Jaalala mana hidhaa: Nama ilma koo wajjin mana hidha turerraan daa'ima godhadhe

Andriyaafi Alehoo

Madda suuraa, Andrea Casamento

Andriyaa Kaasaamentoon nama ganna 40 abbaan warraa jalaa du'ee magaalaa guddoo Arjantiinaa, Boonas Ayiras keessa jiraattu dha. Hamma guyyaan jireenyashee geeddare gahutti dhimma hin qadu, nagumaan jiraatti ture.

Gaafa Bitootessa 2004 hiriyyootashee waliin otoo magaalaa ala bashannanaa jirtuu bilbilameefi.

Ijoolleeshee sadii keessaa inni hangafti dargaggoon ganna 18 saamicha raawwatee qabamuutu itti himame.

''Bishaan daakaan ture, isan uffadhe, uffadheen gara poolisiitti fiige. Waan natti himan hin amanne, Juwaan balaatu mudate jedheen yaade,'' jetti.

''Sammuu kootti tasumaa mucaan koo mana hin hidhaa galuu hin danda'u-akkuma fiilmii irratti argitan jetti Andriyaan kokkolfaa.

Barcuma irra teesse duuba poostariin beeksisa fiilmii seenaa ishee irratti hunda'uun hojjetame keenyan irratti fannifamee jira. Fiilmiin kuni marsariitii fiilmii Netflix irrattis tamsa'aa jira.

Juwaan Sanbata galgala jaalalleesaa wajjin otoo mana dhugaatiitti bashannanuu albeedhaan doorsisee gosa daabboo beekamaa biyyattii empaandaa saamuun himatame.

Guyyoota muraasaan dura ajjeechaa dargaggoo tokkoon booda magaalattii keesssa hiriira guddaatu ture. Andriyaan hiriira kanarratti namoota yakka dalagan irratti adabbiin haa jabaatu jechuun dargaggoo du'eef sirna dungoo ibsuu taasisaa turte.

''Ijoollee koo irratti butiin akkasii akka hin raawwanneef sodaan qaba ture,'' jetti.''Yeroo garii waan hawwitu irratti of eeggannoo gochuu qabda,'' jetti.

Juwaan hidhamee akka borii guyyaa Wiixataarra Andiyaan dhaddachatti dhiyaattee ''waan tahe hundi dogoggora,'' jechuun daanyaatti himuuf murteessite.

Daanyaan garuu waan isheen jettu hunda kuffise: ''waajira koo fuuldura hiriirri biraa akka taasifamu waan hin barbaanneef ilmi kee hamma dubbiin furamutti mana hidhaa tura,'' jedheen.

Akkasiin adeemsi baatii saddeet fudhate jalqabame.

Andriyaa Kaasaameentoo

Madda suuraa, Juan Pablo Pichetto

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

''Jireenyi koo gara abjuutti geeddarame,'' jetti Andriyaan. ''Guyyoota muraasa dhaddachatti otoo hin dhiyaatiin turuun booda gara mana hidhaa eegumsi cimaan taasifamutti ergame,Ezeeiyzaa(konkolaataan mana keenyarra sa'atii tokko fagaata)'' jetti.

Akkatti sirni mana hidhaa hojjetu beekuu baattus Andriyaan guyyaa ilmishee gara mana hidhaa isa eegumsa cimaa qabutti dabarfamu argamtee, keessa galuun garuu hin eeyyamamneefi, ilmishee qofaatti baafameetu qabamee ture.

Yeroo jalqabaaf jireenyasheetti waa hiriirtee eegde, mata dureen filmii seenaashee 'line' hiriira jedhama. Kan achi dhaabbatan baayyeen isaanii dubartoota yoo tahan ijoollee baatanii, korojoo isaaniitti waa rarraasanii dabaree isaanii balbalarratti eeggatu.

