Waraabbiin viidiyoo himannaa dhaddacha gudeeddii Tiraamp gadi dhiifame

Madda suuraa, Kaplan, Hecker & Fink
Waraabbiin viidiyoo jecha dhaddacha guddeeddii Pirezidantii duraanii Ameerikaa Donaald Tiraamp'n kenname mana murtiin gadhiifame.
Viidiyoon dheerina gara daqiiqaa 48 qabu kunis, Aab Tiraamp kan umuriin waggaa 76, himataa E Jeen Kaarool kan haadha warraa isaa duraanii taatee Maarlaa Maaplas irratti himate suuraadhaan wallaale.
Akkasumas irra deddebiin yoo dubartiin ittiin himatame Aaddee Kaarool isheen kan ''dubartii ani jaaladhu miti'' jechuun yoo haalu mul'isa.
Abukaatoonni gama lachuuti himannaa saanii guyyaa Kamisaa darbee ture kan dhiyeessanii xumuran.
Tiraamp dhaddacha Niiw Yoork irratti qaamaan kan hin dhiyaatiin yoo ta'u, abokaatoonni isaas osoo ragaa isaanii hin dhiyeessiin dura ragaa kamuu hin waamne.
Garuu ammoo ajaja mana murtiitin, Tiraamp Onkolooleessa darbe karaa kaameeraatiin ragaa himannaa, Aaddee Kaarool walakkeessa 1990 keessa kutaa man-kuusaa Magaala Niiw Yoork keessatti ishee gudeeduu ilaalchisuun irratti dhiyaateef ifatti ragaa kennanii turan.
Viidiyoo jecha Aab Tiraamp kunis Kamisa darbe garee murte kennaniif kan dhiyaate yoo ta'u, gaaffii dhaabbata miidiyaatiin gaafa Jimaata darbe yeroo jalqabaatiif ifatti gadhiifame.
Tibba jechi kennamutti, teeppiin HooliiWuud dhoksaan loofame bahe fi tibba duula na filadhaa pirezidantii 2016itti Waashingitan Poostiin maxxanfame Tiraamp'tti agarsiifamee ture.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Tiraamp akkumas teeppicha irraa sagalee ''beekamtuu yoo taatee dubartoota irratti waan barbaaddee raawwachu dandeessa'' jedhu dhagaheen mufannaan bakka teessoo isaatti deebii'u mullata.
Akkasumas viidiyicha irratti Tiraampi wayita himannaan Aaddee Kaarool, ''baayyee jibbisiisaa, seenaa fokkisaafi kan ta'e jedhe qindaa'e'' jedhu dhagahama.
Yoo suuraa durii isaa kan haadha warraa saan Ivaanaa, Aaddee Kaarool fi abbaa warraa ishee yeroo sanaa kan turan Joon Joonsan Tiraampiitti agarsiifameettis, adda baasuu dogongoruun kan isa himattee ''inni Maarlaadha'' yoo jedhu dhagahama.
Ammas suuricha ilaalaa, Eeyyeen sun Maarlaadh. Suun haadha warraa kooti jedhe osoo abbookaatoon isaa isa hin sirreessiin dura. Isaan boodas Tiraampi suuraan ''baayyee ifatti hin mul'atu'' jechuun deebii kenne.
Viidiyicharratti qabxii gara biraa irratti ammoo, yoo Maaplees, haadha warraa saa lammaaffaafi haadha intalasaa Tifaanii, waliin itti gaa'ila dhaabbate yaadachu dadhabe.
Aaddee Kaarool, barreessituufi yeroo dheeraaf qopheessituun gorsaa kan taates, pirezidantii duraanii kana taatee duraa fi dhimmicha haaluusaatti ammoo maqa- balleessaan himataa jirti.
Dhaddachicha irrattis Aab Tiraamp yaaduma yeroo jalqabaatiif Aaddee Kaarool bara 2019tti himannaaf fulduratti wayita dhufte dubate, ''Hangan danda'uutti kabajaanan jedha, garuu isheen kan akka naman ani fedhuu miti,'' jechuun irra deebii'e.
''Qaamaan isheen kan akka ani jaaladhuu miti, ammadha kanan al kallattiin waa'ee ishee dhagahaa jiru. Karaa kamiinu, bifaan, bocaa kan akka ani jaaladhu miti isheen,'' jedhan itti dabaluun.
Itti dabaluunis, abukaatoo Kaarool kan ta'an Roobartaa Kaaplaaniin, ''Ati mataan keessa kan akka ani jaaladhu miti. Kun arrabsoo akka hin taaneen abdadha,'' jedhaniin.
Walitti jecha wal jijjiraa turaniittis, Aaddee Kaaplaan ''hojjattuu siyaasaa'' fi ''ulfina dhabduu'' jedhaniin.
Abokaatoon Tiraamp pirezidantiin duraan kun qaamaan dhiyaatee ragaa hin kennu jechuun kan hime yoo ta'u, Tiraamp garuu imalasaa Ayirlaand fi UK adda kutuun mana murtiitti Aaddee Kaarool ''falmuudhaaf'' akka deebi'u gaaxessitootaatti himeera.
Yaada kenne ilaalchisees, Aab Tiraampi jecha isaan kenneen kan deeggaru ta'u akka murteessuuf abbaan murtii hanga Dilbata waaree boodaatti yeroo kenneefiira.












