Falmiin waancaa Pirimeer Liigii akkaan ho'eera - Arsenaal fi Siitiin irra aanan

Madda suuraa, Getty Images
Arsenaaliif barri 2024 milkiin bara itti toltedha.
Pirimeer Liigii keessatti taphoota jaha walitti aansuun mo'atan. Kana keessa gooliiwwan 25 galchuun, sadii callaatu itti lakka'ame.
Morkii waancaa baranaa kaasuu keessa cimsanii harka galfataniiru.
Kanas tapha Sambata galgala Niiw Kaasil wajjin taasisan, gahumsa addaan 4 fi 1n irra aanuun mirkaneessan.
"Waan abjoofne milkeessaa jirra," jedhe dursaan taphattootaa Maartin Odegaard taphichaan booda.
Mo'icha kana hordofee Arsenaal qabxii lamaan, liigicha kan dursu Liivarpuulitti siqeera. Maan Siitii irraa ammoo qabxii tokko duwwaan aanuun, sadaffaarra taa'eera.
Arsenaal taphoota Pirimeer Liigii 2024 keessa taphatan hunda mo'atanis, Chaampiyoons Liigii Awurooppaa marsaa jalqabaan garuu Poortoon 1 fi 0 mo'amaniiru.
Haatahu malee dallansuu mo'amuu sanaan hamileen isaanii adoo gadi hin bu'in, morkataasaanii cimaa Niiw Kaasil irra aananiiru.
"Tapha torbee gidduu [irratti mo'amaniin] garee garmalee aaran fakkaatu. Akki itti jifachaa turanii fi gahumsa addaa agarsisaa turan," jedhe taphataan Maan Yunaayitid duraanii Riyoo Fardinaand.
Gahumsa addaa 2024 keessa Arsenaal agarsiisaa jiruuf taphataan ijoo Bukaayoo Saakaadha.
Taphataan lammii Ingilaand Saakaan, kilabichaaf galchii ishee sadeessoo lakkoofsisuun, waqtii taphaa kanaan galchii lakkoofsise 16tti guddiseera. Kunis taphoota Pirimeer Liigii malee kaanis kan dabalatudha.
Kana malees taphataan kun tapha Pirimeer Liigii shan irratti walitti aansuun galchuu danda'eera.
Taphattoonni Siitii 'namoota addaati' - Gaardiyoolaa

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Leenjisaan Maanchistar Siitii Peep Gaardiyoolaa, taphattoota isaatiin "namoota addaatti (supermen)" jechuun ibse.
Siitiin tapha Sambataan Barnimaz 1 fi 0n injifachuun morkii waancicha walitti aansuun marroo afraffaaf mo'achuu cimsaniiru.
Goolii Fiil Foodan galcheen dirree Vaayitaalitiitti kan mo'atan Siitiin, qabxiin sadii argame kun garuu akka salphaatti hin dhufne.
Kanaanis liigicha kan dursan Liivarpuuliin qabxii tokko callaan caalamuun lammeessoorra jiru.
Leenjisaan isaanii Gaardiyoolaa, gaafa Kibxataas Bireentifoord wajjin taphatanii, tapha kanallee injifachuu isaaniif taphattoota isaa garmalee jaje.
"Taphattoota koo akkaaniin jaaladha - isaan namoota humna addaa qabanidha," jechuun Sky Sports'tti hime.
"Akkaan ciccimoodha. Nu guyyaa sadi sadiin taphachaa jirra. Isaan [Barnimaz] garuu tapha kanaaf qophaa'uuf guyyaa torba qabu turan.
"Taphattoota keenyarra waan hedduu eegna, isaaniis garuu deebii barbaachisaa kennu. Nan beeka akka namoonni 'maallaqa hedduutu kanfalamaaf' jedhan. Dhugaa dubbachuuf garuu sagantaan isaanii garmalee hedduudha."

Madda suuraa, Getty Images
'Abjuun keenya inni guddaan gaariidha' Ten Haag
Leenjisaan Maanchistar Yunaayitid Eriik ten Haag, dirreesaanii irratti Fulhaamin mo'amuu hordofee fuuldurri kilabichaa dansaadhuma jechuun miira eeyyentaan dubbate.
Tapha Sambataa kanaan Fulhaam seenaa addaa galmeessan - waggoota 61 keessa yeroo lammeessoof Yunaayitid dirree isaaniirratti moo'uu danda'an.
2 fi 1n mo'amuun Yunaayitid bara taphaa Pirimeer Liigii kana keessa injifatamuu 10ffaa tahuun galmaa'eera.
Kanas Yunaayitid bara Sar Aleeks Farguusan leenjisaa turaniin ogguu walbira qabnu - leenjsaan kun waggoota 21 leenjisan keessa taphoota 10 bara tokkotti mo'amanii hin beekan.
Isaaniin booda Yunaayitid waggoota 11 dabran keessa marroo shaniif kun mudateera.
Sadarkaa liigichaan jahaffaarra kan taahan Yunaayitid, afraffaarra kan jiru Aston Viilaa irraa qabxii saddeetiin fagaatu.
Yunaayitid gara caalu kubbaa of bira tursuun, rukuttaa kornaa fi yaalii galchiin caalanis, namoonni hedduu waan leenjisaan Fulhaam Maarkoo Siilvaa jdedhaniin waliigalu: "Akka yaada kootti, ifatti gareen caalmaa qabu mo'ateera."
Taphichaan booda leenjisaan Yunaayitid Teen Haag: "Injifatamuu tokkoon booda abjuu isa guddaa ilaaluu qabda - abjuun inni guddaan waan gaarii agarsiisa," jedhe.