''Ani rakkoon koo kan hunda isaanii kan caalu natti fakkaatee ture. Kan isaanii natti hin mul'atu. Manni hidhaa maal fakkaachuu akka danda'us tilmaamee hin beekun ture.

Qaama addunyaa ani keessa jiraadhuu hin turre. Anis dubartiima tokko hiriira qabattee jirtu akkan tahellee naa hin galle ture,'' jetti.

Ji'oota dhufan saddeetiif Andriyaan torbanitti al afur mana hidhaa Ezeezaatti marmaarti.

Kana keessaa guyyaan lama iyyaafannaa daa'imasheeti. ''Guyyaan lama biraa ammoo gaafa tokko du'aasaa yoo baasan,'' jettee sodaachuun achi dhaabbatti.

''Ilmikoo mana hidhaa sana keessaa du'aansaa yoo bahe, namni dura isa baatu ana tahuu qaba, sababiinsaa anatu gara addunyaa kanaatti isa fide,'' jetti Andriyaan. ''Baatii saddeetiif guyyaa, guyyaan gaafa tokko isa ajjeesanii-mucaan koo naa bilbiluu dhaaba jedheen sodaadheen ture,'' jetti.

Andriyaa fi hiriyyootashee

Madda suuraa, Andrea Casamento

'Ani nama mana hidhaa jiru hin filanne, nama Alehoo jedhamuun filadhe'

Guyyaa jalqabaa Juwaan isheefi hin bilbille, mana hidhaa deemtee ol seenuuf eeyyama dhabnaan deebite.

Boodarra nama maqaansaa Aleehoo jedhamurraa bilbilli bilbilameefi innis akkasheen tasgabbooftu itti hime.

Juwaan lubbuun akka jiruufi lola keessatti uumameen qofaasaa akka tahu akka taasifame itti hime.

Namni kuni deebisee akka bilbiluufi itti hime- deebisees bilbileef. Guyyaa sanarraa kaasee Andiryaan Aleehoofi daa'imasheerraa bilbilli bilbilamuufi itti fufe.

''Haasa'uu jalqabnaan dhaabuu hin dandeenyu,'' jetti. ''Qofaa taheen ture. Maatii,hiriyyoota koo dabalatee namni na hubatu tokkollee hin turre, Aleehoon odola jireenyi jaannamaa kuni dhukkubbi akka natti hin baayyisne godhu naa kenne, na kolfisiisa ture.''

Andriyaafi Aleehoo

Madda suuraa, Andrea Casamento

''Ilma koo Juwaan mana hidhaatii baasuun alatti waanin dhimma kennuufi hin turre. Daa'imni koo gadameessa koorraa waan butamee fudhatame natti fakkaata.

Isa kunuunsuuf humni ani qabu danqaa na dura kaa'an hunda akkaan ce'u na godhe. Dabalataan Alehoon ilma koo mana hidhaa keessatti kunuunsuu dabaltaan akkaan falmadhu, adeemsa kana saffisiisuuf waan naa danda'ame akkaan godhu na jajjabeessa ture,'' jetti.

Andriyaan ilmaanshee lamaan haadhasheetti kennitee manashee gurguruun ilamshee hidhameef abukaatoo bitte. Ilmishee saamicha ittin himatame keessaa akka hin qabne mirkaneessuuf kutatte.

Baatii saddeetiin booda Juwaan bilisaan gadhiifame. Haa tahu malee Andriyaan ergasii torbeetti al tokko mana hidhaatti marmaaruu waggaa 15f itti fufte.

''Ilmi koo hidhamuun jireenya koo akkaan jijjiire,'' jetti. ''Addunyaa ana marsee jiruun ala akkaan arguuf kanin hirribaa dammaqe natti fakkaata. Garuummoo seenaan Aleehoo wajjin qabu adda- kuni waan anarra gahe otoo hin taane waan ani filadhe dha.

Nama mana hidhaa jirun filadhe miti. Nama Aleehoo jedhamun filadhe-innimmoo mana hidhaa ture.''

