Paastarii beekamaa Naayijeeriyaa 'talaallii fudhachuun ajandaa seexanaati' jechuun barsiisu

Paastar Kiriis

Madda suuraa, Pastor Chris Online

Paastar Kiriis Oyakhilome jedhama; Naayijeeriyaatti lallabaa beekamaadha. "Talaallin takkaa nama fayyisee hin beeku, soba" jechuun barsiisa. Ji'a Guraandhalaa keessa lallaba isaa karaa chaanaalii YouTube waldaasaa darbeen "namni hunduu waa'ee talaallii sobamaa ture" jechuun barsiise.

Paastariin Naayijeeriyaa kun Afrikaa keessatti lallaboota wangeelaa beekamoo keessaa tokkodha.

Bara 2023 kaasee hanga 2024tti BBCn lallaba Paastar Kiriis heddu qorachuun miseensonni waldichaa talaallii akka hin fudhanneef ergaawwan farra talaallii ta'an dubbataa turuusaa mirkaneessera.

Keessumaa ammoo talaallii busaa haaraa Afrikaatti raabsamaa jiru ilaalchisee lallaba isaa keessatti namoonni akka hin fudhanneef jabeessee gorsa.

Afrikaa keessatti dhibeen busaa rakkoo fayyaa hamaa yoo ta'u, akka ragaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa agarsiisutti bara 2022tti ardichatti du'aatin dhibbeentaa 95 mudateera. Kanneen keessaa ijoollen waggaa shanii gadii dihibbeentaa 80 ta'u.

Ji'oota jahaan darban keessatti kaampaani Paastar Kiriis dookumentarii farra talaallii jaha kan tokkoon tokkoonsaanii daqiiqaa 20 ta'u qopheessun sagantaa waldaarratti dhiyeessera; akkasumas karaa miidiyaa hawaasaa waldichaan tamsaasera.

Yaalii waggaa dheeraa booda talaalliin dhibee busaa bara darbe hojiirra akka oolu godhamuunsaa milkaa'ina guddaafi lubbuu namoota kumaatamaa waggaa waggaan sababa dhibee busaan du'anii hambisuu danda'a jedhamee abdatamee jira.

UNtti ejansiin daa'immanii (UNICEF) akka ibsetti bara 2019tti Keeniyaa, Gaanaa, Maalaawwii keessatti duula yaalii talaallii busaa kennameen duuti daa'immanii dhibbeentaa 13n hir'ateera.

Garuummoo ogeeyyin fayyaa akka jedhanitti paastariin beekamaan Afrikaa namoonni talaallicha akka hin fudhanneef ergaa farra talaallii lallabuunsaa Afrikaa keessatti namoonni talaallii akka hin fudhanneef dhiibbaa gochuu mala.

Bara darbe ji'a Hagayyaa keessa lallaba isaa keessatti talaalliin "ajandaa seexanaa waggaa dheeraf tureedha" jechuun akeekkachiisee ture.

Ittaansunis hawaasa farra talaallii ta'an keessatti tiyoorii shakkii (conspiracy theory) babal'iseera. Kunis, kaayyoon talaallichaa "baay'ina uummataa xiqqeessuf kan yaadameedha" kan jedhuudha.

Dabalataanis "Dhibeen busaa Afrikaa keessatti rakkoo ta'ee hin beeku" jechuun sobeera.

Tallaalin busaa Keeniyaatti yeroo kennamu

Madda suuraa, Reuters

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

"Namoonni bebbeekamoon kanneen akka gaggeessitoota amantii waa'ee talaallii odeeffannoo sobaa tamsaasun durduriifi hubannoon hin malle akka uumamu gochuun namoonni talaallii akka hin fudhanne gochuu danda'a.

"Kunin ammoo fayyaa hawaasaaf, keessumaa naannoo Dhaabbata Fayyaa Afrikaa bakka dhibeewwan talaalliin hambisuun danda'aman bal'inaan itti mudatanitti balaa guddaa geessisa," jedhan dubbi himaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa.

Waa'ee dubbiiwwan farra talaallii lallabasaa keessatti dubbatee gaafachuuf BBCn kaampaanifi waldaa Paastar Kiriisitti imeelii barreessus deebii hin arganne.

Lallabaan wangeelaa beekamaan kun Naayijeeriyaa magalaa Leegositti kan argamu waldaa Christ Embassy jedhamu hundeessun hoggana. Addunyaarratti hordoftoota kumaatama heddus qaba.

Bara 2011 barruu Forbis irratti paastaroota dureeyyii Naayijeeriyaa keessaa tokko akka ta'eefi qabeenyisaa doolaara miliyeena 30-50 akka ta'u gabaafamee ture.

Akka barruun Forbis gabaasee turetti Paastar Kiriis dameewwan biizinasii akka gaazexaa, barruuwwan garaa garaa, buuufata TV, hoteelotaafi riistoraantiiwwan qaqqaalii irraayi.

Dhaabbannisaa LoveWorld Inc jedhamu kan lallaba isaa tamsaasuu ammoo google app store irraa namoota miliyeena hedduun buufameera. Lallabaan baankii maayikiroo faayinaansii irrattis ni hirmaata.

Paastar Kiriis torbanitti guyyaa tokko waldaatti qaaman argamuun lallaba dhiyeessa. Ji'a Muddee darbe BBCn yeroo waldaasaa daawwatu, biyyoota garaa garaa irraa paastaroonni sagantaa waggaatti qophaa'urratti argamuuf waldicha guutanii jiru. Alaabaan biyyoota garaa garaas waldicha keessatti mul'ata.

