Dheeressaa Qixxee: 'Diikshinarii' Oromoo, gameessa qabsoo keessatti rifeensa lama biqilche

Obbo Dheeressaa Qixxee

Madda suuraa, FBC

    • Barreessaa, Hiikaa Fiixasaa
    • Gahee, Gaazexeessaa

Obbo Dheeressaa Qixxee jedhamu. Qeellam Wallaggaa, ollaa magaalaa Dambi Doolloo bakka Igiboo jedhamutti dhalatan. Roorroo sirni abbaa lafaa uummata naannichaarran gahu keessatti dhalatanii itti guddatan.

Daa'imummaa kaasanii cunqursaa sirna abbaa lafaa keessatti guuddachuurraa kan ka'e gaafa dargagummaa hiriyoota waliin baratan waliin qabsoo sirna abbaa lafaa buqqisuufi egeree Oromoo murteessutti lixan.

Mishinaroonni Dambi Doollofi naannosheetti manneen barnootaa banuun Obbo Dheeressaaniifi hiriyoonnisaanii ganamaan ija akka banatan carraa baneef.

Dambi Doolorraa hanga Yuunivarsiitii Finfinnee, qabsoo warraaqsa barattootaa, qabsoo Oromoo ABOn hogganamaa ture keessatti hirmaataniiru.

Garee qo'annoofi seelii ABO magaalaa Finfinneefi bakkeewwan garaa garaatti ijaaruu, barreeffama dhoksaa facaasun qabsoo finiinsuu, dararaa mana hidhaa Ma'ikalaawwiifi mudannoowwan Obbo Dheeressaan akkanaan qindeessine.

'Oromoon tokko barachuu hin qabu jedhee mana baruumsaa guyyaa saafaa nu jalaa gube'

Obbo Dheeressaan osoo mana baruumsaa hin galiin dura taateen gandasaaniitti mudate qabsoo Oromoo jireenyasaanii guutuu itti dabarsaniif ka'uumsa ta'uu akka hin oole kitaaba seenaa jireenyasaanii keessatti barreessaniiru.

Bara bulchiinsa Hayilasillaasee keessa yeroo isaan daa'ima ganna afurii turan manni baruumsaa waldaan Amantoota Wangeelaa ykn mishinaroonni ijaaran heddu gubate.

Mana baruumsaa qofa soo hin taane manneen sagadaa Amatoota Wangeelaafi kilinikni isaan ijaaranis gubachuu ibsu Obbo Dheeressaan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Kun ammoo jibba bulchiinsi yeroo sanaa Oromoon barachuu hin qabu jedhurraa akka ta'e ibsu.

"Yeroo sana namoota jibbiinsa Oromoo irraa qaban keessaa tokko namni maqaansaa Seeyifuu Meriici jedhamu, Oromoon tokkollee barachuu hin qabu jedhee mana baruumsaa sana... gubee dhabamsiise," jechuun kanarraa kan ka'e hanga namichi sun jijjiiramutti yeroo dheeraaf dhaloonni osoo hin baratiin manatti galee akka ture kitaabasaanii keessatti barreessan.

Taaten biraa daa'imummaatti godaannisa ta'ee keessa isaanitti hafe sirna bulchiinsa abbaa lafaarraa isaan mudate; guyyaa tokko mana baruumsa bultii 'American Mission Boarding School'tii boqonnaaf gaangeedhaan osoo galaa jiranii "shuumin naannichaa gaangeerraa bu'ii gadi kabaja naaf kenni" jedhee gaafate.

Obbo Dheeressaan garuu gaangeerraa hin buuneef. Yeroo sanatti qondaalota mootummaa ykn abbaa lafaaf gadi jedhanii nagaa gaafachuun baramaadha. Akkam na tuffatte jedhee itti dhaadate shuumin sun.

"Isin kanneen mana baruumsa mishinii barattan kun akkam quuftan! Hubadhaa, akkamiyyuu barattanii afaan faranjii yoo dubbatan kan mo'ee isin bulchu numa ta'uu beekaa!" jedhee akka itti dhaadate himu.

