Itoophiyaan marii biyyaalessaa adeemsisuuf jirtuun carraawwaniifi yaaddoo akkamii qabdi?

Madda suuraa, Getty Images
Itoophiyaan dhibdeewwan siyaasaafi rakkoolee tokkummaa biyyattii irratti gufuu tahan maqsuuf marii biyyaalessaa adeemsisuu akka furmaata ijootti erga qabattee adeemsi jalqabamee bubbuleera.
Manni marii bakka bu’oota uummataas labsiidhaan komishinii walabaa marii biyyaalessaa kana adeemsisu hundeessuun isaa ni yaadatama.
Biyyi saboota baayyeefi fedhiin siyaasaa hedduun keessa jiru kun marii biyyaalessaa kanaaf carraawwanii fi dhimmoota yaaddoo tahan akka qabdu ogeessi dhimma kanarratti qorannoo gaggeessan BBC’tti dubbataniiru.
Obbo Ibsaa Camadaa jedhamu. Isaan mana hojii abbaa alangaa Oromiyaatti Abbaa alangaa Naannoo yoo tahan, dhimma marii biyyaalessaa irratti qorannoo adeemsisuu himu.
Akka isaan jedhanitti, mariin biyyaalessaa toftaa ittiin biyyi tokko dhibdee siyaasaa keessooshii ittiin furattu isa ijoodha.
“Mariin biyyaalessaa ce’umsa siyaasaa fi nageenyaa itti fufiinsa qabu fiduuf gargaara. Dabalataanis wal waraansa aangoo qabachuuf taasifamu dhaabsisuu, sarbama mirga namoomaa karaa fulla’aa ta’een dhaabsisuuf mala filatamaadha,” jedhan.
Qorannoo isaanii kanaan muuxxannoo biyyoota addunyaa garagaraa marii biyyaalessaa biyya isaanii keessatti adeemsisanii milkaa’aniifi hin milkoofnee xiinxaluu kan himan Obbo Ibsaan, gareen lachuu sababa milkaa’inaafi kufaatii mataasaanii qabu jedhu.
“Itoophiyaan warra marii biyyaalessaatiin milkaa’an irraa barachuu qabdi. Warra osoo hin milkaa’in hafan irraas sababa milkii isaan dhoowwe irraa barachuu barbaachisa,” jedhan.
Mariin biyyaalessaa biyya tokkoo milkaa’ee jennaan biyyattiif bu’aan inni fidu daran guddaa akka ta’es akeeku.
“Inni jalqabaa waldanda’iinsa siyaasaa uuma. Nagaafi Tasgabbiitu dhufa. Tokkummaa biyyaalessaa fiduu danda’a. Biyyi gara dimokiraasitti akka ceetus godha. Saboota gidduutti walqixxummaa siyaasaa fi dinagdee fida,” jedhan.
Itoophiyaan marii kanaaf carraa akkamii qabdi?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Mariin biyyaalessaa Itoophiyaan adeemsisuuf jirtu akka milkaa’uuf carraa tokko ta’ee eeramuu kan danda’u komishiiniin marii kana hoogganu wallaba kan ta’e hundaa’uu isaatii jedhu Obbo Ibsaan.
“Walabummaafi hirmaachisummaa komishinii kanaa paartileen mormituu komiin kaasan akkuma jirutti ta’ee, labsiin of danda’ee dhaabbachuunsaa carraa tokkodha. Kan biraan aadaafi duudhaa biyyaa komishiin kun fayyadamuu akka danda’u tumamuunis carraa kan biraati,” jedhan Obbo Ibsaan.
Labsii kana keessatti aadaafi duudhaawwan biyya keessa jiran fayyadamamuu akka danda’u akeekameera. Duudhaawwan araaraafi nageenya buusuu kan akka duudhaa haadholii siinqee Oromoofi kan saboota biroos akka dhimma itti bahamu danda’amu labsii kanarratti tumamuun carraa gaariitti kan ibsamu jedhan.
Obbo Ibsaan kana haa jedhan malee dureewwan paartiilee siyaasaa kan akka Pirofesar Mararaa Guddinaa walabummaa komishinii kanarratti amantaa akka hin qabne BBCtti himunsaanii ni yaadatama.
Qajeeltoowwan idil- addunyaa ta'an labsii Komishinichaa irratti hammatamanii jiraachuunis carraa marichi qabu kan biraati jedhu Obbo Ibsaan.
