Elan Maask filannoo mana murtii olanaa Wiiskoonsiin dura filattootaaf cheekii dol. mil. tokko kennuu eegale

Elaan Maask

Madda suuraa, Getty Images

Soorreessi addunyaa Elan Maask bulchiinsa Wiiskoonsiin keessatti filattootaaf cheekii doolaara miiliyoona tokkoo kennaa jiraachuun dhagahame.

Sooreessi kun torban darbe irraa kaasuun ture badhaasa doolaara miiliyoona tokkoo kennuu eegalu kan beeksiise. Filannoon mana murtii olaanaa Wiiskoonsiin baayyee eegamu Kibxata boruu gaggeeffama.

Dimokraatichi abbaan alangaa Mana murtii Waliigalaa Wiiskonsiin, Joosh Kaawuul kennaan kun sagalee argachuuf jecha kennaa kennuun seeraan dhorkaadha jechuun himannaa dhiyeessan.

Sababii filannootiin manni murtii waliigala bulchiinsichaa gara Riipablikaanootaatti cillaanfachu danda'a. Kun ammoo Tiraampii fi bulchiinsa isaatiif oduu gaariidha.

Filannichaaf Dilbata kaleessaa haaraa taasisaa kan turan Elan Maask ''Nuti kan barbaadnu abbootiin seeraa hoji seeraa qofaa akka hojjataniidha'' jechuudhaan namoota lamaaf tokko tokkoosaaniitiif cheekii doolaara miiliyoona tokko kenneera.

Namoonni badhaasichi isaan qaqabus namoota abbootii seeraa ''aktivistii'' ta'an dhaabsiisuudhaan sagalee ummataatiif mallattoosaanii ka'aniidha.

Kaawuul gochaan Elan Maaski gochaa seeraan alaa sagalee bitachuuf taasifamuudha jechuun himatan. Abbookaatoonni Maask ammoo Kaawuul ''haasaa siyaasaa Maask dhorkuudhaaf yaalii taasisaa jiru. Kun ammoo keewwata heera mootummaa jalqabaa kan cabsuudha'' jechuun falman.

Abbokaatoonni Maask itti dabaluudhaan kennaan kun, ''sochii abbootii seeraa aktivistoota ta'an dhaabsiisuuf malee kana filadhaa ykn dhiisaa kan ejdhu miti'' jedhan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Kaawuul manneen murtii sadarkaa gadiitti argaman lama Elan Maaskiif looguusaanii erga baranii booda, dhimmisaanii mana murtii olaanaatti akka ilaalamuuf gaafatan illeen gaaffiinsaanii fudhatama hin arganne.

Maask fi Doonaald Tiraamp abbaa seeraa aadaa cimsa Biraad Shaayimal kaadhimummaan dhiyeessaniiru. Dorgomtuun isaa ammoo haadha seeraa walabaa kan taatee Siizaan Kiraawufoorddha.

Filannoon abbaa seeraa mana murtii olaanaa bulchiinsa tokkoo akkasiin falmisiisaa Tiraamp yeroo sadaffaadhaaf filatamuuf of qopheessaa waan jiruufiidha yaada jedhu dhagahamaa jira.

Maask namoota crraan baheef tokko tokkoosaanitiif dolaara miiliyoona kennuun alattis garee duula filannoo abbaa seeraa aadaa cimsan kanaatiif deeggarsa oolaara miiliyoona 14 taasisaniiru.

Elan Maask namoota filataniif badhaasa maallaqaa yoo taasisan kun kan jalqabaa miti.

Bara darbees bulchiinsoota baayyee murteessoodha jedhaman keessatti keewwanni heera mootummaa jalqabaa akka deeggaru mallattoosaatiin mirkanneessuudhaan nama dhunfaatti doolaara miiliyoona tokko kennunsaa ni yaadatama.