Ittaanaan Ministira Ittisaa Raashiyaa matta'aa fudhachuun to’atame

 Tiimuur Ivaanoov

Madda suuraa, Reuters

Ittaanaan Ministira Raayyaa Ittisa Raashiyaa matta'aa fudhataniiru jedhamuun to’annaa jala oolfamuu qaamni qorannoo biyyattii beeksiise.

Koreen qorannoo biyyattii ibsa Kibxata baaseen, Tiimuur Ivaanoov to’annoo jala oolfamanii qorannoon irratti gaggeefamaa jira.

Bara 2016tti Waajjira Miinisteera Raayyaa Ittisaatti kan muudaman gaheessi wagga 47, Ivaanoov, bu’uraalee misoomaa waraanaa biyyattii gabbiisuudhaan beekamu.

Roogeeyyonni Raashiyaatti malaamaltummaan babal’ateera jechuun qeequumsa dhiyeessuu erga eegalanii bubbulaniiru.

Faawundeshiniin farra-malaamaltummaa nama siyaasaa mormaa du’e, Aleekseey Naavaalniidhaan hundeeffame, Ittaanaan Ministira Ittiisaa kunis bara 2022tti keessattuu naannoolee Yukireen to’annoo Raashiyaa jalatti argaman keessatti, ‘‘yakki malaammaltummaa babal’ataa jira’’ jechuun komii dhiyeessaa ture.

Dhaabbatichi akka jedhette, ijaarsa magaalaa buufataa haleellaa qilleensa Raashiyaatiin barbadoofte Maariiyoopoolitti gaggeeffamaa tureen maallaqa olaanaa argataniiru jedhamuun himatamu.

Ibsi koreen qorannoo baaseen, Ivaanoov himannaa irratti dhiyaateef deebii kennuu ilaalchisee wanti jedhan hin jiru.

Seerri adabbii yakkaa Ivaanoov ittiin to’ataman, shakkamaan tokko matta'aan fudhatan yoo maallaqa biyyattii Rubilis miiliyoona tokkoo ($10,700) ol yoo ta’eedha kan to’annaa jala oolfamu jedha.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Namoota balleessaan irratti argame adabbiin maallaqa guddaa fi hidhaa hanga wagga 15 irratti murtaa’uu akka danda’u himama.

Ivaanoov kanaan dura Ittaanaa Ministira Mummee naannoo Moskoo ta’uun tajaajilaniiru. Ministirri Raayyaa Ittisaa ammaa Sargeey Shooyiguu yeroo murtaa’eef bulchaa Mooskoo ta’uun kan tajaajilan yoo ta’u, hiriyyaa dhihoo Ivaanoov’tti jedhamu.

Qondaaltoonni olaanoon Raashiyaa yakka malaamaltummaatiin shakkamuun to’annoo jala oolfamaniiru oduun jedhu baayyee kan barame miti.

Irra caalaan aanga’ootaa aangoosaaniitti fayyadamuun faayidaa dhuunfaatiif hojjatu jedhamuun himatamu.

Dubbi-himaan Kiremiliin, Admiitirii Peeskoov, waa’een to’atamuu aanga’aa kanaa dursa pirezidant Viilaadmiir Puutinitti himamusaa gaazexessitootatti dubbatan.

Ivaanov Ameerikaafi UKn qoqqobbaan imalaa, Gamtaa Awuroppaatiin ammoo, qabeenyaasaanii akka hin sochoofneef aanga’oota Raashiyaa dhorkaan irra kaa’ame keessaa tokodha.

Gamtaan Awurooppaa aanga’aa kanaa ‘‘gulantaa bulchiinsa waraana Raashiyaa keessatti nama 10ffaadha’’ jedheera.