Sababa Gaazaaf Turk daldala Israa'el waliin gootu adda kutuu beeksifte

Beenjmiin Netaaniyaahuufi Tayiip Erdohaan

Madda suuraa, Getty Images

Ulaa Gaazaatti ''gara jabina namoomarratti'' qaqqabaa jirurraa kan ka'e Turk daldala kamuu Israa'el waliin qabdu adda kutuu beeksifte.

Ministirri Daldalaa Turk ''tarkaanfiin kun hamma Israa'el deeggarsa namoomaa adda hin citneefi gahaa ta'e Gaazaa akka galu hayyamtutti itti fufa'' jedheera.

Daldalli Israa'eliifi Turk gidduutti bara darbe gaggeefame maallaqa doolaaraa biiliyoona 7 baasa.

Murtee kana hordofee ibsa kan kenne Ministeerrii Haajaa Alaa Iraa'el pireezidantiin Turk Tayiip Erdohaan ''akka abbaa irree'' ta'aa jira jedheera.

Israa'el Kaatz fuula X gubbaa deebii kennaniin, ''Erdohaan fedha uummata Turkii, daldaltootaa fi waliigaltee daldalaa idila addunyaa kabajuu dhabe'' jedhan.

Minsiteerri Israa'el omishaa fi meeshaalee silaa Turk irraa batamanii galaa turaniif filannoon biraa akka barbaadamu ajajeera. Bakka meeshaalee Turk irraa dhufanii omishaaleen biyya keessatti omishaman akka bakka bu'an ykn ammoo biyya biraarraa akka galan yaadni dhiyaateera.

Turk ibsa baasteen, dhorkaan daldalaa keesse omishaalee hunda akka ilaallatu beeksifte.

Dabaluun ''mootummaan Israa'el dhiyeessiin deeggarsaa adda hin citneefi gaahan Gaazaa akka galu hamma hayyamutti Turk murtee kana jabeessitee hojiirra oolchiti'' jedhe.

Turk bara 1949tti Israa'eliif beekamtii kennuun biyyoota Musliimaa jedhaman keessaa kan jalqabaati. Waggoota kurna darban garuu hariiroon isaanii hammaachaa jira.

Bara 2010tti aktivistootni lammiilee Turk 10, kan deeggartoota Filisxeem ta'an, daangaarratti komaandoowwan Israa'eliin ajjeefamuu hordofee Turk hariiroo dippiloomasii biyyattii waliin qabdu adda kuttee ture.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Bara 2016tti hariiroosaanii bakkatti deebisani kan ture ta'us, waggaa lama booda sababa daangaa Israa'eliifi Gaazaatti mormii dhalateen Israa'el Filisxeemota ajjeesteef biyyootni lameen dippiloomaatota waliisaanii ofirraa ari'aniiru.

Pireezidant Erdohaan erga waraanni Gaazaa eegalee irra deddeebiin Israalirratti qeeqa dhiyeessu.

Ji'oota dura haleellaan Beenjaamiin Netaaniyaahuu'' wanta Hiitleer dalageen gadi miti'' jedhaniiru.

Netaaniyaahuun deebii kennaniin ''Erdohaan, namni Kurdootarratti duguuggaa sanyii raawwate, gaazexessitoota bulchiinsasaa morman hidhuudhaan addunyaarraa riikardii qabu, amma nama safuu labsu ta'ee dhiyaate'' jedhan.

Israa'el ulaa Gaazaa keessatti dhiyeessii deeggarsa namoomaa danqaa jirti jedhamuun qaamolee idila addunyaan qeeqa jabaa keessa galteetti.

Qondaalli UN mirga namaarratti hojjetu Voolker Taark yaada BBCf kenneen Israa'el Gaazaa keessatti beela akka meeshaa waraanaatti fayyadamaa jirti yaadni jedhu amansiisa akka fakkaatu dubbatan.

Isaa'el gamasheen deeggarsa danqaa jirti isa jedhamtu balaaleffattee, Dhabbatni Biyyoota Gamtoomanii warra deeggarsa fedhaniif dhiyeessuu hin dandeenye jechuun komatti.

Qorannoon UNn deeggarame akka agarsiisutti namootni miiliyoona 1.1 ta'an hanqina nyaataaf saaxilamaniiru, kanarraa kan ka'e Kaaba Gaazaatti balaa beelaa ji'oota muraasa keessatti mudachuuf adeema jedheera.

Ameerikan deeggarsi namoomaa akka dhiyaachuu danda'uuf tattaaffii gochaa kan jitu yoo ta'u, miseensonni waraanaashee ulaa deeggarsi itti dhiyaatu banuun guyyoota keessatti dhiyeessiin akka eegalu ibsiteetti.