Boodarra 'ashkaroonni' namichaa irraa kadhatanii Obbo Dheeressaanis gaangeesaanirraa osoo hin bu'in gara manaa qajeelan. Garuu taateen sun caalmatti akka of baraniifi qabsoo Oromoof dammaqan akka isaan taasise himu.

"Tuffii isaan [sirni Oromoo hacuucaa ture] yeroo sana uummata keenyarraa qaban heddu nu madeesse, nu dammaqse," jechuun micireen qabsoo isaan keessatti dhalachuu ibsu.

'Qabsoo malee jireenya dhuunfaa hin qabnu turre'

Obbo Dheeressaa Qixxee qabsaa'ota Oromoo gameeyyii, keessumaa dhaaba ABO gadi dhaabuudhaa hanga bara Chaartaraatti adda dureen hirmaatan keessaa tokkoodha. Umuriisaanii dargaggummaa hanga rifeensa adii biqilchanitti qabsoo malee jireenya dhuunfaa hin qaban turan.

Keessumaa Yuunivarsiitii Finfinnee seenun dhalattoota Oromoo Oromiyaa bakka garaa garaa irraa walitti dhufaniin wal-baruun caalmatti ija baneef.

Baruumsa Seenaa barachuun ammoo Itoophiyaan maal akka fakkaattufi hacuuccaa sirnoonni dhufaa darbaan uummatarraan gahan akka baraniif balbala baneef.

Jalqaba bara 1970ootaa keessa sirna Fiwudaalaa Hayilasillaaserratti mormiin kallattii hundaan hammaatee, sochiin dhidhannoo kanneen akka Adda Bilisa Baasaa Ertiraa fa'aa mumul'achuu eegaleera.

Seenaa qabsoo Filisxeemotaa, kann Veetinaam, Kuubaa fa'aa Yuunivarsiitii bira darbee manneen barnootaa Sadarkaa Lammaffaa keessatti raabsamaafi qo'atamaa ture.

Obbo Dheeressaanis ilmaan Oromoo gola Oromiyaa garaa garaa irraa dhufan waliin egeree saba Oromoorratti mariyachuu, falmuu, barruuwwan siyaasaa biyyoota garaa garaa haala qabatamaa yeroo sanaa waliin deeman qopheessufi qo'achuu akkasumas barsiisutti seenan.

Barruuwwan kanneen qopheessuu keessatti ammoo gameeyyin siyaasaa Oromoo kanneen akka Baaroo Tumsaa, Leencoo Lataa, Diimaa Noggoo fa'aa keessatti qooda guddaa taphataa akka turan himu Obbo Dheeressaan.

Qotee bulaan lafasaarratti ciisanyaa ta'ee gabbaree jiraachun xiiqii keessa galchee qabsootti seenuu BBCtti kan himan Obbo Dheeressaan, "Rakkina kana akkamitti furamuu qaba kan jedhu Oromiyaa bakka addaa addaarraa [Yuunivarsiitii] Finfinneetti yeroo wal-geenyu yaada kana wal-jijjiiruu jalqabne," jedhu.

Keessumaa qabsoo warra Kuubaafi Veetinaam akkasumas Chaayinaa irraa namni warraaqaa (revolutonary) ta'uu akka qabu muuxannoo fudhachuun waa'ee jireenya dhuunfaa osoo hin taane dargaggoonni hunduu qabsoof of laatee akka ture himu.

"Yuunivarsiitii fixnee baanee hojii qabannee maatii horanna kan jedhu yaada duubatti hafaa ta'uusaa marii keenya keessatti kaasaa turre.

Warri nu dura baruumsa fixan warri akka Baaroo Tumsaa, Magarsaa Barii, Leencoo Lataa, Nagasoo [Gidaadaa] fa'aas turan", jechuun warri isaan duraa fixan isaan gargaaraa turuu himu.

