Waa'ee harmee Finfinneetti daa'ima kilogiraama 6 ulfaatu deessee maal beekna?

Madda suuraa, Dr Reta Tizazu
"Itoophiyaa keessatti daa'imni hagana ulfaatu dhalachuusaaf hanga ammaatti ragaa isaa hinqabu; wanti barreeffames hin jiru" jedhan oggeessi fayyaa daa'ima kana deessisan Dr. Rattaa Tizaazuu.
Magaalaa Finfinneetti kan argamu Hospitaala Yaadannoo Zawudituutti harmeen tokko daa'ima kilogiraama jaha ulfaatu dahuushee hospitaalichi beeksiseera.
Hospitaalichatti Ispeeshaalistii Ulfaa fi Gadaamessaa akkasumas Hogganaa Kutaa Ulfaa fi Gadaamessaa kan ta'an, Dr. Rattaa Tizaazuu, "Ulfaatinni daa'ima dhalattoo naannoon kilogiraama jaha kan barame miti," jechuun BBC'tti himan.
Haati daa'ima kana deesse guyyoota dura buufata fayyaa magaalaa Finfinneetti argamurraa wal'aansa fooyyeef riifariidhaan gara hospitaalichaatti ergamuu kan himan Doktar Rattaan, "Yeroo dhuftu dhibee sukkaaraa kan qabdu yemmuu ta'u, ulfi ishees torbee 38 ta'ee ture," jedhan.
Yeroo akkanaatti dhibee sukkaaraa haadhaa akka yaalan kan himan Dr. Rattaan, dhibeen sukkaaraa harmee kanaa garuu rakkisaa akka ture himan.
"Kanaafis yaala baqaqsanii hodhuun dursitee akka deessu murteessine," jechuun adeemsa ture ibsu.
Harmee tana baqaqsanii yaaluun deesisuuf sababoota lama kan eeran ogeessi ulfaafi gadaameessaa kun, sababni inni tokko daa'imni meeshaa altiraasaawundiin yeroo ilaalamu guddaa ta'uusaa yemmuu ta'u, sababni inni lammaffaan immoo harmeen kun kana durallee wallaansa baqaqsanii yaaluun kan deesse ta'uu himan.
Haaluma kanaan harmeen kun Roobii ALI Mudde 16, 2017 daa'ima ulfaattinnisaa kilogiraama jaha ta'e dahuu dandeesseetti jedhan.
Harmeen daa'ima kanaatiis, kanaan dura daa'ima deessee kan turte yemmuu ta'u, ulfaatinni daa'imashee duraanii garuu akka kan isa yeroo ammaatti guddaa akka hintaane himuushee Dr. Rattaan himaniiru.
Dahumsa booda waan irratti argaman
Daa'imni kilogiraama jaha ulfaatu kun erga dhalatee booda rakkoon 'gulukoosii to'achuu' isa mudatee akka ture Dr. Rattaan himaniiru.
Kana malees naannoo morma isaatti xannachi akka jiru baruusaaniis dubbatan.
"Daa'imni hagana ulfaatu yemmuu dhalatu yaaddoo qabna. Kana malees haati dhibee sukkaaraa kan qabdu ta'uushee ilaalcha keessa galchuun qorannoowwan taasifaman ni jiru" kan jedhan hakiimichi, daa'imni kutaa yaala cimaa akka seenu taasifamuus himan.
"Yeroo ammaa haala fayyaa gaariirratti argama; yaaliinis taasifamaafii jira" jedhan.
Gama biraatiin haalli fayyaa haadhaas dhibeedhuma sukkaaraa qabduun alatti haala gaariirratti akka argamtu himaniiru.
Sababoota daa'imman ulfaatina guddaa akka qabaatan taasisan
Daa'imni tokko garaa haadhaa keessa osoo jiru ulfaatinnisaa akka guddatuuf sabboonni garagaraa gumaachuu akka danda'an Dr. Rattaa Tizaazuu ni dubbatu.
Isaan keessaa inni tokko immoo uumamadha. "Afrikaa keessa iddoowwan daa'imman gabbatan itti dhalatan ni jiru" jechuun akka fakkeenyaatti kaasan.
Sababni daa'imman gabbatanii akka dhalatan taasisu inni biraan immoo dhibee sukkaaraati.
"Dhibeen sukkaaraa adeemsa nyaati keessa darbee gara anniisaatti itti jijjiiramu-metabolism haadhaa waan jijjiiruuf kun ammoo daa'imarratti dhiibbaa fiduun itti fayyadama gulukoosii isaa jeequun akka gabbatu taasisa" jedhan.
Dhibee sukkaaraatiin alatti ammoo dhibeewwan daa'imni garaa haadhaa keessatti akka gabbatu taasisan kan biroon akka jiranis kaasanii jiru oggeessi kun.
Dhumarrattis, dhaabbileen fayyaa haadholii ulfaa dhibee sukkaaraa qaban dursanii gara hospitaalota yaala fooyyee kennanitti erguu osoo danda'anii jechuun dhaamaniiru Dr. Rattaan.












