Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Evartan 2 Liivarpuul 0: Kilop dhiifama jedhe, Varjil Van Daayik gareesaa shakke
Evartan dirreesaa Gudisan Paarkitti kilaba waancaaf wal'aansootti jiru- Liivarpuul mo'achuun, dhiphuu fi dhiibbaa jala jiru obbaafate.
Kilaboonni darbii michuu waliin ta'an kunneen kaleessa galgala dirree Gudisan Paarkitti walitti jijjiiraman.
Evartan qe'eesaatti Liivarpuul waamee haala kanaan wayita salphisu, erga bara 2010 kan jalqabaati.
Garuu dhimma ijoo kan ta'e Evartan garee Yargan Kilop goolii 2 fi 0 dhaan mo'achuusaa qofa miti, kanaan booda wal'aansoon Liivarpuul waancaaf taasisu shakkii keessa galuusaati.
Dursaan garee Liivarpuul Varjil Van Daayik kaka'umsi gareensaa mo'atee qabxii argachuuf qabu gaaffii itti ta'eera.
Dorgommii tapha kubbaa miillaa Piriimer Liigii Ingilaand kan bara kanaa xumuruuf taphi afur kan isa hafu Liivarpuul, liigicha dursaa kan jiru- Arsenaal irraa qabxii sadiin duubatti hafeera.
Chaampiyoonaa bara darbee kan ta'e Maanchister Siitiin ammoo tapha ja'a qaba, akkasis ta'ee qabxii tokkittiin caalamee Liivarpuul booda jira.
Liivarpuul maayii kanarratti, wayita dorgommiin xumuramuu ga'etti taphoota sadan darban keessaa, kan Gudisan Paarki kana dabalatee, lama mo'atamuusaatti.
''Liigicha dursuun xumuruudhumayyuu dhuguma barbaaduu laata?'' jedhe dursaan garechaa Varjil Van Daayik.
Goolii lameen Evartan ittiin mo'ate kan galchan taphataa sarara ittisaa Jarrad Branthwaite fi jifataa Carvert-Lewin. Evartan erga bara 2010 as qe'eesaatti Liivarpuuliin akkas godhee hin beeku.
Torban dura qe'eesaatti Kiristaal Paalaasiin goolii 1 fi 0 dhaan injifatamee kan ture Liivarpuul, ammas Evartaniin mo'atamuun hireen waancaa isaa duubatti harkifateera.
Van Daayik miira aarii fi xiiqiin akkas jechuun Sky Sports'tti dubbate: ''Dorgommiidhuma kamirrattuu haala kanaan kan taphattu yoo ta'e, dhiibbaa jiru dandamattee hin baatu yoo ta'e, carraan waancaa akkaan dhiphaa ta'a.''
''Kallattii hedduun wantoonni nama mufachiisan turan. Hunduu of ilaaluu qaba. Raawwii ofii madaaluun 'dhuguma waan narraa eegamu kenneeraa?' jedhanii of madaaluu qabu.''
Yeroon kun kan xiyyeeffannaa guddaan itti hojjennuudha kan jedhu Van Daayik, ''keessattuu kilaboota liigicha keessaa bu'uuf jiran eeggachuu qabna. Akka har'aa kanatti taphanna yoo ta'e liigicha mo'achuuf carraa hin qabaannu,'' jedhe.
Kilop mo'amuusaaf dhiifama gaafate
Yargan Kilop wayita Liivarpuulitti nagaa dhaammachuuf jedhutti kilabichi waancaawwan afur of harka galfachuuf abbalaa ture.
Garuu haala amma jiruun Kaarabaawoo qofatti waan hafe fakkaata. Maanchistar Yunaayitid waamcaa FA keessaa isa baaseera. Atlaantaan carraa Yurooppaa Liigii isa dhabsiiseera.
Gareen Kilop Sambata dhufu West Haam waliin taphata, ittaansuun taphoota sadan isa hafan Tootanhaam, Astan Viilaa fi Woolvis waliin taphata.
Raawwii gareesaaf guddoo kan yaadda'e Yargan Kilop, dorgommiin waancaa hafee hirmaannaa Chaampiyoonsi Liigii bara dhufuufillee akka isa sodaachisu hime.
Garuu taphni lama hafeefii shanaffaarra kan jiru Tootanhaam qabxii 14n Liivarpuul booda jira.
''Raawwii ajaayibsiisaa miti kan agarsiisne. Akkanaan miti kan nu beekan. Baayyeen gadda. Dhugaadha! uummata dhiifama gaafanna,'' jedhe Kilop.
Taatee isa mudate kana booda Liivarpuul sadarkaa akkamiirratti of eega jedhamuun kan gaafatame Kilop, ''maaliif akkan kana gaafatamu hin beeku, waan barreeffamee jiruudha. Gabatee liigicharra jira,'' jechuun deebisan.
''Ammallee dorgommii sana [kan waancaa] keessa jirra jedhuu? Siitii fi Arsenaal rakkoon akka mudatu feena. Nutimmoo tapha nu hafu hunda injifachuu qabna. Isaan tapha hunda mo'amanillee akka eda galgalaatti kan taphannu yoo ta'e ammas jijjiiramni hin dhufu. Tapha kubbaa miillaa fooyya'aa taphachuu qabna.''