Dubartii hojjattuu manaarraa kaatee hanga hoteela mataashee qabaachutti geesse

Addis Gabremaariyaam jedhamti. Hundeessituu Addis Biizinas Giruuppiifi dubartii hojii uumuun milkooftedha.

A L I bara 1957 naannoo Tigraay bakka Maayiberaaziyoo jedhamu baadiyyaa Aksuumitti dhalattee guddatte.

Jireenyi ijoollummaa dabarsite baayyisee rakkisaafi wal xaxaa ture. Rakkoo dinagdee, baqannaafi sababa waraanaatiin jireenya qormaataan guutame akka dabarsite yaadatti.

Maatiin ishee wantota bu'uuraa barbaachisan guutuufillee rakkachaa turan.

Daa'ima angafaas waan taateef ammoo itti-gaafatamummaan maatii gosa hundaafi itti-gaafatamummaan jireenya dhuunfaashee jijjiiruu ishuma qofaarra ture.

"Akka obboleettii angafaatti, itti gaafatamummaa matii eeguu ijoollummaakoorraa kaaseen itti darbe. Haata'u malee, waan tokko harka kiyyarraa hin qabu," jetti.

Obbaan ishee Obbo Gabremaariyaam Aksuum fi naanawaa sanatti daldalaa soogiddaa turan. Jireenyasaanii tumsuuf ijoollee lamaan qabaniifi haadha warraasaanii qabatanii gara magaalaa Umaraatti qajeeluun hojii qonnaatti bobba'an.

Haata'u malee, yeroo sanatti waraanni sirna Dargiitiin baname waan tureef akka gara Sudaanitti baqatan isaan dirqisiise.

Sababa kanaan Addis barnoota addaan kutte. Jireenyi baqaa baayyisee ulfaataa ta'e. Obboleessishee quxisuun fayyaa dhabe.

"Sudaan keessatti hojii baayyee hojjedheera; hojii baayyee gadi-bu'aadha jedhame hojjedheera. Waanan argadhe hundan hojjedhan ture," jechuun BBCtti dubbatti.

Addis maatiishee gargaaruudhaaf "seexaan" waan ishee qabeef sochii daldala xixiqqaa keessatti hirmaachuun alatti hojii mana namaa keessa hojjechuurra darbee hojiiwwan gadi bu'aadha jedhaman hunda akka hojjechaa turte yaadatti.

"Haati kiyya yaadni ishee baayyee ogeettiidha. Rakkoo keessa ta'uu keenya gaafa hubattu biddeena gurguruu jalqabde. Sudaan keessatti 'Fuuliin' [gosa nyaataa baaqelaarraa ciref qophaa'u] gatiin isaa waan xiqqoo rakasa ta'eef nuun 'Fuulii' nyaadhaa nuun jetti ture" jetti waan darbe yeroo yaadattu.

Kun hundi garuu rakkoo dinagdee keessaa bilisa ba'uu qabna onnee jedhu, akkasumas guddachuufi jijjiiramuun ni danda'ama amantaa jedhu naaf kenneera.

Kaka'umsa kanaan bakka fooyyaa'era gahuudhaaf maatiishee waliin ta'uudhaan qabsoofte.

Maatiishee gargaaruu yeroo yaaddus garuu ofisheellee hin daganne.

Yeroo sanatti shamarree wagga 18 turte. Yeroo sanatti kanan yaadu bakka gaarii gahuu qofa ture jetti.

"Osoo hin filatiin hojjechuun anaaf jabina naaf ta'e. Hojii gadi-aanaa ta'e hojjechuudhaan sadarkaa guddaarra gahuun akka danda'amu na barsiiseera," jetti.

"Dubartoonni dinagdeen bilisa ta'uu qabu."

Waggaa 45 dura – 'dhaloota ani keessa ture keessatti' haalli ture rakkisaafi qorumsaan kan guutedha- addatti dubartootaaf rakkisaa ture jetti.

Addis yeroo sanatti dargaggeettii waan turteefi miidhaginas waan qabduuf, akkasumas iyyummaa keessaa bahuudhaaf kamirraayyu kan duuba hin debine ta'uusheetiif ija dhiirota maallaqa qabanii keessa ishee galchaa ture.

Kana wan ta'eefis, yeroo isheen jireenya mo'achuudhaaf yaaddutti, fuuldurasheetiin gufuuwwan hedduun ishee mudataa akka turan yaadatti.

Yeroo sanatti ijoolleen durbaa dinagdeen ofan danda'a, soorettiin ta'a jettee yaaduun akka waan hin baratamneetti ilaalama ture jetti.

Kanaan alatti baayyeen isaanii dubartiin tokko kan abbaa waraasheetti hirkattu, daa'ima da'uudhaaf ykn fedhii foonii dhiiraa gammachaaisuuf akka uumamte godhanii ilaalu ture jechuun ibsiti.

"Kana hudan cabsee darbe; eerumas yoo ta'e filadheen ta'an jedhe; amma garuu nan hojjedha jedheen hojiikoo durfadhe."

Dabalataanis, "ilaalcha akkasii kana humna dinagdee cimsachuudhaan dubartii milkoofte ta'uudhaan sadarkaan barbaadurra ga'uudhaaf ture kanan qabsaa'uu barbaadu. Dubartiin bilisummaa dinagdee mirkaneeffachuun wanta baayyeerraa ishee baraara – boqonnaa isheef kenna, mul'ata qabduuf akka jiraattullee ishee gargaara. Nama ta'uu jechuun ammoo wanta barbaaddu jiraachuu jechuudha," jetti.

