Donaald Tiraamp Venezuweelaa 'weeraruuf' jedhuu?

Madda suuraa, Getty Images
Pirezidantiin US Donaald Tiraamp ''doorsisa [bara] kolonii]'' nurratti geessisaa jiru jechuun Venizuweelaan himatte.
Kunis, erga Tiraamp daangaan qilleensaa naannawa biyyattii osoo cufame yaada jedhu erga dhiheessan boodadha.
Ministirri Dhimma Alaa biyyattii dubbii Tiraampiin ''seeraan ala, weerara ummata Venezuweelaarratti qiyyaafate,'' jechuun balaaleeffatan.
Yunaayitid Isteet daangaa qilleensaa biyya biraa cufuuf seeraan mirga hin qabdu.
Haa ta'u malee, barreeffamni Tiraamp onlaayinii barreessan namoonni xiyyaaraan imaluu akkaa shakkiii godhatan gochuu danda'a.
Akkasumas, daandiiwwan qilleensaa achittii akka hin balaliine gochuus mala.
Ameerikaan Kaaribiyaanitti waraana ishee walitti qabaa jirti.
Aangawoonni Ameerikaa sochiin isaanii kuni kanneen qoricha daddabarsan to'achuuf akka ta'e ibsu.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Pirezidantiin Venezuweelaa Nikoolaas Maaduroo garuu kaayyoon isaanii ana aangoorraa kaasuudha jedhan.
Donaald Tiraamp barreeffama Truth Social irratti katabaniin akkana jedhan: ''Daandiilee qilleensaa, balaliistoota, daldaltoota qoricha hadoochu fi kanneen namoota daddabarsan, daangaan qilleensaa Venizuweelaa gara olii jiruufi marsee jiru guutummaatti cufama..''
Yaada BBC'n gaafateef masaraa Waayit Haawus irraa deebiin hin argamne.
- Oduufi xiinxala keenya kallattiin argachuuf Chaanaalii WhatsApp asiin seenaa.
Tiraamp dhaadannoo isaanii yeroo cimsanitti, miseensonni Kongireesii US kan Demookiraatotaafi Rippablikaanii mufii ibsaniiru.
Sababnimmoo Tiraamp deeggarsa seeraa hin arganne jedhaniiti.
Sochiin ''maal na dhibdee'' Tiraamp gara Venezuweelaa taasisan Ameerikaa waraana alaa ''gatii baasuutti dhiheessaa'' jira jechuun Demokiraaatiin beekamaan Chaak Shumer gaafa Dilbataa X gubbaa kataban.
''Heera keenya keessatti, waraana labsuuf aangoo kan qabu Kongirasiii qofaadha,'' jedhan.
Bakka bu'aan Rippablikaanii kan hanga yeroo dhihootti michuu dhihoo Tiraamp turan, Maarjorii Teeyilar Giriin, akkana jedhan: ''Yaadachiisuuf, waraana kan labsuu danda'u Kongirasii qofaadha.''
Yaadni Tiraamp kan dhagahame Bulchiinsi Aviyeeshinii Federaalaa US ''Venezuweelaafi naannawasheetti sochiin waaraanaa olaanaa'' jiraata jechuun daandiilee qilleensaa erga akeekkachiise boodadha.
Ministeerri Dhimma Alaa Venezuweelaa ibsa gaafa Sambataa baasen, Ameerikaan godaantota torban torbaniin Venezuwelaatti deebistu dhaabuu ishee beeksise.
Hawaasi idil-addunyaaa, mootummoonni, UN fi dhaabbileen kaan ''weerara'' kana akka cimsaniii balaaleeffatan gaafatan.
Gaafa Sambataa waraanni Venezuweelaa bakkeewwan qarqara galaanaatti sochii waraanaa gaggeessuu miidiyaan biyyaalessaa biyyatti beeksiseera.
Venezuweelaan gaafa Roobii yeroo ka'ame keessatti balalii hin eegalle jechuun daandiilee qilleensaa jaha dhorkiteetti.
Yunaayitid Isteet doonii waraanaa guddaa addunyaarratti dorgomaa hin qabne, USS Gerald Ford, jedhamu akkasumas loltoota 15,000 daangaa Venezuwelaatti dhiheessiteetti.
Kuni erga Ameerikaan bara 1989 Panaamaa weerarte as sochii waraanaa guddaa naannichattii taasistedha.