Yuunivarsiitii keessatti seelii siyaasaafi marii erga ijaaranii booda manneen barnoora sadarkaa lammaffaa Oromiyaa keessa jiran keessatti seelii ijaaruu itti fufan. Finfinnee keessa jiran keessatti seelii qindeessuu akka eegalan himu.

Keesumaa bara 1960-1970tti mooraa Yuunivarsiitii Finfinnee keessatti hojiin siyaasaa dhoksaafi ifatti ilmaan Oromoo qubaan lakkaa'aman hojjatan seenaa Oromoo keessatti akka hin dagatamne ibsu.

Yaadi mooraa sana keessatti gabbatee bahe qabsoo hidhannoo ABOn gaggeessef b'uura ta'e.

Barruuwwan daba sirna fiwudaalaa gadi fageenyan qorataman barraa'uu eegalan. Bara 160 gara dhumaa barruun Hiyyeessi Haa Dubbatu jedhu nama Taammiruu Fayyisaan barreeffamuu yaadatu Obbo Dheeressaan.

Waraqaa mootummaa Hayilasillaasee rifachiise

Barruun cunqursaa sirni Hayilasillaasee Oromoorran gahaa ture ibsu 'Hiyyeessi Haa Dubbatu' jedhu barreeffamee waggaa 10 booda barruun mootummaa Hayilasillaasee naasise barreeffamee faca'e.

Bara 1971 ji'a Caamsaa keessa waraqaan seenaa Oromoofi hacuuccaa sirni impaayerichaa uummata Oromoorran gahe sirriitti qoratee galmeesse The Voice of Oromo Against Tyranny (Sagalee Oromoo Bulchiinsa Garboonfataa Irratti) jedhu maxxanfamee Finfinnee keessa faca'e.

Waraqicha kanneen qoophheessan barattoota Oromoo Yuunivarsiitii Finfinnee barataniifi namoota hojiirra jiran waliin ta'uun akka ta'e himu Obbo Dheeressaan.

Akka isaan jedhanitti, Yuunivasriitii Finfinneerraa barruu kana qopheessurratti kanneen adda dureen qooda fudhatan: Nagaasoo Gidaa (PhD), Diimaa Noggoo (PhD), Magarsaa Barii, Tsaggaayee Namarraafi namoonni biroos akka turan.

Waraqaa namoonni kun barreessan yuunivarsiitin alaa ammoo namoonni gulaalun akka maxxanfamu godhan Baroo Tumsaafi Abbiyyuu Galataa fa'aa akka ta'e yaadatu Obbo Dheeressaan.

"Waraqaa kan Waalaliny [Makonnin] barreessetti aanee kan nama dammaqse tokko isa [he Voice of Oromo Against Tyranny)."

Mootummaan Hayilasillaasee waraqichi faca'uurraa naasuu keessa galuun namoota waraqaa kana qopheessan adamsee qabuuf maallaqa guddaa dhangalaasee ifaajus hin milkoofne.

"Waraqaan sun haala qabsoo Oromoo heddu akeekee hubachiise" kan jedhan Obbo Dheeressaan sadarkaa qabsoo Oromoos cunqursaa irraa gara sirna gita bitaatti ol gudisuu himu.

Yeroo waraqaan kun qophaa'u Obbo Dheeressaan hiriyootasaanii kanneen akka Badhoo Dachaasaa fa'aa waliin mandheewwan qo'annoo siyaasaa magaala Finfinnee bakka garaa garaatti gurmeessun ni barsiisu, ni qo'achiisu, dargaggeessi eenyummaa Oromoon finiinee akka ka'uuf muuxannoo qabsoo biyyoota akka Veetinaam, Kuubaa, Filisxeem fa'aarraa fiduun qoodu.

Bara 1973tti barattota Oromoo waggaa 1ffaa Yuunivarsiitii [Finfinnee] seenan keessaa namoota jajjabboofi hubannaa siyaasaa cima ta'e qaban shan filachuun mandhee qo'annoo siyaasaa hundeessun hojii siyaasafi Oromoo dammaqsuu akka eegalan himu Obbo Dheeressaan.

