WBO waamicha mootummaan araaraaf dhiyeesse 'gammaachuun garuu eeggannoonin simadha' jedhe

Jaal Marroofi misooensota waraanaa isaa

Madda suuraa, SM

Waamicha araaraa Pireezidantiin Buulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa dhiyeessan ''gammachuun garuu ammoo eeggannoon'' kan simatu ta'uu WBO beeksise.

Dubbii himaa idila addunyaa WBO kan ta'an obbo Odaa Tarbii yaada pireezidant Shimallis Caffee Oromiyaatti himaniin walqabatee addatti BBC'f deebii kennaniin waamichi kun ''tarkaanfii gaariidha'' jechuun ibsan.

Ibsa baaseen ammoo waamichi akka kanaa kana duras taasifama ture kan jedhu WBO qabatamaatti gara araaraatti waanti nama galchu garuu hin argamne jedhe.

''Marii nagaaf taa’uuf ammoo qaamni biyya keessaa walaba tahe jira jennee hin amannu, yoo jiraatellee dhiibbaa mootummaa irraa bilisa tahee marii araaraa kana gaggeessa jennee hin amannu'' jedhe ibsa baaseen.

Marii hiika qabeessa gaggeessuuf ajajootni WBO fi namootni maricha irratti hirmaatan zoonii waraanaa keessaa bahu fi seenuuf loojistikii fi gidduugalli barbaachisa jedhan.

Loojistikii dhiyeessuu fi wabii nageenyaaf ammoo dhaabbilee idil-adunyaa walabata tahantu barbaachisa jedhe. Dabalataan waamichi kun bifa dilee taheen dhiyaatee taajjabdootni idil-adunyaas irratti hirmaachuu qabu jedhan.

Dabalataan mariin kan gaggeeffamuu qabu sadarkaa mootummaa naannoo Oromiyaatti osoo hin taane mootummaa federaalaa waliin tahuu qaba jedhan.

Pireezidantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa yaa’ii Caffee Oromiyaa 4ffaa guyyaa Roobii Guraandhala 17/2023 gaggeefame irratti ''ABO shaneen akka araaraan galu maqaa uummata keenyaan gaafachuun barbaada'' jechuun waamicha godhan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ministirri Muummee Abiy Ahimad gara aangootti erga dhufanii booda tasgabbiin biyyattii keessatti dhufe osoo hedduu hin turiin Oromiyaa keessattii qabsoon hidhannoo WBO gaggeessu mootummaa waliin waraanatti kan ce'e.

Waggoota afran darbes godinaaleen Oromiyaa nagaan oolaanii bulan muraasa.

Kana gidduuttis uummatnii fi caasaan nageenyaa mootummaa aarsaa guddaa kaffaluu obbo Shimallis dubbataniiru.

Waamicha obbo Shimallis dhiyeessan kanaan ''tarkaanfii gaarii fi nu gammachiisudha'' kan jedhan obbo Odaa Tarbii, seenaa darbe yaadachuun ''adeemsa kana of eeggannoo guddaan ilaalla'' jedhan.

''Marii seenuun gaarii, karaa nagaa furmaata barbaaduun gaarii, garuu akkaataan nuti itti seennu ilaaluun barbaachisaadha. ''

Waliigalteen mootummaa Itoophiyaafi ABO amma duraa bakka qaamni sadaffaa hin jirretti waan gaggeefameef fashalaa'e jedhan Odaan.

''Rakkoon kun akka irra hin deebi'amneef qaamni sadaffaan barbaachisaadha'' jechuun mariifi adeemsa araaraa irratti haaldureen kaahan akka jiru irra deebiin ibsan.

Dabalataan ammoo yaadni obbo Shimallis kun kan dhagaahame wayita qaamolee lamaan gidduu ammallee waraanni gaggeefamaa jirutti ta'uu isaan akkasumas waraanichi waggoota afuriif gaggeefamaa jiraachuu wajjin walqabatee tarkaanfiiwwan amantaa uuman fudhatamuu qabu jedhan.

''Nu gidduu wal-amantaa uumuufi guddisuun hojiin hojjetamuu barbaachisa.''

Kanaafis akka fakkeenyaatti ''hidhamtoota siyaasaa kumaataamaan lakkaawwaman'' hidhaarraa gadhiisu, waajiraalee dhaabbilee siyaasaa cufaman banuun haalduree mariiif taa'uuf qabatan keessaa ta'uu dubbatan.

