mirkanaa’u akka qabsaa’u beeksise.
Sinodoosichi ibsa Roobii Guraandhala 1, 2023 baaseen, mirgi mana amantichaa hanga mirkanaa’utti paatiriyaarikichaa kaasee abbootiin amantichaa hundi ‘‘aarsaa lubbuu kanfaluudhaaf illeen’’ qabsoo isaanii akka itti fufan kaaseera ibsichi.
Qaami olaanaa mana amantichaa ibsa kana kan baase, ibsa Ministirri Mummee Itoophiyaa Abiy Ahimad erga miseensota kaabinee isaanii dhimma rakkoo tibbana mana dureewwan mana amantichaa keessatti mudate ilaalchisuun kennan horodofeen deebii kennuufiidha.
MM Abiy Ahimad rakkoo Mana Kirisitaanaa Ortodooksii Tawaahidoo Itoophiyaa keessatti uumamee keessa qondaaltonni mootummaa harkasaanii akka hin galfanneef akeekkachiisaniiru.
Rakkoo mudate mariin haa furamu kan jedhan MM Abiy Ahimad, rakkinichi akka furamuuf aangawooti mootummaa ergamuufi kunis akka hin milkoofne dubbatan.
Itti dabalunis MM Abiy, mootummaan gaaffiiwwan tajaajila mana amantichaa irratti naannoolee Oromiyaa fi Ummattoota kibbaatti ka’an callisee hin ilaalu jedhan.
Mirga afaan isaanitiin tajaajilamu osoo hin mulqamne rakkinicha furuun akka danda’amu kaasanii ture.
Haata’u malee ibsi Sinidosiin baaseen, MM qaamoolee seeraafi dudhaa mana amantichaa 'cabsuudhaan aangoon isaanii irraa mulqame' waliin akka mari’atamuf gaafachuun akka beekkamtii kennuutti fudhatama jechuun komate.
Akkasumas MM Abiy ‘‘gochaa fonqolcha sinodoosii akka dhimma salphaatti mariin akka furamuutti ibsun isaanii, barsiisa mana amantaa keenya jidduu akka galuuti’’ jechuun mormii isaa ibseera Qul. Sinodoosii.
Dabaluunis, dureewwan amantii Qul. Sinodoosii dhorke dureewwan kaanin wal qixxeessanii ilaaluun ‘‘kan seera maleessuummaa jajjabeessu, dhaabbileen seera qabeessa ta’an akka gareewwan seeraan alaatiin jeeqamaniif fuula kan kennu waan ta’eef sireeffamu qaba’’ jedheera.
MM Abiy ibsa miseensota kaabinee isaaniif kennaniin, mootummaan qaamolee lamaan wal qixa akka ilaalu himan.
‘’Humni addatti deeggarrus, morminus hin jiru. Lamaanuu Ortodoksootadha. Lamaanuu bira gaaffiinifi dhugaan jira,’’ jechuun dubbatanii turan.
Aangawoonni mootummaa olaanoos dhimma kana keessa harka akka hin galfanne akeekkachiisaniiru. Manni Kiristaanaa garuu kana mormiteetti.
Qul. Sinodoosii kuni aanga’oonni kunneen ittigaafatamumama isaanii akka hin baaneef daangeessuufi seera maleessummaan akka jajjabaatu taasisa jedheera.
Ibsa baheen dhimmoota ijoo dogongoradha jedhaman kan eeraman yoo ta’u MM Abiy sirreeffama akka itti kennan hubachiiseera.
'Dogongoradha'
Ibsi Qulqulluu Sinodoosii dubbii MM Abiy 'dogongoradha' jedhees ibseera.
Humnooti mootummaa abbootii amantaa kaan dhamaasaa, kaan immoo tumsaa jira jechuun komate.
Abbootiin amantaa mana kiristaanichaa buufata xiyyaaraatti deebifamuufi hordoftoonni amantichaa waaqeffannaaf walitti qabaman akka bittinfaman godhamuu ibseera.
Qulqulluun Sinodosii ibsa isaan abbootii mana amantichaa dararuun dureewwan manni amantaa seeraan ala jettemmoo poolisiin tumsaa akka jiru ibse.
''Miseensota humna addaa Oromiyaan dabaaluuniifi kunuunsuun dhaabbilee mana amantichaa akka seenan taasifameera,'' jechuun qabeenya irratti miidhaan dhaqqabuufi konkolaattonni akka hin sossoone taasifamu ibse.
Dhaabbileen mana amantichaafi qabeenyi mana kiristaanichaa eegumsi barbaachisaa akka taasifamuuf, akkasumas wabiin abbootii amantaafi hojjettoota bulchiinsaa akka mirkanaa'u hubachiisteetti.
MM Abiy ''Oromiyaa keessa hordoftoota amantii Afaan Oromoon tajaajilli nuuf haa kennamu jedhee gaafatu siif hin kennamu jedhee dubbachu hin danda'u,'' jedhaniis manni amantaa qeeqe.
Manni Kiristaanaa afaaniin tajaajilamuu akka hin dhowwine ibsuun dubbiin MM Abiy manni kiristaanaa ''tajaajila afaanii akka dhorkite'' fakkeessa jechuun ibsite.
Isa MM Abiy lafi bal'aa amantoota kaan caalaa Mana Kiristaanaaf kenname ibsaniis, ''dogongora'' jechuun himte.
Kaartaan lafaa akka kennamu kan eegaa turre malee lafa haaraa kenname miti jedheera ibsi bahe.
Manni amantaa dubbii MM Abiy waan dhihoo Oromiyaa keessa raawwate kan waggaa darbe dureewwan amantaa Tigraay keessa raawwatan waliin wal bira qabaniis qeeqe.
''Qaamoleen seeraan ala muudamneerra jedhan'' bakkeewwan tokko tokkotti mana kiristaanaa irratti ''hookkarri uumamaa'' akka jiru hubachuu ibse.
Kanaanis mootummaan mana kiristaanaaf eegumsa akka taasiftu gaafate.