Aleehoon saamicha garagaraan balleessaa itti murameetu otoo adabbiisaa tajaajilaa jiruu Andriyaa waliin kan wal argan, isheen yeroo isa argitu achii bahuuf waggaa 15tu isa hafa ture.

Waggaa kana huda jechuun, maal jechuu akka tahe nan beeka garuu isa waliin tahuun filadhe jetti.

''Anaaf waan namoonni natti himan hundi naa hin liqimfamu. Ilma koo wajjin manni hidhaa maal akka tahe argeera. Aleehoo wajjin miti. Yeroo dhaqee isa arge teenyee haasofnu mana dhugaatii keessa waan jirru natti fakkaata ture,'' jetti.

''Isa ilaaluun qofti anaaf gahaa ture. Anumaafi isa qofa turre. Kana dhabuu hin barbaaduun ture. Waanan keessa darberraa yoon argu, miira natti dhagahamu dhiisuu hin barbaanne ture. Sababiinsaa libsuu ijaan waan qabdu si jalaa baduu danda'a. Namni waan fedhe haa jedhu.''

Andiriyaan waan barbaaddutti cichite. ''Mana hidhaa sana galuuf adeemsa dheeraa gatii taheef salphisuudhaaf maaliif wal hin fuune jedheen isa gaafadhe,'' jetti kolfaa.

Tahus Aleehoo irraa deebii saffisaa akkasii hin eegne ture. Hatattamaan daanyaan mana hidhaa dhaqee cidha isaanii akka mijeessu gaafate.

Ilma Andriyaa isa xiqqaa abaaboo keelloo qaqqabaa jiru

Madda suuraa, Andrea Casamento

''Wal-fuunee booda ani qofaa koo gara mana koon deeme,'' jetti Andriyaan. '' Gammadduun ture garuu dubartiin iddoo hiriiraatti na eegdu turte,'' jetti.

''Akkas naan jette,''akkasiin heerumtee akkamiin dhaqxee mana qofaa rafta, jettee biiraa akka dhugnu na affeerte,'' jetti.

Aleehoon sababa Andiriyaan intalasaa wajjin wal arguu jalqabe. Daa'ima biraas ni barbaada.

Andiryaan haadha tahuuf kan dulloomte itti fakkaatee ture garuu ''waan keessa koo jiru tokko hidhamu Juwaaniin booda haadha tahuu akkan barbaadu natti hima.'' ''Mana hidhaa keessaa daa'ima akkamiitu bahuu danda'a kan jedhu immoo gama biraan akkaan na yaaddeessa. Dukkanaafi hidhaa morkachuun booda daa'imni keenya Huwaakiin dhalate,'' jetti.

Gaafa ciniinsuun ishee qabe Waxabajjii 2005 Andriyaan mana hidhaa turte.

''Dubartoonni na faana hiriira mana hidhaarraa dhufan deesisituun Aleehootti bilbiltee sagalee daa'ima dhalatu akka dhagahu akka gootu ishee muddan.'' ''Isaafi namni hospitaala keessa jiru hundi sagalee daa'imaa dhagahe. Guyyaa ittaanu hospitaala dhufee akka isa argu eeyyamaniif.

Andirayaa fi Aleehoo

Madda suuraa, Andrea Casamento

Waggaa jahan har'aa Aleehoon gadhiifame.

''Gaaffiin inni guddaa mana hidhaan ala akkamiin jiraanna kan jedh ture,'' jetti Andiyaan.

''Baayyeen sodaadhe- mana hidhaatti jireenyisaa hundi ana, alatti? Alatti faaraafi haala walii keenyaa barachuun nurra ture. Innis sodaa ala tahuu keessaa bahuu qaba ture.

''Har'a maatii bareedaa qabna, rakkoon maatiin tokko qabaachuu danda'un ala miti rakkoon qabnu. Yeroo hunda waan nuti hin irraanfanne walii dhaabbachuu akka qabnu dha,'' jett.