Haalduureewwan kunniin wal-amantaa guddisuufis gargaara jedhan.

WBO marii araaraaf dhugumatti hangam qophiidha?

Hidhattoota WBO

Madda suuraa, Odaa Tarbii

Waraana kutaalee Oromiyaa adda addaatti babal'ataa dhufeefi sochiilee hawaasaa, bu'uura jireenyaa uummataa danqee fi lubbuu hedduu galaafatetti xumura gochuuf amma dura gama lamaan irraahuu yaadni marii nagaa dhiyaachaa ture.

Hanga ammaatti garuu tarkaanfiin abdachiisaan lafatti bu'ee raawwatamuu eegale hin mul'anne.

Kun ammoo qaamoleen lameen dhugumatti marii nagaaf qophiidhaa gaaffii jehdu kaasa.

Obbo Shimallis gaaffiifi deebii guyyoota 10 dura miidiyaa biyyaalessaarratti tamsa'e irratti ''uummatnis caasaan mootummaas dararameera. nu gaha'' jechuun mootummaan ''rakkoo kanaaf fala kaahuu caala wanti dursa kennuuf hin jiru'' jedhanii ture.

Dubbii himaa WBO obbo Odaatiin BBC'n dhugumatti isin marii nagaaf murannoo qabduu? jechuun gaafate.

''Nuti marii wayya, araara wayya jennee yeroo ibsa baasaa turre mara sanaaf qophii taaneeti. Itti seenuufis uummataa rakkoo jiran keessaa baasuuf, nagaa biyyattii keessatti uumuufis yeroo mara qophiidha'' jechuun deebisan.

Mootummaafi WBO dubbiin kallattiin eegalan jiraa?

Haasaan obbo Shimallis kun dhagaahamuun dura miseensotni paarlaamaa naannolee Oromiyaa nagaa dhaban bakka bu'an rakkoo kanaaf falli karaa nagaa akka dhufu sochii eegalanii akka turan BBC'n iyyaafatee ture.

Dabalataan waraanni Kaaba Itoophiyaa waggoota lamaaf tureefi gaaga'ama guddaa geessise karaa nagaan xumuramuu hordofees inni Oromiyaas xiyyeeffannoo walfakkaatu akka argatu sochiin qaama adda addaan godhamaa ture.

Haata'u malee sochiiwwan godhaman lafa qabatanii qaamolee lamana gidduu keessoonis ta'u dubbiin eegaluufi dhiisuu irrattii BBC' wanti ifatti bira gahe hin jiru.

Waayee kanaa aanga'ootni Mootummaa naannoo Oromiyaa yaada akka nuu kennan dubbisuuf yaallus ammatti hin milkoofne.

Dubbii himaan WBO Odaa Tarbii garuu hanga ammaa miidiyaaleerratti dubbiin akka eegaleetti adeemu ''dhugaa lafa jiru waliin kan walfaallessuu'' jedhu.

''Hanga ammaatti mariin eegalame hin jiru. Garuu gara fuulduraatti waan dhufaa jiru fakkaata.''

Mariin ammaa booda eegalama jedhamee abdatamus yoo dhufe gama isaaniin qaamni walabaa sadaffaan akka keessaa qooda qabaatu barbaadan akka jiru ibsaniiru.

Amma dura yaada marii araaraa dhiyaachaa ture ilaalchisee mootummaan ejjannoo qaamni sadaffaa hin feesisu jedhu calaqqisaa ture.

Odaan ''yoo qaamni sadaffaa hin jiraatu ta'e hireen marii araaraa maal ta'a isa jedhuuf deebii yoo kennan ''akka amma duraa gaabbuu hin barbaannu'' jedhan.

''Waliigaltee amma duraan qaama sadaffaa dhabuun waan uummata keenyas nus godhe waan beknuuf dogoggora sana irra hin deebinu. Kuni ulaagaa marii isa dirqamaati.''

Haaldureewwan mariif kaahan keessa kan biraan atattamatti haalduree malee dhukaasni akka dhaabatuufi duulli waraanaas akka dhaabatu kan jedhudha.

Haaldureewwan sadan guutamnaan adeemsi marii araaraa qajeelaa ta'a yaada jedhu Odaan kaasaniiru.