Nammoonni shanan isaan yeroo jalqabaaf walitti qaban: Abboomaa Mitikkuu, Abdataa Guutamaa, Biyyaa Abbaa Jamaalifi Masalla Dhaabaa fa'aa akka turan himu.

Waggaa tokko booda bara 1974tti yeroo jalqabaaf barattoonni Oromoo lakkoofsan guddaa ta'an yuunivarsiitii akka seenaniifi mooraa keessatti namni Afaan Oromoo baratu baay'ataa deemus kaasu.

Obbo Dheeressaa Qixxeefi Badhoo Dachaasaa

Obbo Dheeressaan Qeellam irraa Badhoo Dachaasaa ammoo Buraayyuu irraa yuunivarsiitii Finfinneetti baruumsaf wal-argan. Michii garaa ta'uu bira darbee qabsoo Oromoo finiinsuf, dargaggeessa naannoo Finfinnee jiru dammaqsuuf qabsoof wal-kaadhimmatan.

Badhoo Dachaasaa naannawa Finfinneetii nama barate jalqabaa qabsoo hidhannoo ABOtti makame akka ta'e BBCtti himan Obbo Dheeressaan.

Yuunivarsiitii Finfinneetti akkuma arganii wal-baraniin garee barattoota Oromoo seelii qo'annoo siyaasaa wajjin kan walbarsiise Obbo Dheeressaadha.

Badhoon barattoota Oromoo bakka garaa garaa irraa dhufaniin gaafa wal-baruu heddu gammaduun yeroo sanarraa kaasee garaa guutun qabsoo Oromoof of kennuu himu.

Obbo Dheeressaa waliin mandhee qo'annaa siyaasaa magaalaa Finfinnee bakkeewwan garaa garaatti qindeessuu eegalan.

Keessumaa mandheen qo'annaa siyaasaa Askoo mana jireenyaa obboleessa Jeneraal Damisee Bultoo kan ta'e Kibabawu Bultootti gaggeeffamaa ture seena qabeessafi Gullaleefi Burayyuurraa namoota heddu hirmaachisaa hojiin icciitii heddu akka itti gaggeeffamaa ture himu Obbo Dheeressaan.

Mandheewwan qo'annoo siyaasaa Askoo dabalatee magaala Finfinnee bakkeewwan garaa garaatti gaggeeffaman adda dureen qindeessafi gaggeessaa ture Obbo Dheeressaadha.

Namoonni akka Badhoo Dachaasafi obbolaan Jeneraal Damisee Bultoo kanneen akka Kibabawu Bultoofi Biraanuu Bultoo fa'aa heddu itti dhama'aniiru.

Badhoo Dachaasaa nama Buraayyuu ta'uunsaa ammoo Biraanuu Bultoo waliin ta'uun dhalattoota Oromoo Gullalleefi Biraayyufi naannawa sana jiran heddu dammaqsaa turan.

Mandheelee qo'annoo siyaasaa kanneen adda dureen hundeessafi qindeessaa kan ture Obbo Dheeressaa Qixxee ta'us Badhoo Dachaasaa Oromoota naannoo Finfinnee jiran caalmatti waan beekuf hirmaannaa guddaa gochaa ture.

Obbo Dheeressaa Qixxee akka jedhanitti, Finfinnee keessatti dhoksaan bakka qo'annoo siyaasaa akka banamuufi kallattii kaa'uu keessatti Baaroo Tumsaa gahee guddaa qaba.

Obbo Dheeressaafi Baaroo Tumsaa erga wal-baranii bubbulaniiru. Hojiiwwan Oromoo dammaqsuufi waraqaawwan qo'annoo siyaasaa qopheessun Obbo Dheeressaan fa'aa akka dargaggoota ittiin dammaqsaniif haala kan mijeessu Baarodha.