Erga waraanni Dargii kuffiisuudhaaf taasifamaa ture dhumeen booda isheefi abbaan ishee gara Finfinneetti yoo deebiyan, haatishee ammoo obbolaan ishee biroo sadii Sudaanitti dhalatan qabattee gara Ameerikaa deeman.

Erga Sudaan irraa deebiyanii boda hojii daldalaa kan jalqabde Addis, Itoophiyaa keessatti gara bakka omishni barbaree(filaanjoo) jiru Alaabaatti deddeebiyuun barbareefi mi'awwan biroo dhiyeessuu jalqabde.

Ammas, "gufuuwwa baayyeetu ishee mudate; haata'u malee garuu nama fooyyaa'en ta'a, ani qaxaleedha, hojii dhiironni hojjetaniifi dubartoonni ciccimoo hojjetan hojjecuu nan danda'a amantaa jedhu waanan qabuuf biizinasiiwwan baayyeen yaale," jechuun kokkolfaa dubbatti.

Kana waan ta'eef, dubartoonni bilisummaa dinagdee akka qbaatanii akka carraaqaniif gorsiti.

"Hirkattuu ta'uun isaaniirraa hin eegamu; bilisa yoo ta'an maatiisaanii gargaaruu danda'u. Haata'u malee, dubartiin tokko hirkattuu yoo taate dhiibbaan isaa ulfaataadha," jechuun ibsiti.

Addisiiniyaa Biizinas Giruup hundeessuu

Daandiin jireenyaa haaraa filatte, iyyummaa mo'attee obbalaan ishee dhiiraafi dubaraa xixiqqootiif carraa fooyyaa'aa gara fuula duraatti uumuu ture.

Kanaaf, gara Itoophiyaatti deebitee biizinasii hojjechuu yeroo murteessitutti obbolaanshee carraa barnootaa fooyyee qabuuf gara Amerikaa aka deemaniif ture kan amansiisaa turte.

Wanti hunduu karaaman yaadeen naaf qajeeleera jetti.

"Keessumaa obboleettiin quxisuukoo barnootaan, waa hundaan isheef milkaa'eera. baayyee gammadduudha ani."

Addis Gabremaariyaam dubartiin tokko yeroo gama hundaan of ilaaltu fedhiin ishee bifa qindaa'een guuttachuu akka dandeessu amanti.

"Ani, akka carraa ta'ee wantonni ani barbaadu na hafaniiru. Haata'u malee, dinagdeedhaan gadi aantuu ta'uu hin qabu; soorettii ta'uun qaba jedhee yaadaan ture. Waaqayyoof galanni haata'u hanga humnakootti gaariirran jira. Amma wanti baayyeen ana hafe hin jiru," jechuun ammallee sadara kanarra fooyyaa'es nan qaqqaba jetti.

Bu'aa ba'ii waggoota dheeraan booda, Adisiiniyaa Biizinas Giruup hundeessuun bu'a qabeettii ta'uu dandeesseetti.

Kampaaniin kun biizinasoota gara garaatti bobba'ee kan jiru yoo ta'u, hoteelaafi turiizimii keessatti socho'a jira.

Kampaniin kun hojjetoota 110 ta'aniifis carraa hojii kan uume yoo ta'u, harki caalaan isaanii dubartootadha.

"Anaaf hojiin kanaan maallaqa ittiin argadhu qofa mi; jreenya kooti. Hojii male ejiraachuu hin danda'u. Jiraachuu kanan barbaadu yoo ta'e hojjechuun narra jira," kan jettu Addis, "Boqonnaa kiyyas hojii kiyya; hojiirrattin boqonaa argadha," jetti.

Biizinasiin abbaa warraashee waliin ta'uun hundeessite kun waggoota 14 lakkoofsiseera.

Yeroo ammaa kana magaalota Maqaleefi Aksuum keessatti pirojektoota hoteelaa grguddoo ijaaraa jirti.

Addis ilaalcha qajeelaaf, jabina hafuuraasheefi fayyaasheetiif bakka ol aanaa kenniti.

"Wanti baayyeen bu'aa yaadaati; qabeenyi ammaa ilaalchadha," kan jettu Addis, "namni yaada yaadu keessatti kan fayyus, kan du'us. Ani osoon waan tokkollee hin qabaatiin ture bakka guddaa ga'uu akkan danda'u kanan amane," jechuun hojiishee guddisuu akka dandeesse kaasti.

Wanti guddaan maallaqa lakkaa'uu qofa miti. Haata'u malee, akkamittin achi ga'uu danda'a? kan jedhu ta'uu qaba jetti.

"Addunyaa hojii keessatti namoonni gaariin, gorsitoonni, namoota beekumsa qaban waliin wal argita. Kanaaf, guyyaa guyyaan barataa deemta.

Kanaan ammoo of guddisaa deemuu carraa siif ta'a jechuudha. Kana waan ta'eef dubartiin guutummaa addunyaarra jirtu bareedduu ta'uudhaaf hojii gaarii akka hojjettun hawwa."

Addis amma dubartii umuriin ishee waggaa 60 guute yoo taatu, haadha ijollee sadiifi gaa'elasheetti gammadduudha.