Niwkaastil v Arsenaal- Taphoota Piriimer Liigii har'a gaggeeffamaniin eenyufaatu mo'ata?

Madda suuraa, Getty Images
Taphootni Piriimer Liigii Ingilizii torban 26ffaa har'a itti fufuun gaggeeffamu.
Arsenaal har'a Niwkaastil waliin morkata. Arsenaal tapha Shaampiyoonsi Liigiin Poortoodhaan erga mo'amee har'a dirree isaan ala Niwkaastil morkata.
Erga ji'a Onkoloolessaa miidhamarra kan ture Toomaas Paarteen har'a Arsenaaliif deebi'a.
Garuu tapha kana irratti hirmaachuun isaa hin baramne.
Gabri'eel Jiisas fi Ziincheenkoon miidhamarraa bayyaanachaa jiru. Toomiyaasuun ammallee miidhamarraa hin fayyine.
Niwkaastiliif Faabiyaan Shaar midhamarraa deebi'eera. Garuu taphattootni isaanii jajjaboo akka Aleeksaander Ayizaak,Joy Wiilook, shaakalatti deebi'aniiru.
Tapha kanaaf gahuun garuu hin baramne. Kalum Wiilsan, Jolintanii fi Andersan garuu ammayyuu miidhamanii jiru.
Bara kana leenjisummaa Unaayi Imiree jalatti gahumsa gaarii irra kan jiru Aston Viilaan sa'a laaqanaa booda Nootiingihaam Foorest waliin morkata.
Aston Viilaan waggoota dheeraa booda bara dorgommii kanarratti carraa Piriimer Liigii dursuu argatee ture. Suuta suuta garuu Liiverpuul, Arsenaalii fi Maan Siitiidhaan caalame.
Amma hirmaannaa Shaampiyoonsi Liigii akka hin dhabneef jabaatee kan morkatu taha.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Akkasuma bara dorgommii darbeen gahumsa guddaa agarsiisuun hirmaannaa dorgommii Awurooppaa kan argate Biraayitan, har'a sababa ragaa sobaa galii fi bu'aa kilebichaa ibsu dhiyeessuun qabxii kudhan kan adabame Everteen waliin morkata.
Everteen erga qabxi kudhan adabamee liigicha keessatti hafuuf tattaafchaa jira. Osoo qabxii kudhan irraa hin muramne tahe silaa bara kana sadarkaa gaarii irra taa'uu danda'u ture.
Ol iyyannoo isaanii eeggachaa taphoota isaan hafan mo'achuun qabxii argachuuf gareen Shiin Daayish kan morkatu taha. Garuu gareen Roobertoo Dizerbii salphaatti waan harka laatan miti.
Kiristaan Paalaas ammoo garee Vinsent Kompaanii walin morkata. Paalaas leenjisaan isaa Rooy Huudsan jalaa dhukkubsachuun yaala irra turan.
Maanchister Yuunaayitid Fuulham waliin morkata.
Bara kana miidhama taphattootaan rakkataa kan jiru Maan Yuunaayitid taphataan isaa sarara duraa walitti aansuun galchii lakkoofsisaa jiru Rasmas Hooyilaand miidhama isa mudateen torbanoota sadiif hin taphatu.
Tapha darbii Maanchister torban lamaa booda gaggeeffamu irrattis hin hirmaatu. Luuk Show, Aaron Waan Biisaakaa, Aantoonii Maarshaal, Masan Maawonti, Lisaandiroo Maartinez fa'aa kanneen midhamarra jiranidha.
Shaampiyoonaan bara darbee Maan Siitiin Barnimaawuz waliin dorgoma.
Maan Siitiin taphoota booda kana gaggeesse haa injifatu iyyuu malee galchii akka durii lakkoofsisaa hin jiru.
Waancaa bara kanaaf Arsenaal, Liiverpuulii fi Maan Siitiin morkii jabaa taasisu.












