Naannoo Itoophiyaa paartiin 'mallattoo kanniisaan' injifate ammas itti bulchaa jiru

Filannoon Biyyaalessaa Itoophiyaa jahaffaa osoo biyyattiin rakkoo nageenyaa keessa jirtu gaggeeffame

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Filannoon Biyyaalessaa Itoophiyaa jahaffaa osoo biyyattiin rakkoo nageenyaa keessa jirtu gaggeeffame

Itoophiyaa keessatti hanga ammaa filannoon marsaa jahaffaaf taasifameera. Inni jahaffaan irra deddeebiin erga achi butame booda ALI Waxabajjii 14 Bara 2013 taasifame.

Filannoo marsaa lamaan adeemsifame kanaan sababa rakkoo nageenyaafi kaanin bakkeewwan itti hin adeemsifamnees ni jiru.

Akka fakkeenyaatti bakkeewwan muraasa naannolee Amaaraa, Affaar, Oromiyaa, Naannoo Kibbaa duraaniifi Benishaangul Gumuuz eerun danda’ama.

Haa ta’u malee, dhimmi filannoo Naannoo Benishaangul Gumuuz ‘’addadha.’’

Bakkeewwan Itoophiyaa filannoon itti hin adeemsifamneetti ‘sagalee caalmaa’ adeemsa jedhuun mootummaan hundaa’eera.

Naannoo Benishaangul Gumuuz keessatti naannolee filannoo 20 ol keessatti filannoon adeemsifamuus, mootummaa hundeessuun garuu hin danda’amne.

Sababa kanaan, labsii yeroo weerara Covid-19 labsameefi paartileen mormituu ‘seeraan ala’ jedhaniin manni maree naannichaa aangoo isaa dheeresse waggoota sagaliif seeraa tumuu itti fufeera.

Filannoon naannichi yeroo tasgabbaa’u ALI Bara 2015’tti adeemsifama jedhames akka yaadame hintaane.

'Mana maree kanniisaan injifate'

Filannoon Biyyaalessaa jahaffaa yeroo adeemsifamu Naannoon Benishaangul Komaand Poostii jala ture.

Kunis ta’u, galmeen dorgomtootaafi kaadhimamtootaa darbees gabateen filannoo maxxanfamees ture.

Dura taa’aa Paartii Dimookiraatawaa Boroo kan ta’an Dr Mabiraatuu Alamuu sababa rakkoo nageenyaan ‘’duula na filadhaa gochuu hindandeenyu’’ jechuun paartileen filannoon akka dheeratu gochuu himu.

Kunis ta’u, naannolee filannoo muraasatti filannoo gaggeessuun danda’ameera. Kanaanis, morkattoonni teessuma paarlaamaa federaalaa sadiifi kan naannoo 28 mo’atan jiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Haa ta’u malee, Naannoon Benishaangul Gumuuz teessuma paarlaamaa federaalaa sagaliifi teessuma mana maree naannoo 99 qaba.

Sababa kanaaf, teessumni federaalaa jaha naannichi qabu ammallee ‘’bakka bu’uumsa hinqaban’’.

Naannichatti yeroo filannoo marsaa jahaffaa Sochiin Bilisummaa Ummata Benishaangul, IZEMA, ABIN fi Badhaadhinni dorgomanii teessuma naannoo 28’nu Badhaadhinatu mo’ate.

Akka seera filannoo Itoopiyaatti, Badhaadhinni sagalee caalmaa mootummaa itti hundeessuu danda’u hin arganne. Erga kuni ta’e waggootni lama darbaniiru.

Sababa kanaan naannichi miseensota mana mareefi hojii raawwachiiftuu turtiin aangoo isaanii xumurameen ammallee hoogganamaa jira jedhu namoonni siyaasaa mormituu.

Miseensonni mana maree kuni filannoo biyyaaleessaa marsaa shanaffaa Bara dhaaba ADWUI ALI Bara 2007 adeemsifameen kan filatamanidha.

Obbo Abdulsalaam Shangal Walitti Qabaa Koree Waloo Paartilee B/ Gumuziifi Dura Taa’aa Paartii Bilisummaa Ummata Benishaanguliiti. Dhimmi naannichaa ‘’addadha’’ jedhu.

Kanaafis sababi isaan himan bakkeewwan naannolee biroo filannoon itti hin adeemsifamne mootummaa hundeessanis, naannichi garuu mootummaa ‘seeraan ala’ jedhan jala jira jedhu.

Dhaabni ADWUI baqee dhaabni Badhaadhinaa yeroo biyya bulchaa jiru kanatti Naannoon Benishaangul Gumuuz paartii waggoota sagal dura ‘’mana maree ADWUI’’n hoogganamaa jira jedhu Dr Mabiraatun.

‘’Kuni heericha kan faallessuudha,’’ jedhu. ‘‘Barri filannoo tokko waggaa shanidha. Yoo isa darbe hiikkaan seeraa itti kennameeti itti fufa.

‘’Kan Benishaangul garuu hiikkaan seeraa osoo hin kennamiin sagalee mootummaa hundeessuu osoo hin argatiin naannichaa bulchaa jiru.’’ Seerri biyyaas, naannichaas cabeera jedhu.

Obbo Abdusalaam gama isaaniin ‘’aangoo waggaa shanii gara sagalitti guddisuun hawaasarratti miidhaa qaba,’’ jechuun hirmaannaa paartilee mormituu akka miidhu himu.

