Dhimmi filannoo Tarkii maaliif Afrikaa keessatti xiyyeeffannaan hordofama?

Madda suuraa, Getty Images
Dhiibbaan Tarkiin Afrikaa keessatti qabdu waggoota 20 darban akkaan dabaleera, egereen hariiroo kanaa filannoo pireezidantummaa Dilbata dhufu gaggeeffamuun murtaa'a.
Recep Tayyip Erdogan bar-kurnee lama dura erga gara aangootti dhufanii eegalanii fedhiin isaan biyyoota Afrikaa irraa qaban akkaan olaanaa ture.
Carraawwan diinagdee, waraanaa fi dippiloomaasii jiran hundatti fayyadamuun hariiroo Afrikaa waliin cimsatan Pireezidanti Erdogan.
Haala kanaan hariiron kun cimee itti fufuu kan danda'u yoo pireezidantichi irra deebiin filataman qofa akka ta'e nama hin shakkisiisu.
Morkataan isaanii dursaan paartii Rippaabilikaan Kamaal Kilicdaroglu xiyyeeffannaansaa gara Awurooppaa fi warra lixaati, dhimma Afrikaaf waan dursa kennu miti.
Hariiroon Tarkii fi Afrikaa yoom eegale?
Hariiroon Tarkii fi Afrikaa kan eegale bara 2003 wayita Aab Erdogan Ministira Muummee ta'uun jalqaba aangoo qabataniidha.
Aab Erdogaan isa booda pireezidantii ta'an.
Yeroo sana Aab Erdogan iddoo itti diinagdeesaanii babal'isan gabaa barbaadaa turan.
''Jalqaba bara 2000 keessa diinagdeen Tarkii akkaan guddatee waan tureef biyyattiin gabaa barbaadaa turte,'' jedha ogeessi imaammata dhimma alaa Tarkii Aab Demirtas.
"Gabaan adda addaa biyyoota 50 olii fi namoota biiliyoona 1.2 ol qabu, al-ergii fi daldaltoota Turkiif carraa bu'aa guddaa argamsiisu kennan."
Daldalli Tarkiin waggaatti biyyoota Afrikaa keessatti taasistu bara 2003 doolaara biiliyoona 5.4 ture, bara 2021 ammoo doolaara biiliyoona 34.5 ga'e.
Tarkiin daldalli kun gonkumaa kan saamicha of keessaa hin qabneedha jetti.
Bara 2013 Ministira Muummee kan turan Erdogan wayita Gaaboon daawwatanitti akkas jedhan.
''Afrikaan kan Afrikaanotaati. Nuti warqii keessan guurrachuuf miti kan as jirru.''
Gama humna waraanaatiin...
Gurgurtaan meeshaa waraanaa- dippiloomaasii diroonii (drone deplomacy) jedhamuun beekamu, Ankaaraaf madda galii isa ijoodha.
Dirooniin Tarkii Bayraktar TB-2 jedhamu bu'a qabeessummaansaa Liibiyaa, Armeeniyaa fi Yukreen keessatti hojiirra ooluun erga mirkanaa'ee booda, yeroo ammaa garee jihaadistoota ofiin jedhanii fi biyya Lixa Afrikaa- Saaheel keessa socho'an ittiin haleeluuf meeshaa mudaa hin qabne ta'eera.
Bitootessa bara kanaa dirooniiwwan Tarkii hedduun magaalaa guddoo Maalii, Baamaakoo galaniiru.
Biyyoonni akka Burkina Faasoo, Toogoo fi Niijeeris diroonii Tarkii bitataniiru.
Biyyoonni naannawa Saaheel afran kunneen, garee hidhattoota Islaamaa ofiin jedhaniin dararamaa jiraachuu himatu.

Madda suuraa, Getty Images
Morookoo, Tuniiziyaa, Itoophiyaa, Naayijeeriyaa fi Somaaliyaanis maamiloota Tarkiirraa diroonii bitachuun beekamaniidha.
Chaayinaan Afrikaa keessatti gabaa diroonii to'attee kan jirtu taatus, Tarkiin garuu gatii madaalawaan dhiheessuun dorgommii keessa galteteti.
Konkolaattonni hidhannoo fi lafa albuudaa qulqulleessan, sirni sensaraa fi hordoffii akkasumas qawweenis qaama waliigaltee meeshaa waraanaa hedduu Tarkiin dhiheenya kana biyyoota Afrikaa waliin mallatteessite keessaati.
Waliigalalatti biyyoonni Afrikaa 30 ta'an waliigaltee nageenyaa Tarkii waliin qabu.
Tarkiin sochii farra-shororkeessummaa biyyoota Afrikaa keessatti hirmaachuun alatti, Naayijeeriyaa, Moritaaniyaa fi Niijeer keessatti gargaarsa namoomaa cimsiteetti.
Michummaa Tarkii fi Afrikaa akkaan dabale...
Aab Erdogaan gama miliitarii fi daldalaan alatti,michummaa biyyoota Afrikaa waliin cimsuun beekamu.
Tarkiin bara 2005 miseensa taajjabdootaa Gamtaa Afrikaa ta'uun filamte, waggaa sadi booda michuu murteessituu jedhamuun moggaafamte.
Bara 2014 irraa eegalee daawwannaan sadarkaa aanga'oota olaanoo mootummaatti gaggeeffamu 50 ta'u, aanga'oota Tarkiitiin gara biyyoota Afrikaa 30tti taasifameera.
Pireezidanti Erdogan yeroo afur Senegaal daawwatan. Chaayinaa fi Jarmaniillee haguma kana daawwatan.
Bakka isaan deeman maratti jilli biizinasii waliin imala. Pirejektii investi godhan osoo hin fudhatin hin ba'an.

Madda suuraa, Getty Images
Dhiheenya kana Yugaandaa kontiraata ijaarsa daandii baaburaa hanga daangaa Keeniyaatti fulla'uu Chaayinaa harkaa fuutee Tarkiif kennuuf haasaa eegalaniiru.
Yaa'iin Tarkii fi Afrikaa dureewwan biyyoota Afrikaa hundaan hordofama, kan irraa hafu hin jiru.
Baayyinni imbasii Tarkiin Afrikaa keessaa qabdu ammoo dhiibbaan biyyattii ardicha keessatti qabdu sirriitti hima.
Tarkiin Afrikaa keessaa imbasii 44 qabdi, Ameerikaan 49, Firaansi 46, Chaayinaan 53.
Kanaafuu Erdogan yoo filannocha mo'atan hariiroon kun daranuu jabaata.
Yoo morkataan isaanii Kilicdarodlu mo'ate ammoo waa'een Afrikaa Tarkii biratti homaatti hin lakkaa'amu.












