‘Pirezidantii Ameerikaa milkaa’aa waanan ta’u natti fakkaata’- Anoold Shiwaazingar

Madda suuraa, Getty Images
Maqaansaa Anoold Shiiwaazingar jedhama. Nama kanaan bara jireenyaasaatti nama milkaa’aa jedhuun. Kan dhalatees Waraana Addunyaa lammaffaan booda.
Abbaansaanii waraana Naazii keessatti tajaajilaniiru. Haatiisaanii ammo rakkoo keessa darbaniiru. Inni mataansaa rakkoon nama cimee guddateedha.
Daa’imummaatti kan nyaatu dhabee rakkateera. ‘‘Beela sanatu jireenyakoo boodaatiin akkan milkaa’ina beela’u kan na taasise’’ jedhu.
Wayita waggaa 15 guutanitti maallaqa argatu irraa haadhasaatiif kennuu qaba ture akka irribaata qapheessaniif.
Haala rakkiisaa akkasiituu akka Ostiriyaadhaa baqatu isa taasise.
Abbaan isaas akka cimuuf jecha yeroo hedduu isa qeequ turan. Fedhiin isaanii akka konkolaachisaa taankii ta’uuf ture. Inni garuu ofumaan qaamaasaa akka taankiitti cimsachuu filate.
Carroomees damee maashaa cimsachuutiin nama maqaan sadarkaa addunyaatti ka’u ta’e.
Osoo akkasiin hin milkaa’in duras biyya itti dhalate Ostiriyaa irraa baqachuun Jarman, booda ammoo gara Ameerikaatti godaane.
Akkuma Ameerikaa seeneenis Abjuu Ameerikaa (American Dream) kan jedhu abjootuu eegale. Qaamasaa cimsachuun boodas siniimaa, ittaansee ammoo bizinasii, achinis siyaasaan milkaa’ina olaanaa argate.
Anoold Shiwaazingar tibbana Landan jira kitaaba eebbisiisuuf. Kitaaba haar’aa namoota si’omsu barreesseera. Kitaabichis ‘Be useful: Seven tools for life’ jechuunis ‘mana faayidaa qabu ta’i: malawwan jireenyi akka bareedu taasisan 7’ jechuudha.
Kitaabichi xinxaltoota hedduun waan garii ta’unsaa mirkanaa’aafii jira. Fakkeenyaaf, gaazexaan The Guardian baayyee warra Riippablikaanotaa kan deeggaru miti. Shiwaazingar ammoo deeggaraa Riippablikaanootaati. Gaazexichi ‘‘kitaaba jireenya qajeelfachuuf ta’u waan gaariidha’’ jechuun dinqisifateera.
Anoold Shiwaazingar attamiin barreessaa kitaaba nama dadamaqsanii ta’e?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
‘‘Kun waanan gonkumaa yaadee beeku miti’’ jechuun taateewwan gara sanatti akka geessan himu.
‘‘Nama nama dadamaqsuufi barreessaa kitaaba nama kakaasuun ta’a jedhee hin yaadne. Sababiinsaas wayitan daa’ima ture abjuunkoo waan tokko qofaa ture. Innis addunyaarraa nama qaama cimaa qabu ta’udha.’’
Yaalii waggootaan boodas waajjira bunyaatti hojiiwwan isaa lamaan tokko qalbii harkiisaaniif haaloonni jijjiraman.
Keessattuu, Konaan z Baarbaariyaan, Tiwiinsiifi Tiruu Laayis kanneen jedhan ture isaa kan yeroo dhumaatiif jijjiran.
Isaan booda ture abjuun isaa addnuyaarratti nama qaama cimaa ta’uuf qabu waan gara biraatiin kan jijjirame.
Fakkeenyaaf, imala namoonni gara daandii milkaa’inaatti ittiin imalan hubachuu eegale.
‘‘Namoonni dadamaquu qabaatu. Eessaa ka’ee maal akkan milkeesse na gaafatu,’’ jedha Shiwaazingar.
Kitaabni nama si’omsaniifi gargaaraan ijoollee xin-sammuu dadhaabaatii laata?
Shiwaazignar yaada kanaan adda ta’e qaba.
‘‘Yaadni dogongoraan tokko jira. Deeggarsa gaafachuu jechuun dadhabbii ta’ee nutti mul’ata. Ani garuu warra kaan gargaaruun warra kaaniin gargaaramuu of keessaa akka qabutti natti dhagahama.’’