Mootummaa giddu galeessarratti dhiibbaa gochuuf Oromoo naannawwa Finfinnee dammaqsuun murteessaa ta'uu waan itti amanuuf naannawa Finfinneetii namoota dammaqina qaban Baaron barbaadaa akka ture himu Obbo Dheeressaan.

Badhoo Dachaasaa quuqamaafi dammaqina inni qabu waan baraniif Obbo Dheeressaan fuudhanii mana Baaroo deemun wal-barsiisan. Baaronis haasaa Badhoo dhaggeeffatee itti gammade.

Obbo Dheeressaafi Badhoo hojii biraaf isaan abbale- waraqaa ittiin Oromoo dammaqsan barreessun raabsuu.

Waraqaa 'Warraaqsa' jedhamu barreessun raabsuu

Mootummaan Dargii aangoo qabatee osoo hin turin barattoonni yuunivarsiitiwwan irraa gara kutaalee garaa garaa imaluun duula Indgat Behibret irratti akka hirmaataniif bobbaase.

Yeroo sana baratoonni Oromoo dhoksaan mooraa yuunivarsiitifi yuunivarsiitin alatti magaala Finfinnee fa'aa keessatti mandheewwan qo'annoo siyaasaa qindeessaa hojii siyaasaa garaa garaa hojjatan kanneen akka Obbo Dheeressaa Qixxee, Abboomaa, Mitikkuu, Badhoo Dachaasaa fa'aa duula Indgat Behibret kanatti ergaman.

Akka Obbo Dheeressaan jedhanitti, barattoonni kun hedduunsaanii duula adda kutuun gara Finfinnee deebi'anii hojii siyaasafi ergama garaa garaa dhoksaan akka hojjataniif isaan waame.

Obbo Dheeressaan Finfinnee keessa taa'anii barattoota Yuunivarsiitii haaraa galaniifi kaan qabsoof gurmeessuu, icciitin ijaarufi waraqaa dammaqiinsa qabu barreessun raabsuu irratti ramadaman.

Abboomaa Mitikkuu ammoo namoota gara Somaaliyaa deemun hojii siyaasaa dhaaba ABO akka hojjatuuf Baaron duula Idgat Behibret addaan kutee gara Finfinnee akka dhufu godhe.

Mitikkuu dabalatee namoonni jaha dhoksaan icciitin gara Somaaliyaa akka deemaniif Baaron fa'aa haala mijeessanii ergaman.

Obbo Dheeressaafi Badhoo Dachaasaa fa'aa ammoo Finfinneefi naannosheetti hojii hubannoo siyaasaa uumuu, dargaggoota gurmeessun siyaasa bobbaasufi waraqaa hubannoo siyaasaa uumtu dhoksaan maxxansanii akka raabsaniif ergamni itti kenname.

Akka Obbo Dheeressaan jedhanitti, bara 1976- 1975 gidduu barruuwwan MIESON fa'aa barreessan qilleensa dhuunfateef barruun hubannoo qabsoo Oromoo ibsu hundeessun barbaachisaa waan ta'eef yaada Baaroo Tumsaa fa'aa dhiyeessaniin barruun WARRAAQAA jedhamu maxxanfamuu eegale.

Barruu kana qopheessuu kan eegalan namoota jaha: Dheeressaa Qixxee, Badhoo Dachaasaa, Mitikkuu Tarfaasaa, Dheeressaa Qixxee, Dawwud Ibsaa, Abeel Mitikkuu (obboleessa Abboomaa Mitikkuu)fi Dambii Disaasaa turan.

Mitikkuu Tarfaasafi Dambii Disaasaa boodarra ABO keessaa bahuun MIESONitti makamanis warri hafan arfan hojiisaanii itti fufan.

Barruu kana barreessuu keessatti namoonni kun gahee qabaatanis irra guddeessa Badhoo Dachaasaa barreessaa akka ture kan Obbo Dheeressaan, "Qoodi kiyya guddaan barruu waliin qopheessine sana bakka icciitii guddaan mallattoon (stencils) irratti barreeffamu barbaadee barbaadee geessee hojjachiisudha," jechuun sana booda icciitiin mana itti maxxanfamu geessanii maxxansiisaa akka turan kitaabasaanii keessatti barreessan.

