'Daanyota' Waraana Addunyaa II irratti Naazii Jarmanitti murteessan keessaa inni dhumaa umrii 103'tti du'e

'Daanyoota' Waraana Addunyaa II booda qondaaltota Naazii Jarmaniitti murteessan keessaa Been Fereenz ganna103tti du'aan boqote.

Waraana Addunyaa booda Dhaddacha Nurembarg jedhamuun beekamurratti abbootii murtii qondaalota Naaziirratti murtee dabarsan keessaa Been nama tokkoodha.

Yeroo qondaalota Naazii yakka waraanaafi sarbama mirga dhala namaarratti hojjatan irratti murteen darbu aabbaan murtee kun- Been Fereenz- nama ganna 27 ture.

Boodarra manni murtii sadarkaa idil-addunyaatti yakka waraanaa qoratu akka hundaa'uf tattaaffii gochaa tureen, bara 2002tti Manni Murtii Idil-addunyaa hundaa'e.

Muuziyeemiin Been Fereenz US, Filooridatti boqote jedhame. US Holocaust Museum du'uu isaa mirkaneessun, addunyaan "gaggeessaa warra duguuggaa sanyiin miidhamaniif haqa barbaadu" dhabde jechuun ibse.

Ilmi isaa Doonald Fereenz abbaan isaa nama addunyaan akka seerafi heeran bultuuf bara jireenyasaa guutuu dhama'e ta'uu ibse.

Been Fereenz bara 1920tti bulchiinsa Romaaniyaa kan taate Tiraansliviyaa keessatti dhalate. Garuu ijoolummaasaatti maatin isaa haleellaa sanyii Yihudootarratti gaggeeffamu baqachuun isa fudhatanii gara UStti baqatan.

Bara 143tti Harvard Law Schooldhaa eebbifamuun Waraana US keessatti filatamee Waraana Addunyaa Lammaffaarratti hirmaate.

Waraana Biyyoota Waloo (Allied Forces) yeroo Normady qabatan innis keessa ture.

Boodarra garee yakka waraanaa Naazin raawwate qoratu keessatti dabalabe. Yeroo waraanni USfi biyyoota biroo Naazii mo'achuun Jarman to'atu, Been Feerenz garee yakka waraanaa qoratan waliin ta'uun kaampiwwan Naazin duguuggaa sanyii itti raawwate seenun duguuggaa sanyiifi yakkoota waraanaa raawwataman qorataa ture.

Dhala nama akka horiitti hogaan irraa quncaa'efi nama lafeen qofti itti jiru garuu gogaafi foon irra hin jirre ta'ee garuu kan lubbuun keessaa hin baane fa'aa argee akka ture dubbatee ture.

Yakkoota duguuggaa sanyii (genocide), yakka waraanaafi hammeenya waraanni Hitlar warra Yihudootafi saboota biroorratti dalage heddu akka galmeesses yeroo lubbuun himee ture.

Waraanni Addunyaa lammaffaan erga xumuramee Been Fereenz hojii seeraa ittiin eebbifamerratti bobba'uuf gara UStti deebi'ee ture. Garuu, dhimma yakkaa duguuggaa sanyiifi yakka waraanaa qondaalonni Naazii raawwatan akka ilaaluf waamichi taasifameef.

Sana dura muuxannoo abbaa seerummaa qabaachuu baatus Dhaddacha Nurembarg jedhamuun beekamurratti abootii seeraa biroo waliin ta'uun yakka waraanni Zaazii raawwate qorate.

Dhimma gareewwan Naazii nama ajjeesun beekaman (Einsatzgruppen, SS death squads) jedhaman irratti qorataa yakkaa olaanaa ta'uun filatame.

Dhaddacha kanaan yakkamtoota Naazii 22 irratti adabbiin hidhaafi du'aa akka darbu godheera.

Qondaaltota Naazirratti murteen erga darbee booda Been Fereenz Lixa Jarman keessa turuun warri Yihudii beenyaa akka argataniif hojjataa ture.

Been afaanota jaha bareechee dubbata. Jireenya isaa gara dullumaatti pirofeesara seera idil-addunyaa ta'uun manni murtii idil-addunyaa dhimma aangawootafi mootummoota yakka duguuggaa sanyiiifi yakka waraanaa raawwatan ilaalu akka hundaa'uf dhama'aa ture.

Kanumarraa ka'uun bara 2002tti Manni Murtii Yakkaa Idil-addunyaa (ICC) Neezarlands, Heegitti akka hundaa'u ta'e.