'Bineensaa gaditti ilaalamna, osoo waaqi dubartii godhee nu uumuu baatee'- dubartii Afgaanistaan

Gareen hidhattootaa waggoota hedduuf mootummaa Afgaanistaaniin lolaa erga turee booda bara darbe aangoo qabate Taalibaan, bulchiinsi isaa dubartoota hedduu gidirsaa jira.

Dubartoonni hedduun barnootarraa, hojiirraa, bakkee keessa deemurraa ittifamaniiru.

Sababa kanaan kanneen hidhamanii dararamanis jiru.

Shamarreen umriin ishee waggoota kurna keessa jiru tokko dheebuu barnootaaf qabdu sababa bulchiinsa Taalibaan dharraa ba'uu hin dandeenye.

''Osoo waaqi dubartii godhee na hin uumne ta'ee abdii kooti. Carraa tokkollee hin qabnu taanaan jiraachuun hiika maal qaba?'' jette.

''Mirgi keenya mirga bineensaallee ga'uu didde. Bineensaa gaditti ilaalamna. Bineensonnillee bakka fedhan deemuu danda'u. Nuti [shamarran] garuu luka keenya manaa gadi hin baasnu.''

Manni Maree Nageenyaa UN imaammata Taalibaan kan dubartoota miidhuu irratti xiyyeeffate jedhe balaaleffateera.

Taalibaan dubartoonni yuuniversitii seenanii akka hin barannee fi dhaabbilee miti-mootummaa keessa akka hin hojjenne uggureera.

Gareen hidhattootaa amma Afgaanistaan bulchaa jiru kun, dubartoota sirnaan hijaaba hin uffannee fi naamusa amantii amantii Islaamaa cabsan jedhe irra dhorkaa kaa'uu ibsa.

Miseensonni Maree Nageenyaa hunduu (15 isaaniituu) tarkaanfii Taalibaan kanaan ''guddoo akka rifatan'' ibsaniiru.

Barreessaa Olaanaan UN Antooniyoo Guteeres uggurri Taalibaan kaa'e atattamaan kaafamuu qaba jechuun akeekkachiisan.

Ibsi waloo miseensonni mana marechaa baasan, dubartoonni fi shamarran Afgaanistaan ''hirmaannaa walqixa, guutuu fi hiika qabu ykn bu'a qabeessa ta'e qabaachuu qabu,'' jedha.

Taalibaan tarkaanfii dubartoota irratti fudhate akka kaasuu kan akeekkachiisan miseensonni kunneen, ''Imaammati Taalibaan kun dhiittaa mirgoota namoomaa isa hamaadha,'' jedhan.

Dhorkaan dubartoota hojjettoota gargaarsa namoomaa ta'an irra kaa'ame, kan UN dabalatee hojii gargaarsa namoomaa Afgaanistaan keessatti hojjetamu kan gufachiisuudhas jedhan.

Aab Guteeres uggurri dhiheenya kana dubartoota Afgaanistaan irra kaa'amaa jiru ''dhiittaa mirga namoomaa duuchaatti raawwatameedha,'' jedhan.

''Dubartootaa fi shamarran moggaatti baasuun hojiin hojjetamaa jiru, lammiilee Afgaanistaan hunda balaarra buusa,'' jechuun tiwiitarii isaaniirratti barreessan.

Uggura Taalibaan labse kanaan yoo xiqqaate dhaabbilee miti-mootummaa jajjaboon shan ta'an kanneen lammiilee biyyattii hedduu tajaajilan keessaa dubartoonni ugguramaniiru.

Dhabbilee kunneen keessaa Care International, Jaarmiyaa Baqattootaa Norway (Norwegian Refugee Council [NRC] fi Jaarmiyaan gargaarsa daa'immanii- Safe the Children ''dubartoota malee hojii keenya itti hin fufnu,'' jedhan.

Koreen baraarsaa idil-addunyaa- International Rescue Committee jedhamus tajaajila addaan kutuu kan beeksise yoo ta’u, jaarmiyaan Islamic Relief jedhamus gamasaan hojii isaa harka caalu dhaabaa akka jiru ibseera.

Afgaanistaan bulchaa kan jiru Taalibaan mirga dubartootaa haalaan ukkaamsaa tureera.Labsiin yeroo dhiyoo dhaabbilee miti mootummaa irratti bahe, Taalibaan dubartoonni yunivarsiitii akka hin baranne erga dhorkee guyyoota muraasa booda.