Inter Miilaan vs Baarseloonaan: Waancaaf darbuuf kamtu carraa guddaa qaba?

Madda suuraa, Getty Images
Leenjisaa galchii hedduu lakkoofsisuun mo'achuutti amanu Hansii Filik jalatti kan leenji'u Baarseloonaan ol adeemtota isaa qabatee har'a Istaadiyeemii guddicha Saansi Siirootti Inter Miilaaniin morkata.
Saan Siiroon Xaaliyaanotaaf seenaa addaa qaba. Inter Miilaanii fi AC Miilaan dirree kana fayyadamu. Deeggartoota 80,000 ol qabata.
Baarseloonaan tapha jalqabaa 3-3 xumure garagalchee Inter Miilaan mo'achuun waggoota 10 booda xumura Shaampiyoonsi Liigiif dhaqabuuf jedha.
Inter Miilaan bara 2023 xumura waancaa Shaampiyoonsi Liigiif dhaqabuun maanchister Siitiidhan mo'amee waancaa dhabuun isaa ni yaadatama.
Baarseloonaan yeroo gaarii hin taanetti Inter Miilaaniin morkata. Miidhama taphattootaa guddaatu isaan mudate.
Keessumaa ittisa irratti taphattoota murteessoo lama dhabeera.
Alehaandero Baaldee fi Jules Kundeen miidhamuun Hansi Filiikiif mata bo'aa taheera.
Inigoo Maartinez ittisa gidduu irraa gara cinatti bahuun bakka Baaldee taphachuu hin hafu.
Bakka Juules Kundee ammoo Erik Gaarshiyaa taphata. Sarara gidduu irra ammoo Kasaadoo, Pablo Tooree, fi Maark Bernaal miidhamaniiru.
Karra eegaa jalqabaa kan tahe Maarki Ter Istegen miidhama irra waan tureef Shaampiyoonsi Liigiif in galmoofne.
Ha atahu malee oduu gaarii tokko Baarseloonaaf jiru Roobert Lewaandowiskii miidhama irraa deebi'eera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Inter Miilaan akkuma Baarseloonaa miidhama taphattootaan yaaddoo keessa ture.
Laataaroo Maartinez miidhama maashaa sarbaa isaara mudateen taphachuu dhiisuu mala jedhamaa jira. Kaleessa garuu shaakalatti deebi'eera.
Yoo xiqqaate taa'umsa jijjiirraa irra taa'uu akka danda'u gabaasaaleen himaa jiru.
Garuu hanga daqiiqaa dhumaatti haalli isaa kun kan ilaalamu taha.
Baarseloonaan bara kana Laaliigaa Fi Shaampiyoonsi Liigii keessatti gahumsa guddaa agarsiise.
Osoo tapha kana milkaa'uu baateyyuu Laaliigaa irratti cimsee taphachuun waanaa sadii injifachuun xumuruu danda'a.
Kooppaa Del Rey fi Ispaanish Kaappii dursee mo'ateera.
Ittisa fi fuula dura irraa taphattoota jajjaboo dhabuu isaa Inetr Miilaan carraa akka qaban gochuu danda'a.
Juules Kundee akka Lmaiin Yamaal bilisaan taphatuuf gahee olaanaa qaba. Amma Inter Miilaan taphattoota lamaa fi sadii akka Yamaal hin taphanne dhaaban akka irratti ramadu ibseera.
Dhibamuun Kundee yeroo kana Yamaal akka barbaade akka hin sochoone gochuu danda'a.
Baaldeen ittisa qofa osoo hin taane akka jifataniif bakka qullaa baay'ee baasuuf gargaara. Yeroon kun Baarseloonaaf yeroo hedduu murteessaadha.
El Kilaasiikoon fuuldura isaanii jira. Riyaal Maadirid bara kana si'a sadii Baarseloonaatiin waan mo'ameef haloo bahuuf dhufa.
Baarseloonaan ammoo tapha dabalataa Shaampiyoonsi Liigii waan qabuuf dadhabbii qabaata.
Gama hundaan Baarseloonaaf qorumsa guddaa tahus, Hansi Filiik ijoollee Baarseloonaa kana onnachiisuun xumura waancaa Shaampiyoonsi Liigii Aliyaanzi Areenaa pirratti gaggeeffamuuf gahuu malu.
Inter Miilaan faallaa Baarseloonaa Ittisa jabaa qaba. Filanoo taphattootaa baay'ees waan qabuuf akka Baarseloonaa hin rakkatu.
Simoonee Inzaagii taphataa akka Lamiin Yamaal waggaa 50 keessatti takkaa yoo arginedha jedhan.
Taphataan sarara ittisaa Inter Alesaanderoo Baastoonii hanga kubba taphadhetti morkataa jabaa na mudate Lamiin Yamaali jedhe.
Amma garuu sadii taanee akka hin sochoone goona jedhe.