“Qajeeltowwan idil-addunyaa kan akka hirmaachisummaafi hammattummaa labsii kana keessatti hammatameera. Labsii kun namni kamuu akka itti hirmaatu akeeka. Inni hidhates jechuudha. Labsicharratti qaamni akka irraa ittifamu ta’a jedhu hin jiru,” jedhan.
Mariin mootummaan Itoophiyaafi Waraanni Bilisummaa Oromoo waliin jalqabanii jiranis milkaa’ina marii biyyaalessaa Itoophiyaan adeemsisuuf jettu kanaaf carraa guddaa akka ta’es himu ogeessi kun.
Bakka buutoonni motummaan Itoophiyaafi WBO baatii lamaan dura seenaa keessatti yeroo jalqabaatiif Taanzaaniyaa-Zaanzibariitti guyyoota sagaliif mariif waliin taa'anii turan.
Milkaa’ina mariichaaf yaaddoowwan jiran maali?
Akka Obbo Ibsaan jedhanitti, dhimmi hirmaachisummaa mariin biyyaalessaa Itoophiyaan adeemsisuuf jechaa jirtu kun akka hin milkoofne gochuu danda’a jedhamee yaaddoo guddaa ta’uu danda’a.
“Marii Itoophiyaan adeemsisuuf jirtu kana keessatti qooda fudhattoonni hundi hammatamuu dhiisuu malu. Qooda fudhattoonni hundi yoo hin hirmaanne ammoo marii bu’a qabeessa gageessuun baayyee rakkisaa taha,” jedhan.
Muuxannoo mariin biyyaalessaa Sudaan Kibbaa ittiin milkaa’ina dhabe keessaa inni ijoon dhimma hirmaachisummaa dhabuu akka ta’es himu.
“Sudaan kibbaa yeroo marii biyyaalessaa adeemsiste kutaaleen biyyattii lama, Arkoobaafi Akoobeen jedhaman itti hin himaachisne. Sababa kanaan milkaa’ina dhabe. Qaamni hundi yoo hin hirmaanne marii biyyaalessa milka’uuf yaaddoo taha,” jedhan.
Qooda fudhattoonni marii biyyaalessaa seera marichaa (Code of Conduct) irra cehuu akka malaniifi rakkoon nageenyaa amma biyyattii keessa jiru gara wal hubannaatti dhufamee yoo hin furamnes yaaddoo milkaa’ina marichaati jedhan Obbo Ibsaan.
Ajandaalee gurguddoo ta’aniin ala ajandaalee hedduu gara marii biyyaalessaatti fiduunis dhimmoota marii biyyaalessaa akka hin milkoofne godhan keessaa ijoo waan ta’eef, Itoophiyaan marii biyyaalessaa kana yoo gaggeessitu ajandaalee gurguddoo irratti qofa fuullefachuu akka qabdus himu.
“Yemen sababni mariin isaanii milkaa’uu dhabee biyyattiin diigamteef tokko ajandaan marii heddumachuudha. Afrikaa Kibbaafi Tunisiyaan ammoo ajandaa ijoo qofa godhatanii marii biyyaalessaatti milkaa’ani,” jedhu.
Marichi akka milkaa’uf jechas mootummaan dhimmoota yaaddoo tahan kunneen marichaan duratti furmaata itti kennuudhaan milkaa’ina marichaatif haala mijeessuu akka qabus akeeku.
Paartileen mormitootaas dhimmi marii biyyaalessaa dhimma tokkummaa biyyaafi biyyaa itti fufsiisuu ta’uu hubachuudhaan garaagarummaa isaanii xiqqeessannii hirmaannaa isaanirraa egamu bahuun milkaa’ina marichaaf tumsuu gaafatas jedhu.
Mariichi yoo milkaa’uu hafe maaltu uumama?
Biyya tokko keessatti mariin biyyaalessaa osoo hin milkoofne yoo hafe biyyattii sanaaf kufaatii akka fidu muuxxannoo biyyoota biraarraa waan hubatamu jedhu Obbo Ibsaan.
“Mariin Yoo milkaa’e bu’aa guddaa akkuma biyyaaf fidu yoo milkaa’ina dhabe biyyattiitti raafama mariidhaan dura ture caalu fida. Kanaaf mariin biyyaalessaa of eeggannoo cimaa barbaada,” jedhan.
Mariin biyyaalessaa Itoophiyaan adeemsisuuf jirtu qixa labsii irra taa’een yoo hojiirra oole milkaa’ina fiduu akka danda’uufi dhimmoonni yaaddoo tahan kun dursamee yoo hin furamneefi marichi milkii dhabe garuu rakkoo biyyattii kan amma jirurra carraa hammeessuu uumuu mala jedhan.












