Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Yoo Maanchister Yuunaayitid keessatti na hin barbaanne kilaba biraa deemeen waancaa mo'adha- Erik Ten Haag
Hoggantootni Maanchister Yuunaayitid dorgommiin bara akanaa akkamiin akka xumuramee fi qabxii argatan irratti madaallii gaggeessuu jalqaban. Dhimmi mata duree jabaa tahe garuu hiree fuulduraa kan leenjisaa isaanii Erik Ten Haagidha.
Bara 2016 kilabicha leenjisaa kan turan Luwis Vaan Haal waancaa FA Cup akkuma injifataniin bulee isaa hojiirraa gaggeeffamuu dhagahan. Leenjisichi dubbii kana waan eegan hin turre.
Maanchister Yuunaayitid murtoon kun sirrii moo sirrii miti kan jedhuu ammayyuu madaallii hin gaggeessine.
Vaan Haal Maan Yuunaayitidii bahuun biyya isaanii Nezerlaandis Waancaa Adunyaa bara 2022'f dabarsuun nuusa xumuraatti Arjentiinaan mo'amuun keessaa bahan.
Ammas Erik Ten Haag qabxii bara kana Piriimer Liigii keessatti argatan waggoota 30 as isa xiqqaa tahee galmaa'uun isaa fuulduree isaanii irratti gaaffii kaaseera.
Kan Teen Haag kan Vaan Haal irraa waan adda godhu qaba.
Teen Haag waancaa FA Cup gahumsa olaanaa agarsiisuun mo'atan. Sanuu kileba masaanuu isaanii tahee fi walitti aansuun waancaa Piriimer Liigii mo'ataa ture maan Siitii injifachuuni.
Leenjisicha abbaan qabeenyaa haaraa maan Yuunaayitid Sir Jim Raatkiliif ''yoo asitti na hin barbaanne, homaa rakkoon hin jiru kileba biraa deemeen akkasuma waancaa biraa injifadha. Kun hojiin ittiin beekamudha'' jedhan.
Leenjisichi ofitti amanamummaa guddaadhaan dubbatan. Inumaayyuu dubbuun isaanii kun abbaa qabeenyaa adunyaa irratti milkaa'uun beekamanii fi nama murteessaa kilebichaa ta'an akka dhaabbatanii itti yaadan taasiseera.
Miidiyaa hawwaasaarra dhiibbaa guddaatu ture. Kaampaanii haaraan amma kileba Maan Yuunaayitid %25 ol bitatee dhimma kubba miilaa akka to'atu aangoon kennameef Ineos Maanchister Yuunaayitid keessatti muuxannoo kubba miilaa xiqqaa qaba.
Hojii Gaggeessaa isaanii Omaar Beradaa fi daariktera kubba miilaa taha jedhanii kan eegaa jiran Daan Ashwoorzi ammayyuu waliigaltee xumuranii hojii hin eegalle.
Tapha waancaa durayyuu Ten Haag waliin hin mari'anne. Callisatu guute.
Kubbi miilaa barana taphatan akkaan fokkisaadha. Garuu miidhamni taphattootaa akka malee isaan miidhe.
Wembilee irratti silas Maanchister Yuunaayitid ni mo'ama. Sana booda kilebichi salphumati murtoo fudhachuun leenjisicha hojiirraa ari'a kan jedhu yaada miliyoonotaa ture.
Garuu leenjisichii fi taphattootni isaa kutannoo guddaa agarsiisuun waancaa mo'atan.
Ten Haag filannoo taphattootaa gaarii tahe godhan. Taphattootni karoora taphaa leenjisaan kenneef sirriitti hojiitti hiikan.
Ol adeemtonni lama akkaadaamii kilebicha irraa tmahan galchii lakkoofsisuun seenaa haaraa galmeessan.
Kana jechuun Erik Ten Haag seenaa Maanchister Yuunaayitid keessatti leenjistoota afur walitti aansuun waancaa injifatan Sir Aleeksi Fergusan, Sir Maat Baasbii fi Ernesti Maanyal keessaa tokko tahe.
Isaan ammoo warra kilebicha keessatti maqaa guddaa fi kabaja olaanaa qabaniidha.
Taphataan sarara ittisaa ganna 36 tahe Joonii Evaansi, ''leenjisaa sitti amanu si barbaachisa, waa'ee leenjisaa kana waan gaarii qifan dubbachuu barbaada.
''Ji'oota darban kana keessa taaktika taphaa adda tahe agarsiisaa ture. Ittisanii deebisanii jifachuun falaasama taphaa inni hordofu hin turre, garuu yeroo barbaachisaa tahee argametti ammoo hojiirra oolcheera,'' jedhe.
Amma gaggeesitootni Maanchister Yuunaayitid leenjisaa waggaa afuriifi walakkaatti waancaa shan Ayaaksi waliin mo'ate irratti murtoo fudhachuuf waan itti yaaduu qaban tahee argame.
Jimaata The Gurdian waancaa mo'atanis dhabanis leenjisichi ari'amuun isaanii waan murtaa'edha jechuun gabaase. Kilebichi ammoo sobas dhugaas hin jenne. Kan deebii kenne hin jiru.
Leenjisichi hiree isaanii osoo hin bariin dhiibbaa miidiyaa fi qeeqa guddaa jala tahuun gara taphaatti deemuun mo'atanii galan.
Maanchister qabxii 60'n sadarkaa saddeettaffaan yoo xumuru hirmaannaa dorgommii Awurooppaan ala tahee ture.
Waancaa kana injifachuun ammoo Cheelsii Awurooppaa Liigii irraa baasuun Yuunaayitidiif carraa kenne.
1989-90 Maanchister Yuunaayitid qabxii 48'n sadarkaa 13ffaan xumure.
Garuu yeroo sana waancaa FA Cup mo'achuun akkuma bara kanaa carraa dorgommii Awurooppaa argatan.
Kan bara kanaa adda kan godhu garuu morkattoota jaboo injifachuu isaaniiti.
Kun hojii Sir Aleeksi Fergusan waggoota 26 itti aananiif akka kilebicha turan isaan oolchite.
Ten Haag miidhama taphattootaa qofa osoo hin taane dubbii mana murtii Maason Giriinwuud, rakkoo naamusaa Jeden Saanchoo, Raashfoordi bara darbe galchii 30 lakkoofsisuu irraa gara galchii saddet qofa gumaachuutti bu'uun rakkoowan leenjisicha mudatanidha.
Rasmas Hooyilaandi midhamaan dhufus irra dedebiin iidhamaa ture.
Taphattootni akka Kaazemiiroo sarara gidduurraa deebifamuun ittisarra akka taphatan dirqisiifaman.
Amma leenjisichi rakkoo keessa turre namuu beeka. Dhugaadha kubba miilaa sadarkaa kilebichaa madaalu hin taphanne. Garuu maaliif kan jedu hubatamuu qaba.
Yeroon gara kileba kanaa dhufu waan hunduu babbadee ture. kana sirreessuun hojii guddaa ture. Amma miidhama taphattootaa hedduu nu mudate. Kana keessatti qabxiin arganne gahaa tahuu baatus waancaa ammoo injifanneerra jedhan.
Yoo asitti na barbaadan, pirojektii kana itti fufuun taphattootakoo nan cimsa, nan guddisa. Yoo ana hin barbaanne ammoo bakka biraa deemeen akkuman gochaa ture sana waancaa injifadha'' jedhan.
Amma murtoon kan abbaati jechuun abbaa qabeenyaa haaraa Maan Yuunaayitidiif deebii isaa dhiisaniiru.