Rifeensi Ilma Mootii Alamaayyoofi Taabonni Maqdalaa hatamee ture UKrraa Itoophiyaaf deebi'e

Madda suuraa, ALAMY
Rifeensi Ilma Mootii Alamaayyoo, ilma Mootii Teediroos Lammaffaa kan tureefi Taabonni, akkasumas hambaaleen seenaa gara garaa Maqdalaadhaa hatamanii turan Itoophiyaaf deebi'an.
Imbasiin Itoophiyaa Landan jiru hambaalee humna Ingiliziin fudhatamanii turan mootummaa UK harkaa fuudhuu ibseera.
Hambaalee harkasaa gahan keessaa Qul. Taabota Bataskaana Madaanaalamii Maqdalaarraa hatame, rifeensa mataa ilma mootii Teediroos waancaa naasan lommoxameefi goraadee lola Maqdalaarratti hojiirra oole akka ta'e beeksisera.
Sirna hambaalee seenaa wal-harkaa fuudhuu kaleessa, Fulbaana 21, 2023 magaala Landanitti gaggeeffamerratti qondaalonni embasii Itoophiyaa Landan jiruu, bakka bu'oonni Bataskaana Ortodoksii Itoophiyaa, koreen hambaalee biyyaalessa deebisuu akkasumas hambaalee kana deebisuu keessatti kanneen shoora qaban hirmaataniiru.
UKtti ambasaaddara Itoophiyaa kan ta'an Ambasaaddar Tafarii Mallas, hambaalee Itoophiyaa Maqdalaafi kutaalee Itoophiyaa garaa garaarraa fudhatamuun gara UK geeffaman deebisiisuuf, qaamolee dhimmichi ilaallatu adda addaa gaafachaa akka turaniifi tattaaffin kun akka itti fufu dubbatan.
Ambasaaddar Tafariin akka jedhanitti hambaalee seenaa kanneen sirnaan olkaa'uf gara Itoophiyaatti akka ergamus saganticha irratti dubbataniiru.
Lola Maqdalaa bara 1868tti Ingiliziifi Mootii Teediroos Lammaffaa gidduutti gaggeeffameen, loltoonni Ingilizii wantoota hatanii gara UK geessan keessaa tokko Taabota Madaanalamiidha.
Bataskaanni Ortodoksii Itoophiyaa Qul. Taabota kana akka fudhattu taasifameeras jedhame.
Jila bakka buutota Bataskaana Ortodoksii Itoophiyaa kan dursan 'Maggaabii Haddis' Qasiis Abaataa Goobanaa, Qul. Taabonni kun akka deebi'u godhamuunsaa Bataskaana Ortodoksii Itoophiyaaf hiika amantii guddaa akka qabuufi kunis sirna amantiin kabajaan yeroo dhiyootti gara Itoophiyaatti akka deebi'u akka godhamu ibdaniiru.
Rifeensa mataa Ilma Mootii Alamayyoo
Rifeensi Ilma Mootii Alamaayyoo gara Itoophiyaaf akka deebi'u godhamuunsaa akka isaan gammachiise dhaloota 4ffaa maatii Mootii Teediroos kan ta'an Faasil Minaas BBCtti himaniiru.
Gara fuulduraatti ammoo lafeen Ilma Mootii Alamaayyoo akka deebifamuuf akka abdatan maatiin dubbataniiru.

Madda suuraa, ETHIOPIA EMBASSY LONDON
Antiroopoolojistiifi miseensa koree hambaalee deebisuu kan ta'an Aluulaa Paankirast, hambaalen kun Itoophiyaaf deebi'uun tarkaanfii jajjabeeffamu ta'uu himuun, dhaabbileen, god-hambaawwanii ifi qorattooni Itoophiyaafi UK caalmatti akka walitti dhiyaataniif karaa kan banudha jedhaniiru.












