Iraan tarkaanfii waraanaa eeggachuurra waliigaltee uumuu barbaaddi- Tiraamp

Tiraamp waa'ee doonii waraanaa meeshaalee waraanaa hedduu waliin gara Iraan imalee irratti homaa jechuurraa of qusateera

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Tiraamp waa'ee doonii waraanaa meeshaalee waraanaa hedduu waliin gara Iraan imalee irratti homaa jechuurraa of qusateera
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Pirezidant Doonaald Tiraamp Iraan haleellaa humni waraanaa US irraan ga'u teessee eeggachuu caalaa mari'attee waliigaluu akka barbaaddu ibse.

Iraan gamasheen waa'een misaa'elaa fi sirna ittisaa ishee dhimma mariif dhihaatu akka hin taane ibsite.

''Kana jala mureen isinitti hima, mari'atanii waliigalteerra ga'uu barbaadu,'' jedhe Tiraamp.

Tiraamp kana kan dubbate wayita Jimaata Waayit Haawusitti waa'ee humna waraanaa Galoo Galaanaa keessa qubachiisaa jiruu irratti wayita gaazexeessitootaaf ibsa kennetti ture.

Waa'ee humna waraanaa gara galaana biyyoota Arabaatti sochoosee garuu ibsa bal'aa hin kennin bira darbe.

Dooniin waraanaa guddichi Ameerikaa USS Abraham Lincoln jedhamu dooniiwwan waraanaa kaan waliin erga gara Iraanitti siqee booda, Tiraamp Roobii darbe ''yeroon dhumaa jira,'' jechuun Iraan akka daftee dhimma niwukilaraa isheerratti waliigalteerra geessu akeekkachiise.

Ministeerri dhimma alaa Iraan ammatti US waliin mari'achuuf sagantaan qabame hin jiru jedhe.

Garuu biyyattiin marii ''kabajaa fi ulfina'' walii eeguun akkasumas amanamummaan gaggeeffamu kamiifuu qophii ta'uu ibse.

Iraan kana gidduutti michuu ishee Raashiyaa faanas walquunnamuu jalqabdeetti.

Raashiyaan Jimaata akka ibsetti dureen Mana maree Nageenyaa Waliigalaa Biyyaalessaa Iraan Alii Larijani Pirezidant Vilaadmiir Puutin waliin walarganiiru.

Miidiyaan biyyattii Ria-Novosoti jedhamu akka gabaasetti ''dhimmi Baha Giddugaleessaa fi ajandaawwan idiladdunyaa,'' dhimmoota isaan irratti mari'atan keessaati.

Iraan sagantaan gabbisa niwukilaraa ishee naga qabeessa ta'uu fi himannaa US fi michoonni ishee meeshaalee waraanaa niwukilaraa oomishaa jirti jechuun irratti dhiheessanis haalaa turteetti.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Tiraamp Jimaata Iraan waliigalteerra akka geessuuf daangaan yeroo kaa'ameef yoo jiraate gaafatamee ''dhugumatti kana isaan qofatu beeku,'' deebii jedhu kenne.

''Waliigalteerra geenya jedheen abdadha. Yoo waliigalteerra geenye waan gaariidha. Yoo waliigalteerra hin geenyu ta'emmoo waan ta'u bullee ilaalla,'' jedhe.

Tiraamp dooniin waraanaa guddichi ''Armada'' jechuun waaman garas [gara Iraan] qajeeluu hime, garuu dooniin kun yeroo hangamii keessatti ergama xumuree akka deebi'u hin ibsine.

''Waan hojjechuun milkeessuu dandeenyu ni ilaalla. Bakka wayii galaanarra turuu qabu, akkasuma handaara Iraan ni bololi'a,'' jedhe.

Ministirri dhimma alaa Iraan Abbaas Araagshii dhimmi misaa'elaa fi sirna ittisa misaa'elaa dhimma mariif dhihaatu miti jedhee ture.

Sagantaan Niwukilaraa ammoo naga qabeessa, nageenyaaf kan oolu jechuun ejjennoo mootummaasaa irra deebiin ibse.

Turkii, Istaanbulitti gitasaa kan Turkii waliin wayita akkaataa humna US duubatti deebisuu danda'anirratti dubbatan ''marii haqa qabeessaa fi walaba ta'e'' gaggeessuuf qophiin barbaachisaadha jedhe.