Namni siyaasaa hidda Zaambiyaa qaban bulchaa Weels gurraacha isa jalqabaa ta'uuf

Voon Geeting erga paartiisaanii keessatti %51.7 argachuun filatamanii booda, dursaa Weels isa ittaanu tahuuf jiru.

Aaabba Voon (Vaughan Gething) kakuu raawwachuun wayita aangoo fudhatan, bulchaa (first minister) Weels gurraacha isa jalqabaa ni ta'u.

Namni siyaasaa kun morkataa Paartii isaanii Labour keessaa Jeremii Maayilis wajjin kan falmatan ogguu tahu, Aabba Jeremii sagalee %48.3 waahillan isaanii argatan.

Dursaan paartii Leebar UK Sar Kiir Istaarmar, akkasumas Ministirri Muummee UK Rishii Sunaak, ergaa baga gammaddee erganiiruuf.

Haatahu malee paartiin mormituu Plaid Cymru, kennaa namni siyaasaa kun dhaabbata tokkorraa fudhataniif "yaaddoo guddaa" akka qaban ibsan.

Aabba Voon Geeting aangoo kana qabachuuf wayita duula na filadhaa gaggeessanitti, himannaan cimaa dhimma kennaa kanaan walqabatee irratti ka'aa tureera.

Dhaabbanni balfarratti hojjetu Dauson Environmental Group paawundii £200,000 kennaan kenneef kanatu falmisiisaa tahe. Abbaan qabeenyaa dhaabbata kanaa marroo lamaaf naannoo faaluun himatamanii mana murtii nama dhiyaatanidha.

Kanaanis walqabatee biyyattii keessatti duula siyaasaa fi kennaa maallaqaa wajjin walqabatee seerri jiru akka ilaalamu gaaffiin dhiyaateera.

Aabba Voon abbaa Welsh fi haadha lammii Zaambiyaa taaterraa kan dhalatan ogguu tahu, ogummaa seeraa nama baratanidha.

Abbaan isaanii hakiima horii (vet) tahaniifi haatisaanii lammii Zaambiyaa lukkuu horsiisan, abbaan ennaa biyyattiitti hojjechaa turanitti walbaran.

Namni siyaasaa ammaa kunis, magaalaa guddoo Zaambiyaa, Lusaakaatti bara 1974 dhalatan. Ganna lamaan boodas, maatiin gara Biriteen wajjin godaanan.

Jennaan, abbaan isaa bakka Abergavenny jedhamatutti hojii argatanii deemanis, ennaa maatiisaanii gurraacha tahan wajjin achitti argaman, hojii akka dhorkaman Obboo Getiing dubbataniiru.

Paarlaamaa biyyattii, afaan biyya warraatiin, Senedd Cymru jedhamu keessa bara 2011'tti dorgomanii seenan.

Naannoo Cardiff South fi Penarth bakka bu'uun paarlaamaa keessa kan galan nami siyaasaa kun, ammatti ministira diinagdee tahuun tajaajilaa jiru. Ayyaana dhalootaa waggaa 50ffaa isaanis torbee dabre keessa kabajan.

Erga paartiisaanii keessatti olaantummaa argatanii namni siyaasaa kun: "Har'a biyya keenyaaf seenaa haaraa yeroo itt galmaa'edha," jedhan.

Dabaluunis "...biyya Awurooppaa kamuu keessaa bulchaa isa jalqabaa gurraacha tahuuf deema..." jedhan.

Weels biyya xiqqoo uummata miiliyoona sadii ol qabduu fi gamtaa biyyootaa Yunaayitid Kingidam jalatti argamtudha.

Biyyattiin waligalaan Ministira Muummee UK Rishii Sunaak jalatti bulti waan taheef, ministira muummee yookis pireezidaantii hinqabdu. Asitti bulchitoonni biyyattii ministira dursaa (first minister) jedhamu.

As callaa odoo hin taane biyyooti gamticha keessa jiran Iskootilaand fi Ayerlaand Kaabaas ministira dursaa ykn ijoon durfamu.

Afaan Weelshin bulchaan mootummaa biyyattii "prif weinidog" kan jedhamu ogguu tahu, kallattiin yoo hiikamu ministira muummee taha.