Fooramiin Xaanaa waggaadhaan Baahirdaaritti gaggeefamu yeroo biraatti darbe

Madda suuraa, TANA FORUM
Dhimma nageenyafi tasgabbii Afrikaarratti kan mariyatuufi waggaa waggaan Bahiirdaaritti kan gaggeeffamu Fooramiin Xaanaa yeroo biraatti darbe.
Fooramii kanarrati gaggeessitoonni duraanifi ammaa biyyoota Afrikaafi beektonni heddu kan irratti hirmaataa turaniidha.
Magaala guddoo naannoo Amaaraa kan taate Bahiirdaaritti Fooramiin 11ffaan Guraandhala 2-4, 2016 ALItti gaggeeffamuuf beellamni qabamee ture.
Korri Fooramii Xaanaa kun ji'a Eblaatti akka darbe marsariitii Dhaabbata Qorannoo Nageenyafi Tasgabbii Yuunivarsiitii Finfinnee irratti ibsamee jira. Fooramii Xaanaa kan qopheessu Yuunivarsiitii Finfinneeti.
Korichi "sababa haalota hin eegamneetin" yeroo biraatti darbuu ibse dhabbatichi.
Bara kana korichi mata duree "Afrikaa Sirna Addunyaa Fooyya'aa Dhufe Keessatti" jedhuun marii gaggeessuf ture.
Boordin Xaanaa, Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaafi Sekiretaariyaatin Xaanaa dhimmicharratti marii bal'aa erga gaggeessaniin booda yeroo biraatti akka darbuuf murteerra akka gahan ibsa Dhaabbanni Qorannoo Nageeyafi Tasgabbii kun.
Kora Fooramii Xaanaa waggaa waggaan gaggeeffamu kan keessummeessitu magaala Bahiirdaar dabalatee naannoo Amaaraa bakkeewwan heddutti raayyaa ittisaafi hodhattoota Faannoo gidduutti lolli gaggeeffamaa ture.
Kanarraa ka'uun naannichatti labsiin yeroo muddamaa labsamee jira. Naannichatti lolli raayyaa ittisaafi humnoota Faannoo gidduutti gaggeeffamu xiqqoo waan qabbanaa'e ture fakkaatus, keessumaa erga bara haaratii bakkeewwan tokko tokkotti lolli irra deebin gaggeeffamaa akka jira jedhame.
Namooni BBCn dubbise akka jedhanitti, Goojjam Lixaafi Shawaa Kaabatti walitti bu'iinsi gaggeeffamaa jira.
Gaafa Dilbataa naannoo magaala Shawaa Roobititti walitti bu'iinsa humnoota lamaan gidduutti uumameen geejjibni Finfinneefi Dasee gidduu jiru gargar citee, sochiin magaalattii keessaa danqamuufi jiraattonni yaaddoo keessa jiraachuu ibsan.
Fooramiin Xaanaa "furmaata duudhaaalee Afrikaa giddu galeessa godhate" irratti xiyyeeffachuun rakkoolee nageenyaafi tasgabbii ardittii irratti mariyata.
Walitti bu'iinsa furuufi hawaasa jijjiiruf gaggeessitoonni duriifi ammaa biyyoota Afrikaa garaa garaa, ogeeyyii nageenyafi tasgabbii Afrikaa irraa ta'an wal-gahuun furmaanni karaa ittiin argamurratti mariyatu.
Fooramiin Xaanaa Dhaabbata Qorannoo Nageenyafi Tasgabbii Yuunivarsiitii Finfinneefi namoota Afrikaa bebbeekamoon waggaa 11 dura hundaa'e.












