Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Puutin marii nagaa Yukireen waliin Tarkiitti gaggeeffamu irratti hin argamu-Raashiyaa
Mariin nagaa Raashiyaafi Yukireen gidduutti Kamisa har'aa magaalaa Tarkii, Istaambuul keessatti gaggeeffama. Pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutin garuu akka iratti hin hirmaanne Raashiyaan beeksifteetti.
Puutin marii nagaa kanarratti qaamaan akka hirmaataniif Pirezidantii Yukireen Volodmiir Zeleniskiin waamichi taasifamuufilleen maqaa gondaaltoota Kirimiiliin tarreefaman keessaa hin jiran.
Jilli Raashiyaa bakka Puutin gargaaraa pirezidantiiin Vilaadmiir Mediinskiin akka durfaman ibsi Kiremiliin ni mul'isa.
Zelensiskiin kanaan dura marii kana irratti qaamaan argamuun, yoo pirezidantiin Raashiyaa kan waliigalan ta'e Puutiin waliin qaamaan akka wal argan kan dubbatan yoo ta'u, walgahiin fuulaa fuulatti akka raawwatuuf kan dandameef hunda akka raawwatan dubbatanii ture.
Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp gamasaanitiin osoo Puutin kan argaman ta'e akka hirmaatan himuusaanii gabaasaaleen miidiyaalee ibsan.
Zeleniskiin Kamisa har'aa pirezidantii Tarkii Reesiip Taayip Erdoogaan waliin wal arguudhaaf magaalaa guddoo Tarkii Ankaaraatti argamuuf jiru.
Zeleniskiin yoo Puutiin maricharratti kan hirmatan ta'e, innis marii kallattii Istaanbulitti Raashiyaa waliin taasifamu irratti akka hirmaatan dubbataniiru.
"Eenyu akka Raashiyaa irraa dhufu ilaaluuf eegaan jira, achiis tarkaanfii Yukireen fudhachuu qabdu nan murteessa. Hanga ammaatti, mallattooleen gamasaanii irraa miidiyaa irratti mul'atu amansiisaa miti," jedhan haasawa viidiyoo halkan Roobii darbe taasisaniin..
Puutiin fi Zeleniskiin erga Muddee bara 2019tiin asi qaamaan wal hin argine. Raashiyaa fi Yukireen yeroo dhumaaf marii kallattiitiif kan taa'an Bitooteessa bara 2022 Istaanbul keessatti yoo ta'u, innis battaluma Moskoo weerara guutuu ollaa ishee irratti jalqabdee yeroo muraasa booda ture.
Erga yeroo sanaatiin booda Yukireen keessatti lolli gaggeeffamaa jira. Humnoonni Raashiyaa waggaa darbe keessa waluma jalaan naannoo to'annaasaanii, keessattuu bahana Yukireeniitti babal'ifataa jiru.
Dilbata darbe Puutiin Raashiyaa fi Yukireen gidduutti marii kallattiitiif magaalaa guddittii Tarkii keessatti ''haal-duree malee'' akka taasifamu gaafatanii ture.
Pirezidantiin Raashiyaa ni imalu jedhee eegamuudhaan, isaan booda Zeleniskiin qaamaan akka argaman beeksisanii ture.
Yaadni Puutiin kallattiidhaan Istaanbul keessatti mariin akka taasifamuuf dhiyeessan, erga hoggantoonni Awurooppaa Samabta Kiiv keessatti wal arganii booda, waamicha humnoonni biyyoota lixaa dhukaasa dhaabuu guyyoota 30f dhiyeessaniin hordofame.
Tiraamp Dilbata darbe Yukireen affeericha akka fudhattuuf gaafatanii booda Zeleniskiin ofiisaatiin garas akka imalan dubbatan.
"Sababiin ajjeechaa dheeressiiniif hin qabu. Kamisa dhufu Tarkii keessatti Puutiiniin nan eega. Akka dhuunfaatti," jechuun ture Zeleniskiin kan barreessan miidiyaa hawaasaa irratti.
Jalqaba guyyaa Roobii ammoo, Tiraamp yoo Puutiin walgahii sana irratti hirmaatan innis walgahiicharratti hirmaachuu akka danda'an akeekkanii turan.
Pirezidantiin Ameerikaa kan ammaan tana Kaataar keessatti argaman, gitisaanii Raashiyaa walgahicharratti hirmaachuun ''ofiinis achi akka himalan'' akka hin barree gaazexessitootaatti himanii ture.
"Achitti akkan argamu akka barbaadu nan beeka, kunis ta'uu danda'a. Osoo waraana kana xumuruu dandeenyee jedheen yaadaa ture," jedhan Tiraamp.
Ameerikaan marii kanaaf jila sadarkaa olaanaa ni ergti jedhameeti eegama.
Dippilomaatii olaanaa biyyattii, Maarkoo Ruubiyoon Roobii darbe Tarkii kan galan yoo ta'u, Kamisa har'aa ministeerota dhimma alaa Naatoo waliin mari'atu.