'Dhaabbileen namoomaa buqqaatota Oromiyaa keessaafis xiyyeeffannoo kennuu qabu'-Waldaa Hakiimota Oromoo

Dhaabbileen deeggarsa namoomaa kennan biyya keessaa fi idil-addunyaa akkuma kan naannoo Tigiraayiif gochaa turan Oromiyaa bakkeewan walitti bu’insi jiruufis xiyyeeffannoo kennuu akka qaban Waldaan Hakiimota Oromoo gaafate.

 Sababa rakkoo nageenyaa fi haleellaa namoota nagaarratti gaggeeffamuun godinaalee Wallaggaa, keessumaa Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu keessaa namootni kuma dhibbaan tilmaamaman qe’ee isaanii irraa buqqa’aniiru.

 Haa tahu malee, hedduun isaanii kaampii keessatti walitti qabamanii waan hin jirreef lakkoofsa isaanii beekunillee rakkisaadha.

Namootni qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’an kunneen bakka jiranitti deeggarsa fayyaa gahaa argataa akka hin jirre Waldaan Hakiimota Oromoo hime.

 ''Waggaa muraasan as kutaalee Oromiyaa keessumaa gara Lixa Oromiyaan waraanni hamaan gaggeeffamaa ture.

Kun ammoo tajaajila fayyaa irratti dhiibbaa fiduun bakkeewan adda addaatti akka duraaniitti tajaajilli fayyaa uummataaf kennamaa hin jiru,’’ jedhan Hogganaan Waldaa Hakiimota Oromoo Dr Gammachiis Biiftuu.

Buufataaleen fayyaa aanolee Wallagga Lixaa fi Horroo Guduruumuraasa tajaajila fayyaa kennaa akka hin jirre jiraattotni BBC’n dubbise himaniiru.

 ‘’Waraana keessatti namni kamiyyuu tajaajila fayyaa argachuuf mirga qaba’’ kan jedhan Dr Gammachiis Wallaggaa fi Shawaa Lixaa xiyyeeffannoo barbaadu hin arganne jedhan. 

‘’Dhiyeessiin qorichaa gahaan hin jiru.

Dhaabbileen fayyaa hojii isaanii dhaabanii jiru. Qorichootni tajaajila fayyaa hatatamaaf oolan gahaan hin jiran. Kana gidduutti fayyaan uummataa gaaga’ama hamaaf saaxilamaa jira,’’ jedhan Dr Gammachiis.

Dhaabbileen idil-adunyaa deeggarsa namoomaa kennan akkasumas dhaabbileen biyya keessaa fi mootummaan xiyyeeffannoo itti kennuun deeggarsa akka argatan gochuu qabu jedhan.

 Dabalataan bakka buqqaatonni walitti qabamanii jiranitti waan jala boqatan dahoo adda addaa fi uffanni qorraa dhiyaachuufii akka qabu himan.

 Dabalataan dhukkubni daddarbaan yoo ka’e salphaatti namoota baay’ee miidhuu danda’a kan jedhan Dr Gammachiis, birmannaan yoo taasifame xiqqaachuu danda’a jedhan.

 ‘’Haadholii ulfaa, haadholii harma hoosisan, jaarrolee fi ijoolleen namoota buqqa’an keessa jiru.

Isaan kunneen yaala waan barbaadaniif akkuma kan Tigiraay sana xiyyeeffannoo barbaada jedhan.

 Godinaalee Oromiyaa akka Wallagga Lixaa fi kaan keessatti dhiyeenya weerarri Busaa fi Gifiraa ka’uun namoota miidhaa akka jiru BBC’n jiraattotaa fi Biiroo Fayyaa Oromiyaa irraa odeeffate.

Waldaan Hakiimota Oromoo erga hundaa’ee waggoota afur lakkoofsiseera. Yeroo weerara koroonaavaayirasii Biiroo Oromiyaa cina dhaabachuun hojii gorsaa fi tajaajila guddaa kennaa akka ture hogganaan waldichaa himaniiru.

 Waldaan Hakiimota Oromoo kun dandeettii fi gahumsa ogeessota fayyaa cimsuu, tajaajila fayyaa fooyya’aa uummatni akka argatu gochuu fi tola ooltummaanis hakiimonni isaa tajaajila fayyaa akka kennan gochaa ture.

Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii tibbana sababa walitti bu’insa Oromiyaa keessa jiruun lakkoofsi namoota deeggarsa eeggatanii dabalaa dhufeera jedhe.

Wallagga Bahaa aanaa Kiramuu fi Horroo Guduruu keessaa namootni qe’ee isaanii irraa buqqan BBC’n dubbise deeggarsa gahaa argataa akka hin jirre himaniiru.

Tibbana Wallagga Bahaa aanaa Kiiramuu fi aanolee Godina Horroo Guduruu akka Jaardagaa jaartee, Horroo Bulluqii fi kaan keessatti haleellaa namoota nagaa irratti finxaaleyyiin Amaaraa bananiin lubbuun namota baay'ee darbuu jiraattotni himaniiru.

Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa Oromiyaa kutaalee walitti bu'insi mudate keessatti sarbamni mirgoota namoomaa qaamolee hidhataniin raawwachuu ibsee ture.

Godinaalee kanneen keessa hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo, hidhattoota Faannoo socho'u.

Mootummaan nageenya namoota nagaa eegsisuu dadhabe jedhamuun komatama.