Tarkiin filannoo aangoo Pireezidant Erdowaaniif murteessaa ta'e gaggeessaa jirti

Deegartoonni Edohaan filannoon eegalamuu dura bahuun deeggarsa isaanii agarsiisaa turan

Madda suuraa, Reuters

Warri Tarkii filannoo aangoo pireezidantummaa biyyattii murteessu gaggeessaa jiru.

Qondaalli siyaasaa gameessi waggaa 20 darbaniif biyyattii bulchaa jiran Rasip Xayyib Erdowaan itti fufuu fi dhiisuu isaanii filannoo kanatu murteessa.

Morkataan isaanii, kan deeggarsa paartilee mormitootaa hedduu qabu, Kamaal Kilicdaroglu filannoo kana akka filannoo riifarandamii egeree Tarkii murteessuutti ibsan.

Filannocha mo'achuutti dhihoo kan jiran Aab Erdowaan, yoo carraa argatan tokkummaa Tarkii daran akka cimsan waadaa seenan.

Dhimmi ijoon biyyattii hudhee qabee jiru garuu qaala'iinsa jireenyaa hamaadha.

Buufataaleen filannoo waaree booda sa'atii 11 irratti cufamu. Lammiileen biyyattii Awurooppaa fi US jiran dursanii sagaleesaanii kennaniiru.

Marsaa jalqabaa filannoo kanaan kanneen filachuu qaban keessaa dhibbeentaan 88.8 filataniiru.

Erdowaan sagalee miiliyoona 2.5n dursa argatan. Amma kaadhimamtoonni kunneen uummata marsaa duraa ba'ee hin filannee miiliyoona saddeet irra ijasaanii buufatanii jiru. kun isaaniif murteessaadha.

Filannoon marsaa lammataa murteessaa ta'e kun eegalamuu dura Aab Kilicdaroglu morkataan isaa shira irratti xaxuu himate.

Ergaa gabaabaan kansaa deeggartootasaa bira akka hin geenye uggaramuu fi kan pireezidantichaaf qofa karaan banamuu komate.

Paartileen morkattootaa filannoon akka waliin hin dhahamne eeguuf jecha qaamolee nageenyaa fedhii qaban hedduu ramadaniiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Taajjabdoonni idil-addunyaa filannoo marsaa duraa irratti gochaawwan al-idilee arguu ibsaniiru.

Garuu bu'aa filannoorratti hagam dhiibbaa akka uume wanti akeekan hin turre.

Aab Kilicdaroglu wayita duula na filadhaa isa xumuraa gaggeessu waan seenaa biyyattii keessatti haaraa fi keessummaa ta'e uummataaf waadaa galee ture.

''An masaraa keessa jiraachuuf fedhii hin qabu. Akka keessan ta'een isin waliin jiraadhee rakkoo keessan fura,'' jedhe.

Dubbiin kun Pireezidanti Erdowaan tuquuf akka ta'e ifaadha.

Masaraa ajaayibaa handaara magaalaa Ankaaraa irratti ijaarame, kan Aab Erdowaan wayita aangoo Ministira Muummee obbaasanii pireezidantii ta'an itti darban guddoo qeeqaa ture.

Aab Erdogaan bara 2014 erga pireezidantii ta'anii masaraa akkaan guddaa fi bareedaa ta'e kanatti galan.

Erga bara 2016 yaaliin fonqolcha mootummaa isaanirratti gaggeeffame fashalaa'ee humna fayyadamuu eegalan.

Namoota kuma dhibbaan lakkaa'aman hidhan, miidiyaas to'annoosaanii jala galchan, Pireezidanti Erdowaan.

Pireezidanti Erdowaan wayita duula filannoo isa xumuraa Sambata kaleessaa gaggeessanitti, iddoo awwaalchaa Ministira Muummee biyyattii bara 1960 fonqolcha mootummaa irratti raawwatame booda humna waraanaan ajjeefamanii daawwataniiru.

Pireezidanti Erdowaan iddoo awwaalchaa MM duraanii daawwatan

Madda suuraa, MURAT KULA/ANADOLU AGENCY VIA GETTY IMAGES

"Barri fonqolcha mootummaa fi juntaa darbeera,'' jechuun tasgabbii amma Tarkiin keessa jirtuuf sababii bulchiinsa isaanii ta'uu eeran.

Tarkiin garuu yeroo ammaa fiixee lama qabattee gidduutti dhiphataa jirti.

Pireezidanti Erdowaan biyyattiin akka duudhaa amantii ganamaatti bulti jedhu, morkattoonni ammoo dhimma amantii bulchiinsa keessaa baasuu fedhu.

Qondaaltonni lameen guyyoota darban jechoota walitti daddarbachaa turan.

Aab Kilicdaroglu Pireezidanti Erdowaan dabeessa, filannoo haqa ta'e gaggeessaa jalaa dheessa jechuun arrabsaa ba'e.

Aab Erdowaan ammoo morkataan isaanii tarree warra ''shororkeessitootaa'' waliin jira jechuun, hidhattoota Kurd waliin walitti hidhanii arrabsan.