Anoold Shwaazignar yoo namoonni irra deddebiin waan tokko jedhaniin ni aara.
‘‘Namoonni dhufanii ati kan ofii kee huumteedha naan jedhu. Yoo akkasi naan jedhan hin gammadu. Hundi keenya deeggarsa barbaadna,‘‘ jedha.
Anoold Shiwaazingar sadarkaa amma irratti argamu irra qaqqabuudhaaf namoota hedduu akka sabababaatti kaasa.
Osoo namoonni miiliyoona shan sagalee kennuufii baatanii bulchaa Kaaliiforniiyaa ta’uu akka hin dandeenyee fakkeenya salphaa kennuun, hundi keenyaa saggoo warra kaanii irra akka jirruu agarsiisuu yaala.

Madda suuraa, Geetty Images
Anoold Shiwaazingar warra kaan gargaaraa jiraate. Keessattuu, waggoota soddaman darban keessa hojiiwwan tola-ooltummaa keessa ture.
Fakkeenyaaf, tibba weerara Koovidiitti hojjattoota rakkoof saaxilamoo ta’aniif doolaara miiliyoona tokko arjoomee jira. Olompikii addunyaatiif deeggarsa baayyee taasiseera.
Namoonni wayita Anoold Shiiwaazingar arganitti milkaa’inaafi injifachuu, injifannoorraa gara injifannootti ce’uufi si’omina qofadha kan argan. ‘‘Haata’u malee, jireenyakoo keessatti oliifi gadi bu’un jira‘‘ jechuun dubbata.
Sochii qaamaa keessatti injifatamee akka beeku kaasa. Akkasumas, rakkoo gaa’ela isaa keessatti isa mudates ni yaadata.
Anoold Shiwaazingar kitaaba isaa ammaa keessatti walitti dhufeenya kunuunsa ilmasaa keessatti qabu, gaa’elasaa irratti ejjuu…balinaan hin kaasu. Sababii kanaatiin haadha warraasaa Maariyaa Shiriivar waliin adda bahuu hin dubbatu. Haati warraasaa duraanii intala obbooleettii Joon F Keenedii turte.
Taateewwan kanneen hundas kitaaba kanaan dura bara 2012tti mata-dure Total Recall jedhuun waa’ee seenaasaa barreesse keessatti eeree jira.
Anoold Shiwaazingar irra jiraa Ameerikaa keessatti milkaa’ina olaanaa argachuun akka danda’u agarsiiftuu taasifamuun akka fakkeenyaatti ilaalama. Namoota baayyeetu akka fakkeenya milkaa’ina jiraataatti isa ilaala.
Haata’u malee, waan tokko ta‘un hin danda’amu. Pirezidantii Ameerikaa. Sababiin isaa inni lammii Ameerikaati malee Ameerikaa keessatti hin dhalanne. Heerri biyyattii ammoo nama Ameerikaatti hin dhalanneef carraa pirezidantummaa hin kennu.
Anoold Shiwaazingar dhalatee hanga waggaa 19tti kan guddatte Ostiriiyaa keessatti ture.
Ofii erga abjuuwwan hedduu milkeessuun asi gaheen boda pirezidantii ta’uu dhabuun nama hin aarsuu?
‘‘Dhugaa dubbachuuf pirezidantii Ameerikaa cimaa akkan ta’uu danda’u natti dhagahama. Ta’u dhiisuukootti ammoo hin gaabbu. Kana hunda kanan mikeesse sababii Ameerikaatiin waan ta’eef jajjabiinatu natti dhagahama,’’ jedha.
“Ameerikaan carraa maal na dhorkite? Ummanni Ameerikaa keessummaa kan simatuudha. Onnee isaa irraa harkasaa banee na simate. Kan imala milkaa’inaa koorraa na dhaabe hin turre. Ammas ta’u kan hin dandeenyee pirezidantii Ameerikaa ta’udha jedhee hin gaddu‘‘ jedha Anoold Shiwaazingar.
Pirezidantummaaf dorgomuu yoo baateelleen bara dhufaatti BaayidaniifiTiraamp osoo filatamu baatanii jedha. Haala adda ta’e tokkoon osoo dargaggeessi humna haaraa as bahee abdii godhata.












