Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Booltii hanga Ronaaldootti: Namoota injifannoo booda mallattoo agarsiisaniin gurra horatan
Ispoorteessitoonni bebbeekamoo fi nami saffisaa addunyaa Yuuziyeen Boolt dorgommii erga injifatee booda dhaabatee haala moo'icha isaa itti ibsu daldalaaf galmeessisuufi.
Haa ta'u malee, isa qofaa miti dhaabbiin isaa kannamoota kaan hedduun kan yaadatamu.
Mee mallattoo Booltiifi taphattoota kaan haa ilaallu.
Akkaataa Waajjira Mirga Abbentaa fi Daldalaa Ameerikaatti, Boolt akkaataa injifannoo booda dhaabatee gammachuu isaa itti ibsu galmeessisuuf torban darbe isaan bira iyyata galfateera.
Akka iyyata atileetotaan dhihaatu nama hordofu Joosh Gerbeenitti, Boolt suuraa isaa dhimma adda addaaf itti fayyadamuuf yaadeera.
Biraandii kanaan gurgurtaa uffata keessa hirmaachuufi kaanis jiru.
Megaan Raappinoo
Taphattuun kubbaa miilaa Ameerikaa Megaan Raappinoos akkaataan isheen injifannoo itti ibsituun beekamti.
Shaampiyoonaan Waancaa Kubbaa Miilaa Dubartootaa Addunyaa fi injifattuun warqii Olompikii kuni fuula seequun harkashee bal'isuun gammachuu ibsuun beekamti.
Bara 2019 taphattuu cimtuu FIFA jedhamuun badhaafamte. Akkaataan isheen gammachuu ibsitu, salphaafi kaan arganii akkashee miira ibsachuuf isaan hin rakkisu.
Moo Faaraa
Mohaammad Faaraa Olompikii, Shaampiyoonaa Addunyaafi fiigicha fageenya dheeraa Awurooppaa irra deddeebiin atileetii injifatedha.
''Atileetii cimaa UK hanga yoonaa dorgomaa hin qabne'' jedhamuunis ibsama.
Innis yeroo injifatu harka isaa mataa isaarra kaa'e mul'isuun beekama. Mallattoon kuni ''Mobot'' jedhama.
Harki isaa yeroo mataa isaarra taa'u mallattoo qubee M - Mo jedhu kenna.
Kiristiyaanoo Ronaaldoo
Taphataan beekamaa Porchugaaliifi jifataan Maanchistar Yinaayitid, akkaataa galchii booda gammachuu isaa ibsuun namoonni hedduu isa yaadatu.
Fiigee, utaalee, miila bal'ifatee harka isaa kallattii lamaan fulduratti bal'isa.
''Si'' jechuunis cooka. Jechi 'si' jedhu Afaan Porchugaaliin eeyyee/ akkas jechuudha.
Son Heng - Min
Xumurarra taphataan Kooriyaa Kibbaa Son Heng - Min jedhamuufi Tootanhaam Hotispariif taphatu, mallattoo addaa ofii galchii booda gammachuu ibsatu tolfateera.
Quba isaa ija isaa biratti wal qabsiisee mallattoo kaameraa haala ture galmeessuuf yaadame akeeku agarsiisa.
Ispoorteessitoota kanneen keessaa mallattoon Yuuziyeen Boolt akkaan beekama. Addunyaarraa kan haalaan beekamu kan isaati jechuun danda'ama.
Iyyati galmee daldalaaf akka oolu iyyate yoo milkaa'e, ittuu beekkamtii isaa dabala.