UN gargaarsa Itoophiyaatti kennu dhaabee ture baatii dhufu akka eegaluu malu ibse

Madda suuraa, AFP
Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UN)tti Sagantaan Nyaataa Addunyaa (WFP)n gargaarsa namoomaa adda kutee ture baatii dhufu Adoolessa keessa eegalee Itoophiyaatti eddoowwan muraasatti akka dhiheessu beeksise.
Dhaabbatichi akkasumas mootummaan US gargaarsa namoomaa Itoophiyaa keessatti dhiheessaa turan sababa gabaasaalee saamameera jedhuutiin dhihoo adda kutanii turan.
Murtee dhaabbilee kanaa garuu Itoophiyaan ‘galma siyaasaa qaba’ jechuun mormiteetti.
Akka qondaalli olaanaa dhaabbatichaa tokko jedhanitti, akkaataan namoonni deeggarsi taasifamuuf irratti to’annoon yoo cime, baatii dhufu deeggarsa muraasa dhiheessuu danda’a jechuu Rooyitars gabaaseera.
Deeggarsi namoota hongeen miidhamaniif ergame saamameera, akkasumas gabaarra ooleera jechuun ture dhaabbatichi deeggarsa taasisaa ture adda kutuu kan beeksise.
Sagantaa Nyaataa Addunyaatti (WFP)tti daarektara misooma imaammataa kan ta’an Vaalarii Gaarniyar eenyutu deeggarsa argachuu qaba kan jedhu murteessuu keessatti gahee itti-gaafatama qondaaltonni qaban xiqqeessuun akka barbaachisu dubbachuuun isaanii gabaafameera.
''Adeemsa namoota deeggarsa fedhan filachuu keessatti nuyi akka Sagantaa Nyaataa Addunyaa akkasumas dhaabbileen miti-mootummaa biroo qooda kallattii akka qabaannu feena,’’ jechuun daarektarichi ibsaniiru.
Qorattoonni UN laafina hordoffii keessumaa rakkoo Naannoo Tigraay keessa jiru akka adda baasan beeksisaniiru.
Dhaabbatichi aangawoota dhimmichi ilaallaturraa deebii jajjabeessaa yoo argate Tigraayiifi dahoo baqattootaa keessatti gargaarsa dhiheessuun walakkeessa baatii Adoolessa keessa itti fufuu akka danda’u eeraniiru.
Gargaarsi akka waliigalaatti Itoophiyaa keessatti atattamaan akka deebi’e eegalus abdii isaanii ibsaniiru.