'Yaaddessaadha'

Dhimmi filannoo naannichaa ‘’yaaddessaadha’’ kan jedhan Dr Mabiraatuun, filannoon atattamaan akka taasifamu gaafatu.

Komishiniin Filannoon Biyyaalessaa Itoophiyaa bakkeewwan filannoon itti hin adeemsifamne ALI Bara 2015 akka filannoo gaggeessu ibsuus hin milkoofne.

Boordichi ‘’karoorri’’ xumuramaa jira jechuun dubbachuun ala odeeffannoo dabalataa hin kennine.

Naannoo Benishaangulitti haleellaan irra deddeebiin raawwataa ture
Ibsa waa'ee suuraa, Naannoo Benishaangulitti haleellaan irra deddeebiin raawwataa ture

BBC’n bakkeewwan filannoon itti hin adeemsifamne filannoo gaggeessuuf bajatni akka ragga’e paarlaamaarraa mirkanesseera. Kunis, birrii miiliyoona 320 dha.

Naannoo Benishaangul Gumuzitti filannoon waggaa kana baatii Caamsaa keessa akka adeemsifamu boordichi marii paartilee mormituu waliin gaggeesserratti beeksisuu BBC’n maddeenirraa odeeffateera.

Haa ta’u malee, boordichi ifatti waan jedhe hin qabu.

Filmaatawwan dhihaatan

Kana dura paartiin caalmaa mo’ate waan hin jirreef Naannoo Benishaangulitti hiikkaan seeraa silaa taasifamuun akka irra ture namoonni siyaasaa BBC’n dubbise himu.

Namoonni siyaasaa hiikkaan seeraa akka jiraatu Mana Maree Federeeshinii Itoophiyaaf dabalatee gaaffii dhiheessanis gaaffiin isaanii fudhatama akka hin arganne himu.

Manni Maree Federeeshinii Itoophiyaa yeroo weerara Covid-19 filannoo gaggeessuun waan hin danda’amneef turtii aangoo manneen maree biyyattii dheeressee ture.

Yeroo gaafannu ‘’yeroo darbe [yeroo Covid filannoon yeroo dheerate] hiikkaan seeraa kenname akka itti fufu taasifameera deebii jedhu nuuf kennan,’’ jedhu Obbo Abdulsalaam.

Ogeessi seeraafi filannoo maqaan isaanii akka hin dhahamne gaafatan tokko ‘’hanga filannoon adeemsifamutti’’ turtiin aangoo manneen maree hunda dheerate amma yoonaa B/Gumuziitti hojiirra ooluu hin qabu jedhu.

‘’Manni maree Benishaangul murtee yeroosiin ammallee aangoo seeraa nan qaba jechuu hin danda’u,’’ kan jedhan hayyuun kuni ‘’murteen suni Covid bu’uura gochuun darbe,’’ jedhan.

Dabaluunis, ‘’eegasii hiikkaan heeraa kennamee naannoon Benishaangul Gumuuz sababa rakkoo nageenyaan yookiin rakkoo biraan ‘aangoon mana marichaa dheerateera’ murteen jedhu waan hin kennamneef, manni maree B/Gumuuz amma aangorra jiru bu’uura seeraa hin qabu,’’ jedhan.

'Rakkoo' biraa …

Filannoo naannichaa harkifateefi gaaffiiwwan ka’aniif ammallee deebiin qabatamaa hin argamne jedhu paartileen mormituu yeroo adda addaatti filmaatawwan garagaraa dhiheessuu himan.

Kana dura paartiin Boroo jedhamu mootummaa ce’umsaa dabalatee bulchiinsa yeroo, akkasumas mootummaa ‘Baalaadaraa’ akka filmaatatti dhiheessee ture.

Kan biraammoo osoo filannoon adeemsifame mootummaan hundaa’e turtiin aangoo isaa waggaa meeqa ta’a kan jedhus kan falmii kaasudha.

Dura Taa’aan Paartii Dimookiraatawaa Boroo rakkisaa ta’u ibsuun hiikkaan heeraa akka barbaachisu himu.

Yaada Dr Mabiraatuun kan waliigalan Obbo Abdulsalaam gaaffii kana qaamolee dhimmicha ilaallatu kaasuu isaanii eeruun filannoo biyyaalessaa torbaffaaf yeroon xiqqoo waan hafeef hiikkaan heeraa barbaachisa jedhu.

Ogeessi seeraafi filannoo garuu hiikkaan seeraa hin barbaachisu jedhu.

Sababni dhiheessanis mootummaan federaalaas ta’e naannoo filannoon waggaa shan shaniin adeemsifama jedhanii waan tumaniifi jedhu.

‘’Naannoo Benishaangul Gumuuz keessa filannoon haaraa osoo adeemsifamee manni maree hundaa’ee osoo mootummaan haaraa hundeeffame turtii aangoo waggaa shan qabaata.

‘’Mana mareefi gabatee filannoo federaalaa waliin tokko ta’u hinqabu,’’ jedhu.

Haa ta’u malee, naannicha bakka bu’anii paarlaamaa keessa miseensonni bakka bu’uumsa qaban garuu turtiin aangoo mana marichaa gaafa dhume waliin akka xumuramu ibsaniiru.