"Hojiin kun ana qofaan hojjatama ture. Jaallan waliin hojjannu keessaa namni tokkollee akkamitti akka qophaawu hin beekan. Gaafachuunis dhorkaadha."

Yeroo barruu kana maxxansuun raabsaa turan, namoonni baratan hedduun sududaan dhaaba siyaasaa MIESONtti dabalamaa akka turaniifi Dargii qofa osoo hin taane isaanirraa namootuma dur ABO keessa turanii MIESONItti dabalamanirraa qormaanni guddaan isaan mudataa akka tures yaadatu.

Yeroo sanatti dhaabni MIESON qabsoo karaa nagaa filachuun mootummaa Dargii waliin hojjachuuf waan murteessef miseensota ABOtti qormaata guddaa akka ta'es kaasu.

Hordoffiin tika Dargiifi namoonni dur waliin hojjatanii amma dhaaba MIESONitti dabalamanirraa waan itti hammaatef Finfinnee keessa jiraachun lubbuusaanif yaaddessinaan kutaalee Oromiyaa garaa garaatti faca'anii uummata akka dammaqsaniif namoonni akka Baaroo Tumsaafi Abbiyuu Galataafaa haala mijeessaa turuus himu.

Abbaa Caalaa Lataa, Obbo Daawud Ibsaa, Obbo Dheeressaa Qixxee fa'aan gara Wallaggaa deemun hojii siyaasaa akka hojjataniif ergaman.

Yeroo sana MIESON keessumaa wallagga waan dhuunfateef, Obbo Dheeressaan fa'aa maqaa 'hojjattoota mootummaa' jedhuun garas deemanii uummata akka dammaqsaniif Baaroo Tumsaafi bulchaa Wallaggaa kan turan Obbo Abbiyyuu Galataa fa'aa shoora guddaa akka taphatantu himama.

Kora ABO bara 1977 irratti hirmaachuu

Yeroonsaa waktii itti Dargiin Duula Goolii Diimaa (Qayi Shibbirii) labsee namni manaa bahuu malee deebi'ee galuunsaa yaaddoo keessa gale ture. Miseensonni Koree Gidduu ABO haala raakkisaa kana keessatti dhoksaan Finfinnee mana Obbo Baaroo Tumsaatti wal-gahan.

Obbo Dheeressaan kora Ajajni Siyaasaafi Waraanaa Olaanaan (ASWO) dhaaba ABO itti filame kanarratti akka argaman himu.

"Kora guyyaa sanaarratti...aniifi Mulugeetaa Moosisaa Finfinnee irraa gartuu [barruu] Warraaqaa bakka buunee qooda fudhannee turre," jechuun sochiin ABO yeroo sana magaala keessatti hordoffii tika Dargiirraa kan ka'e yaaddoo guddaa keessa akka seene himu.

Kora kanaan ABOn Ajaja Siyaasaafi Waraanaa Olaanaa namoota shan of keessaa qabu filachuus ibsu. Namoonni kunneen: Magarsaa Barii- dura taa'aa, Damisee Tacaanee (Gadaa Gammadaa)- ittaanaa, Baaroo Tumsaa- itti gaafatamaa dhimma alaa, Leencoo Lataa- barreessaa, Muhee Abdoo- miseensa ta'uun filaman.

Koricha booda hojiin siyaasaa icciitin magaalaa keessatti hojjachuun sadarkaa hin danda'amnerra waan gaheef akkasumas tikni Dargii qabsaa'ota Oromoo heddu adamsee waan qabeef hedduunsaanii gara bosonaa deeman.

"Kora kana booda Jaal Baaroo Tumsaafi Jaal Magarsaa Barii namoota hanga tokko waliin karaa Arsii irraan bahanii Waraana Bilisummaa Oromoo Baha Oromiyaa keessa socho'utti dabalaman."