Miseensa waldichaa kan taate Wiinifireed talaallii fudhachuu akka didde BBCtti himte.

"Namni Waaqayyoo [akka hin fudhanne] nutti hime. Anis gama koon qorannoon taasise," jechuun talaallii fudhachuu akka didde dubbatti.

Ada Umenwaliirii University of North Carolinatti asoosheet daayireektara Giddu Gala Qorannoo Afrikaa yoo taatu, Paastar Kiriis hordoftoota akka [abbaatti] ilaalan heddu akka qabu himti.

"Paastaroonnifi gaggeessitoonni amantaa yeroo hundumaa filannoo hordoftoonni isaanii taasisan murteessuu keessatti gahee guddaa taphatu," jetti.

Afrikaa keessatti hiyyumaafi hanqina bu'uuraalee fayyaa irraa kan ka'e namoonni heddu talaallii fudhachuu ilaalchisee waldaaleen uummatarratti dhiibbaa guddaa uumu.

Marsariitii Naayijeeriyaa The Cable irratti kan barreessu Juuliyees Ogunroo, "Amma callisuu hin qabnu. Ajandaan Paastar Kiriis dubbataa jiru baay'ee hamaafi amantaa Kirsitaanaa wajjin tasumaa waan wal-hin argineedha" jechuun barreesseera.

Biil Geets

Madda suuraa, AFP

Addumatti ammoo Paastar Kiriis yeroo heddu waa'ee Biil Geets kaasee dubbata. Biliyeenaroota addunyaa keessaa tokko kan ta'e Biil Geetis talaallii dhibee busaa maallaqa heddu baasuun gargaara.

Paastar Kiriis lallaba isaa Hagayya 2023 keessatti haasaa Biil Geets waltajjii TED talk jedhamurratti bara 2010 taasise irraa fudhachuun "warra baay'ina uummata addunyaa xiqqeessuf hojjatan" jechuun ibsee ture.

Biil Geets haasaa bara 2010 taasise sana keessatti waa'ee hanga kaarboondaayi oksaayidii gadi lakkifamu xiqqeessuu irratti akkas jedhee ture: "...yeroo ammaa baay'inni uummata addunyaa biliyeena 6.8dha. Kuni gara biliyeena 9tti deema. Amma talaallii haaraa, waldhaansa fayyaa, tajaajila wal-hormaaraa irratti hojii guddaa yoo hojjanne, dhibbeentaa 10 ykn 15 gadi hir'isuu dandeenya."

Namoonni bu'uuraalee fayyaa mijataa yoo argatan ijoollee xiqqeessanii akka godhatan Biil Geets dubbatee ture, garuu kaayyonsaa akka waan lakkoofsa uummataa xiqqeessuu ta'eetti fudhachuun Paastar Kiriis dhiyeesse.

Dabaluunis wiirtun Sagantaa Bookee Busaa Addunyaa Kolombiyaatti argamu kan Faawundeeshinii Biil Geets akka ta'eefi bookewwan busaa qacceensaanii fooyya'e baay'isuun akka tarsiimoo sanyii namaa xiqqeessuf oolutti dhiyeessa Paastar Kiriis.

Warshaan bookee busaa horsiisu kun dandeettii dhibee daddabarsuu bookee busaa hir'isuuf kan hundaa'e yoo ta'u qabeenyummaansaa Awustiraaliyaatti kan argamu kan kampaaniwwan Moonaash Yuunivarsiititi. Dhaabbatichi orgaanizimoota qacceensaanii fooyya'e akka hin omishnes beeksiseera.

Barsiisan amantii beekamaan lammii Naayijeeriyaa kun talaallii dhibee busaa qofa osoo hin taane kan kaansarii gadameessaas ni morma.

Dhiyeenya kana talaallii kaansarii gadameessaa paappiloomaa vaayiras (HPV) jedhamu irrattis xiyyeeffatee ture. Lallaba isaa gaafa Fulbaana 2, 2023 gadi lakkifamerratti "talaallii kaansarii osoo hin taane waan biraati" jechuun qeeqe.

Naayijeeriyaan bara 2023 ji'a Onkoloolessaa keessa shamarran talaallii kaansarii gadameessaa ittisu akka fudhataniif duula gaggeessitee turte.

Biyyattii keessatti sababa dhibee kanaan waggaatti dubartoonni 8,000 ol ni du'u. Bara 2021 qorannoon gaggeeffame akka agarsiisutti, talaallin kaansarii gadameessaa kun 90% dhibicha ni hi'isa.

Paastar Kiriis baroota darban keessaa waa'ee talaallii dhibee teetaanasii, pooliyoo, fi talaalliwwan biroo daa'immaniif kennamanii odeeffannoo qabatamaa hin taane hin taane tamsaasaa ture.

Yeroo weerara Koovidii odeeffannoo sobaa wal-fakkaataa tamsaasuu isaatin UKn waldaa Paastar Kiriis dolaara 155,000 adabdee turte.

Chaanaalinsaa Loveworld jedhamuufi UK keessatti tamsa'u, "waa'ee weearara kovidiifi talaallii dhibichaa odeeffannoo nama dggorsuufi miidhaa qaqqabsiisu tamsaase" jechuun adabde.