Baaroo Tumsaafi Magarsaa Barii osoo hin qabamin miliqanii bosan galuun gar-malee Dargii aarsuu kan himan Obbo Dheeressaan, aarii kanaan Dargiin tika heddu Oromiyaatti bobbaasun sakattaa guddaa gaggeessuu yaadatu.

Hojiin duraan magaala keessatti hojjatamaa ture, namoota muraasa ija tika Dargii keessa hin galin hafaniin akka hojjatamuuf dirqamni itti kenname. Isaan keessaa tokko Obbo Dheeressaa Qixxeeti.

Akka isaan jedhanitti, baruumsa yuunivarsiitii yeroo Idget Behibratii addaan kutanii duulan sanatti deebi'uun barattoota Oromoo haaraa yuunivarsiitii seenaniifi kaan duraan turanis dhoksaan dammaqsuufi ijaaruun ergamnisaa itti kenname.

Ati 'diikshinarii Oromooti' mitii? Gadi yaasi namoota beektu hunda naan jedhee na tumuutti ka'e

Obbo Dheeressaan Yuunivarsiititti deebi'anii baruumsa barachaa hojii siyaasaa doksaan hojjachuu itti fufan. Barattoota yuunivarsiitii dammaqsuu, qabsoof haala mijeessufii, gara bosonaatti erguufi hojiiwwan dhaaba ABO dhoksaan magaala Finfinnee keessatti hojjataman irratti hirmaataa turan.

Baruumsa fixanii akkuma eebbifamaniin Finfinnee keessa taa'anii hojii siyaasaa hojjachuun waan hin danda'amneef hojii barsiisummaan gara Nageellee Booranaa deemanii achitti hojii siyaasaa gaggeessuu itti fufan.

Hordoffiin Finfinneetti irratti godhamaa ture, Nageellettis biraa hin hafne. "Qabamee gara Finfinnee haa dhufu!" ajajni tika Dargii biraa bahe. Obbo Dheeressaan Magaalaa Nageellee Booraanaatti yeroo gabaabaf erga hidhamanii booda gara Hawaasaa geeffamuuf ji'a muraasaf hidhaman.

Mana hidhaa Hawaasaa irraa imalli gara mana hidhaa Ma'ikalaawwii ta'e. Namoota ABOtti shakkamanii hidhaman heddu keessaa namoonni sadi: Obbo Dheeressaa Qixxee, Tolasaa Ibsaa Ayyaanaa (obboleessa Obbo Daawud Ibsaa) fi Ashannaafii Waddeessoo adda baafamuun Ma'ikalaawwitti geeffaman.

Akkuma Ma'ikalaawwii gahanii iddoon kennameefin osoo hin turin qorannoon eegale. Akka isaan jedhanitti, namni qorannoof kan geeffamu Waajjira Dargii kan amma Waajjira Muummicha Ministeeraa ta'ee tajaajilu kanaadha.

Waajjirri kun teessoo gaggeessaa biyyaa qofa osoo hin taane, Wiirtuu Hiraarsaa (Torchure Chamber) ta'ee tajaajilaa ture. Namoonni erga reebichi hamaafi qorannoon irratti gaggeeffamee booda Ma'ikalaawwitti deebifamanii akka itti cufamaa ture himu Obbo Dheeressaan.

Ma'ikalaawwitti erga hidhamanii guyyootan booda qorannoof gara Waajjira Dargiitti geeffaman.

"Akkan waajjira Dargii galeen gara bakka qormaaraa (Torchure Dangon) na geessan," jechuun poolisiin namoota heddu gara jabinaan reebafi ajjeesaa ture tokko akka itti bahe himu.

"Tafarraan namoota Dargii dura dhaabbatan heddu ajjeesun badhaafameefi nama miidhuu irratti muuxannoo guddaa qabuudha."

"Heloo yaa Diikshinarii Oromoo!" jedhee itti qoosun kaballaa gurratti cuqqaalaa qorannoosaa akka eegale.

Obbo Dheeressaan barattoota heddu yuunivarsiitii Finfinnee keessattiifi magaalaa keessattis qindeessufi siyaasa qo'achiisun waan beekamaniif barattoonni Oromoo hedduun isaan beeku.

Yeroo tika Dargiin qabamanii reebamanis "Obbo Dheeressaatu nu qindeessa" jedhanii himuunsaanii waan hin oolledha. Qorataan Dargii kunis kanumaaf jecha "Yaa Diikshinarii Oromoo" jechuun itti qoose.

Gama biraan ammoo Obbo Dheeressaan waan qabsoo keessatti dabarsan, namoota waliin qabsaa'an, eenyu yoomifi eessatti maal akka godhe guyyaasaa waliin yaadatu.

Baruumsa Seenaa barachuunsaanii waa sammuutti qabachuuf isaan gargaaruu akka hin oolles himu.

"Ijoollen Oromoo Yuunivarsiitii Finfinnee keessa barachaa turanii, qabamaniifi si beekan 'Dheeressaa gaafadhu, inni Oromoo heddu beekaa, "akka Oromoo Diikshinariitti isa ilaalla" jedhanii natti himaniitu, amma gadi yaasi natti himi naan jedhe, "jedhu.

Gadi garagalchanii fannisanii reebuu, ijaa hidhanii bishaan itti naquun hiraarsuun ittuma fufe. Obbo Dheeressaan icciitii heddu osoo garaa qabanii reebicha sirni Dargii irra deddeebin irraan gahu obsuun maqaa qabsaa'otaa osoo hin kennanin akka hafan himu.

Qabsaa'onni hedduunsaanii yoo tikni mootummaa isaan qabe, akkamitti reebicha hamaa obsuun icciitii akka dhoksan barachaa turan.

"Hedduun keenya duraanuu yoo basaasni mootummaa si qabate maal gochuufi akkaataa itti deebisan muuxannoo biyyoota addaa addaa irraa argachaa turre," jechuun muuxannoo qabsaa'ota Veetinaamifi Filisxeem fa'aa barataa akka turan kaasu.

Nama homaa hin beekne fakkaachuu, gadi of xiqqeessuun maloota ittiin icciitii dhoksuun obsanii darban keessaa tokko akka ta'e kaasu Obbo Dheeressaan.

Ma'aakalaawwii irraa fuudhamuun Waajjira Dargiitti si'a heddu reebichiifi gidiraa hamaan irratti raawwatus, maqaa qabsaa'aa tokkoollee beeka jedhanii osoo hin saaxilin keessa darbuu himu.

Turtii mana hidhaa Ma'ikalaawwii waggaa tokkoo booda Karchaalletti dabarfamanii waggootan boodan booda bara 1987 gadi lakkifaman. Yeroo kana Dargiin karaa heduun waraanan muddamee jira. Kaabaa waraana TPLF Shaabiyaan, Oromiyaarraa ammoo lola Adda Bilisummaa Oromoo wajjin gaggeessun.

Erga mana hidhaatii bahaniis hin teenye; namoota akka isaanii mana hidhaatii bahanii Finfinnee keessa jiran kanneen akka Obbo Abbiyyuu Galataa fa'aa waliin ta'uun Oromoota ijaaruu eegalan.

Bulchiinsa Dargii kufee humni TPLF yeroo biyyattii dhuufachuutti waan jiruuf humna ABO boodan dhufuuf haala mijeessuurratti hojjataa turan.

Bara Chaartaraa keessa qondaalota waraanaa WBO gammoojjii Baaleefi Kibba keessa jiran qunnamuun waraanni gara magaalaa akka dhufuu akkasumas humnoota TPLF naannicha jiran dubbisuun wal-hubannaan gidduu waraana lamaanii akka jiraatu gochuu keessatti shoora olaanaa taphachuu himu.

Ergasii gara Keeniyaa imaluun magaalaa Naayiroobii keessatti biiroo Adda Bilisummaa Oromoo banuun hojjataa akka turan BBCtti himan.